Irreechi Irreecha milkii haa ta’u

Irreechi mallattoo nageenyaa, araaraafi obbolummaati; ibsituu abdiifi hawwii gaariiti; duudhaa galateeffannaa Oromooti; calaqqee sirna Gadaati; mallattoo tokkummaafi eenyummaati; waltajjii tokkummaafi miidhagina sabaafi sablammootaati; guyyaa haaromsaa, abdiifi ce’umsaati.

Akkasumas Irreechi araara, galata, kadhannaadha, nageenya, jaalala, gaaddisa namummaati, bu’uura sabboonummaa Oromooti, guddina hawaas dinagdeeti, agarsiistuu guddummaa Oromooti, qulqullummaati.

Egaa Irreecha duudhaalee hedduu qabu kana ummanni Kuush Sulula Mormor keessa jiraataa waan tureef Irreecha waggaa waggaadhaan naannawaa laga sanatti kabajataa akka ture seenaan ni ibsa. Hiddiwwan Kuush bakkeewwan garagaraatti faca’anii argamanis biyyoota Afrikaa biroo keessatti akkasuma ni kabaju.

Haala kabaja kana keessatti Oromoon hidda Kuush keessaa isa ijoo waan ta’eef Sirna Gadaatiin jiraataa ture. Oromoon haala jireenyasaa hunda kan calaqqisiisu Sirna Gadaatiin yoo ta’u, sirna kana keessaa inni guddichi Irreecha. Irreechi ammoo iccitii bal’aafi gadi fagoo qaba. Ummata biroo wajjin hariiroo uumuun kan danda’amu Irreechaani.

Irreecha yaada muraasaan ibsuun hindanda’amu. Yaadrimeensaa bal’aa yoo ta’u, kan kabajamu waggaatti si’a lama. Inni tokko Irreecha Malkaa yoo ta’u, innis bishaan jireenya waan ta’eef laga yookiin malkaa biratti bishaan bu’uura godhachuun kan kabajamudha. Lammaffaan Irreecha Tulluu yoo ta’u, tulluun lafa ol ka’iinsa qabu waan ta’eef ummanni Oromoo tulluurratti argame Waaqa kadhata.

Waaqni humna guddaa kan qabu, bakkawwan hundatti kan argamu, Waaqaafi lafa akkasumas wantoota irra jiran kan uume yoo ta’u, kan waaqessanis isuma jechuudha. Waaqa Tokkicha kan jedhamus kanumaafi.

Waaqa Gurraacha yommuu jedhan, Waaqayyo qulqulluudha jechuufi. Halluuwwan jiran keessaa gurraachi ifaafi qulqulluu ta’uun ni amanama. Gama biraatiin ammoo bishaan jireenya kan kennuufi bakka guddaa kan qabudha. Waaqayyoon kan galateeffatanis sadarkaa kanaani.

Kanaaf ayyaanni Irreechaa duudhaawwan adda addaatiin badhaadhee har’aafi boru Finfinneefi Bishooftuutti kabajamu ummata Oromoo maraafi hirmaattota ayyaanichaa maraaf kan gammachuu, kan milkiifi kan nagaa haa ta’u.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 25 Bara 2017

Recommended For You