Irreecha durii hanga ammaatti

Irreechi aadaa galateeffannaati. Galata waaqaaf galchuudha. Ummatni Oromoo aadaa jaarraa dheeraaf sirna gadaa keessatti kuufate qaba. Aadaan immoo muuxannoofi yaadota baroota dheeraa keessaa dhala namaatiin darbaa dabarsaan gara dhalootatti dhufuudha.

Aadaan Oromoo kan hammatame sirna gadaa keessatti. Gadaan hawaasa Oromoo miseensa shanitti qoodee jiruufi jireenyasaa akka sirnaan gaggeessu ta’aa ture.

Kunis yeeroosaatti sirna gaggeessummaan beekame guutuu kan tureedha. Kanaafi gadaan dameewwan siyaasaa, hawwaasummaafi amantii qaba. Kana keessatti gadaan damee amantii namoonni akkamitti akka waaqeffataniifi dhugeeffatan seera qaba.

Seerri kun seerota ulfoo ja’an gadaan lallabu keessa kanneen jiran seera waaqaafi lafaa, seera abbaafi haadhaa, seera malkaafi tulluuti. Seeroonni kunniin akka ulfina argatu gadaan ciminaan ni hordofa. Oromoon dur ummata waaqeffataa ture.

Akkuma Ummatoota Kuush waaqa aduufi samii kan addunyaa kana uumeefi tokkicha maqaa dhibbaa, gumgumaa garaa cabbii, leemmoo garaa taliilaa jedha. Kun immoo aadaafi faaruusaati.

Irreeffachuun galateeffachuudha. Galanni immoo uumama qabattee uumaa kadhachuudha. Kanaaf Oromoon marga jiidhaafi abaaboo ykn daraaraa qabatee malkaa bu’ee, tulluu yaabee irreeffata. Kunis aadaa Oromoon waaqa isa uume ittiin dhugeeffatuudha.

Aadaan ibsituu eenyummaa dhala namaati. Kanaaf dhaabbilee sirna gadaa Oromoon ijaare keessaa irreechis isa tokko. Irreechi lafa araaraafi galateeffannaarraa kan ka’eedha jedhama. Kana malees ardaa ykn lafa awwaalaa ykn namni jaalatamaan tokko itti awwaalamerraa eegalee jedhama. Akka hayyuu beekamaa Tsaggaayee Gabramadin Qawweessaa jedhaniifi maanguddoota Oromootti ka’umsi Irreechaa waggoota kuma 12 dura akka naannawa sululaa Abbaayyaatti raawwatamaa tureefi qoodama maatiifi araaraa bu’een walqabata.

Oromo ykn “Oro-MO” Hora ykn ilma Kaam jechuudha. Seenaansaa kana ta’ee, waggoota kuma 12 dura mootonni Kuush / Fari’oon/ ilmi aduufi samii /kan waaqaa/ “Asra” jedhama jedhee of moggaase. Ilmaan qabu “Oraa” kan jedhamu ilma quxusuu ykn maandhaafi intala durbaa “Asesii” ykn Adbaar kan jedhamtu qaba ture.

Maatiin kun waliin jireenya keessatti gaafa tokko walitti bu’anii obboleessi guddichi quxusicha rukutee ajjeese. Gocha kanatti daran tan gaddite ‘Asesi’ ykn Ateeteen iddoo obboleessi ishee Oraan du’eefi itti awwaalame sanitti biqiltuu odaa dhaabde.

Kana booda akka guddatu malkaa abbayyaatii bishaan waraabdee kunuunsaa turte. Maatii walajjeesse jidduutti nageenyiifi araarri akka bu’u waaqa “aduufi samiif” nageenya akka buusuuf kadhatte. Yeroo boodas waaqayyo dheekkamsasaa nageenyatti jijjiree; Roobnis roobuu qabe, maatiin walajjeeses gaaddisa Odaa jalati hirreeffatee gumaadhaan araaraman.

