Itoophiyaa keessatti sirnoota darbaniin hacuuccaa hamaa irra ga’een Oromoon aadaasaa mitii eenyummaasaa dhoksuufi lagachuuf dirqameera.
Oromoon akka dhala namaa ji’a sagalitti dhalate bineensa lagaa ba’e jechuun, saba qaroomina dimokraasii addunyaaf bu’uura ta’een osoo aadaafi amantaa qabu burjaajjii eenyummaa keessa galee boquu buusee akka jiraatu taasifamee ture. Irreecha gurraachessuufi Oromoo burjaajjessuun har’as gocha guutummaatti dhaabate waan hintaaneef hubatanii hubachiisuun dirqama Oromoo maraati.
Maalummaa Irreechaa
Irreechi aadaa malkaa bu’uun yookiin tulluutti ol ba’uun uumaa tulluu, malkaa, waan lubbuu qabuufi hinqabne ittigalateeffatan malee mataasaatiin amantaa akka hintaane qorattoonni Aadaa Gaazeexaa Bariisaaf yaada kennaniiru. Qorataan Aadaafi Pirezidaantiin Waldaa Maccaafi Tuulumaa Obbo Dirribii Damusee akka jedhanitti, aadaafi amantii dhimmoota dugdaafi garaa ta’an osoo hintaane garaafi aannani. Aadaan taate dhala namaa hunda waan ta’eef taatee dhala namaa ammoo haala waaqeffannaan amantaa kamuu keessatti kan mul’atuudha.
Gochi dhala namaa amantaa keessatti mul’atu hundi calaqqee aadaati. Gochoonni kunneen mataasaaniin amantaa osoo hintaane kabajaafi galata uumaa kan mul’isaniidha. Irreechis akkuma nama waldaa yookiin masjiida deemee uumaa galateeffatu tulluutti yookii malkaa bu’uun galateffachuu malee hiikkoo biroo hinqabu.
Bara 1885 mootiin Minilk Irreecha labsiin wayita dhorku sanaa as mootonni Itoophiyaafi bataskaanni, “Irreechi amantaa alaa galeedha” jedhanii; duula jabaa irratti adeemsisuun dhorkaniiru. Ta’us bara 1990moota keessa namootni shan ja’a hincaalle Hora Harsadeetti dhoksaan irreeffachaa turuu yaadachiisanii; bara 1991tti sochii jabaa taasifameen namoota namoota 15 ta’an Hora Harsadeetti irreeffachuusaanii eeraniiru.
Hayyuun Seenaa Obbo Taabor Waamii gamasaaniin akka jedhanitti, Irreechiifi Sirni Gadaa taatee har’aa osoo hintaane Oromoon dhaloota Kiristoos dura waggoota 6,418 kaasee kabajaa as ga’e. Aadaafi amantaan garaagarummaa mataa ofii qabu. Ta’us amantaan aadaadhaan ala geeggeeffamu hinjiru. Oromoon akka saayiinsii bishaan qaama namaafi wantootaa dhibbantaan kaa’aa osoo hintaane uumaan waan hunda bishaanirraa uume jedhee amana.
Bishaaniin ala jireenyi lubbuqabeenyi hin yaadamu. Kanaaf, guddummaa uumaasaa mul’isuuf malkaa bu’ee uumaa galateeffata. Tulluutti ol ba’anii Waaqa galateeffachuunis guddummaa Waaqaafi hawwii olka’iisa jireenyaa mul’isa.
Instiitiyuutii Qorannoofi Qo’annoo Oromootti Daarektarri Qorannoo Aadaafi Seenaa Oromoo Aadde Haliimaa Eda’oo akka jedhanitti, Oromoon Waaqa roobee biqilchee jeejee dhidhimsu, dukkana gannaarraa gara ifa birraatti uumama ceesisu galateeffachuuf malkaafi tulluutti ba’a. Irreechi Oromoo qofa osoo hintaane sabaafi sablammoota walitti fidaa jira.
Oromoon saba guddaa sirna waaqeffannaa mataasaa qabudha. Har’a amantaa garaagaraa hordofus aadaa, afaaniifi eenyummaasaarratti ilaalchaafi ejjennoo walfakkaatu calaqqisiisa. Oromoon amantaa Kiristaanaas ta’e Islaamaa yookiin kanneen biro hordofu haala waaqeffannaasaan, akkataa nyaataa, dubbannaafi uffannaasaan aadaasaa mul’isa . Amantaa kam keessattuu aadaan saba sanaa mul’achuun dirqama. Kana jechuun aadaan Uumaa bakka bu’a jechuu miti. Gabaabummatti aadaa alatti amantaa yaaduun rakkisaadha. Kanaafuu, Irreechi faajjii tokkummaa Oromoota maraati.
Muuxannoon Addunyaa hoo maal fakkaata?
Ameeriikaa dabalatee biyyoota 50 olitti aadaan Irreecha fakkaatu kan itti waaqa galateeffatan ni adeemsifama. Hundaa ol sagantaa waaqa galateeffannaa akka Irreechaa kan sadarkaa adduunyaatti heddumina hirmaattotaan olaanaadha jedhamu kan hirmaattota miliyoona lama hammatu Biraazilitti ni adeemsifama. Garuu ammoo Irreechi hirmaattota miliyoona shaniifi sanii ol hammata.
Oromoon haala kamiin Irreecha simachaa jira?
Obbo Taabor akka jedhanitti, Oromoon marti, keessumaa Oromoon Tuulamaa dhiibbaa sirnaa bulchiinsaafi dhaabbata amantaatii burjaajjii hamaa keessa seenee ture. “Nuti Tulluu Cuqqaalaarra Bataskaana dhaabnaan seexanni Hora Finfinnee seene” jechuun warra Hora Harsadee deemuu yaalanis reebaafi hidhaa turan. Faallaa kanaan amantaatti humnaan amantaatti cafaquu bira darbanii Oromummaasaa akka dhoksuufi saalfatu taasisan. Har’a garuu Oromoon daba kaleessaa hubatee aadaasaa kan ta’e, Irreecha miliyoonaan ba’ee kabajaa jira.
Duudhaalee Irreechaa kabajamuu qaban
Akka Hayyootni kunneen jedhanitti, osoo abbaan malkaa malkaa hinsaaqiin irreeffachuun, daa’imman dhiiraa waggaa kudhanii, durboota duudaa, dubartoota dura irreeffachuun, haaloo qabatanii malkaa bu’uun, osoo booruun hinbaqaqiin irreeffachuufi malkaa boora’etti irreeffachuun aadmale.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 25 Bara 2017