Ummanni Oromoo ummata aadaa, safuu, sirna, seeraafi heera ummaticha bira darbee addunyaa kana boonsu hedduu qabu keessaa Ayyaanni Irreechaa isa tokko. Irreechi ayyaanota Afrikaa guguddoo jiran keessaa isa tokko yoo ta’u biyya keenyattis ayyaanota namoonni miliyoonotaan ba’anii kabajan keessaa isa hangafa.
Jaarmiyaalee Sirna Gadaa keessaa tokko kan ta’e ayyaana Irreechaa ummatni Oromoo garaagarummaa umurii, amantii, siyaasaafi koorniyaa tokko malee ba’ee iddoo filatamaa (qulqulluu) ta’e tokkotti argamuun Waaqasaa galateeffata. Ayyaanni Irreechaa waggaatti yeroo lama kan kabajamu yemmuu ta’u, ummatni Oromoo waqtii birraa malkaa bu’ee sanyii faca’e Waaqni waan biqilcheefi akkasumas bacaqii gannaa keessaa gara booqaa birraatti waan dabarseef, Uumaasaa galateeffata. Gama biraatiin ammoo waqtii Arfaasaa caamsaadhaan akka hinmiidhamne, akkasumas roobni akka roobuuf tulluutti ba’ee Waaqasaa kadhata.
Oromoon duudhaalee nagaa, araaraa, jaalalaafi obbolummaa ijaaran hedduudhaan kan badhaadhe yemmuu ta’u, ayyaanni Irreechaas duudhaalee kanneeniin kan guutameedha. Waggoota muraasaa as ayyaanni Irreechaa jila Oromoo qofa ta’uu bira darbee jila Oromoofi sabaafi sablammootaa ta’uun saboota biroo biratti kabajamaa waan jiruuf, tokkummaafi obbolummaa sabaafi sablammootaa cimsaa jira.
Haaluma kanaan Ayyaana Irreechaa bara 2017 mataduree, “Haaromsa aadaa keenyaaf” jedhuun karaa sonaafi duudhaasaa eeggateen har’aafi boru kabajamu kun haaluma eegalameen akka xumuramuuf hunduu gumaachuu qaba.
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 25 Bara 2017