Irreecha ispoortii walootiin

Finfinnee: Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee sababeeffachuun sochiin ispoortii hawaasaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffame.

Saganticharattis ergaawwwan adda addaa darbaniiru. Ayyaanni Irreechaa mul’ata tokkummaan hawaasni hundi, dargaggeessi, maanguddoon, daa’imman ykn ga’eessi, amantiis ta’e siyaasaan osoo adda wal hinbaasiin waliin kabajuudha.

Hogganaan Biiroo Dargaggootaafi Ispoortii Naannoo Oromiyaa Maatiyoos Sobbooqaa, Irreechi kabaja tokkummaa, waloomaa, obbolummaa ta’uu ibsuun, ayyaanicha bifa bareedaafi ifa ta’een kabajamaa jiraachuu ibsaniiru.

Ayyaana Irreechaa sababeeffachuun sochii qaamaafi deemsi hunda hirmachise adeemsifamuus eeranii; fayyaa hawaasaa eegsisuu qofa osoo hintaane, ayyaana Irreechaa addunyaatti beeksisuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Saganticharratti hogganaan Biiroo Dargaggootaafi Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Balaay Dajan sochiin ispoortii hundaa kun Irreechi hundaan kan kabajamu ta’uu agarsiisuuf gaggeeffamuu eeraniiru.

Sagantaa sochii qaamaafi deemsa miilaa ayyaana Irreechaa sababeeffachuun gaggeeffame keessatti dargaggoonni, maatiin ispoortiifi dargaggoonni magaalota ollaa Finfinneerraa dhufan, hoggantoota olaanaa magaalaafi naannoo Oromiyaa dabalatee hirmaataniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 25 Bara 2017

Recommended For You