Gaaddisni Odaas iddoo araaraa malee falaasama ofii qaba. Kunis Odaan tokko ta’ee biqile bakkawwan lamatti addaan bahaafi boodas dameensaa walitti deebi’uun tokko ta’e. Hiiknisaas maatii addaan ba’ee boodas araaraan deebi’ee tokko ta’e kan ibsu mallatoofi aadaa Oromoo isa ganamaa waan ibsuufi.

Kanaafis kadhaa waaqaa kana ateeteen Odaa jalatti taasisteen akka raawwatameefi kanarra ka’uun yeroo sana kaasanii Odaan lafa seeraafi araaraa, mariin gadaa itti mari’atu ta’e. Ateeteenis Ayyaandaa nageenyaafi eegduu maatii akka jedhamu taate.

Ayyaandaa ittifufeensa dhaloota ykn sanyii nageenyaafi haadha deessuu jedhamte. Hayyuu beekamaan Tsaggaayee Gabramadin Qawweessaa Gaazexaa Xoophiyaarratti (1997) yaada kana yoo ibsu akkana jedha.

Dhugeeffannaa Oromootaa keessatti aadaafi duudhaasaa ganama yaadachuuf wayitii irreechaa malkaawwan guguddaafi haroowwanitti hirreeffachuufi siidaawwan dhadhaa muuduun /muuda/ iccitii armaan olitti ka’aa ture ibsuuf kan taasifamuudha jedha.

Abbootiin keenya gurraachonni dur Misiraafi Nuubiyaa keessa jiraataniifi ammallee darbanii darbanii sanyiinsaanii Gibtsi, Sudaan keessa jiran Kuushonni otoo weerara Giriikotaafi waraanni Pershiiyaa, akkasumas weerara Otuman Turkiifi Arabootan hinrukutamiin dura gara kibbaatti otoo hinsocho’iin /gara Abbayyaa jiddugala/ Nuubiyaa, Maraweefi Saabaa, biyya Itoophiyaa jedhamuufi lafa naannoo mudhii /sabbata lafaatti/ hinbaqatiin dura waggaa waggaan ayyaana irreeffannaa /galata/ gaggeessaa turan.

Kan nama dinqisiisu akkuma yeroo ammaa biyya keenyatti baatii fulbaanaa keessa haalota adda addaatiin gammachuu keenya ibsinu isaan immoo malkaan abbayyaa guutee qonna isaaniif yemmuu haalli mijaa’u baatiidhuma kana keessa waggaa waggaan ayyaana guddaa qabu. Haala kanaan baatiin fulbaanaa ummata duriifi ammaatiifis yeroo ayyaanni guddaan bifa walfakkaatuun kabajamuudha.

Kunis akkuma macaafa qulqulluu keessatti obboleessi guddichi Qaa’eel obboleessasaa quxusuu Abeel ajjeeseefi haatisaanii boonyaan waaqayyo ilma eebbifamaa kenneefitti, kadhaafi qulqullina dubartiin gootu waaqayyo akka dhaga’uun dubbatamuun kan walqabatudha.

Kan biraa seenaa Kuushota Afrikaa keessatti kan ilaallu waa’ee lafaafi biyya Afrikaa yoo ta’u, innis kan uumame jechoota Kuushotaa sadirraa ta’a. Isaanis Afa, Rafi Ka; jechuun lafaafi kan lafarra biqilu yoo ta’u, Afii ykn Afaa jechuun kan lafarraa margan, sanyii jechuudha. Ra’n jechuun mootii jechuudha. Kanarraa ka’uun Ka jechuun immoo waaqa kan jedhu ta’ee Afrikaa jechuunis lafa mootii biiftuu filatame ykn muudame jechuudha.

Asirratti ifa ta’uu kan qabu Misira duriifi biyyootasaa gadi jiran kan bulchaa turan mootota lafaa, Fari’oon jechuun kan moggaafameefi Ijipti gararraafi kan dakaa walitti qabuun kan bulchaa ture Minaas gurraachota Kuushotaa keessaa isa tokko.

Tamsa’ina amantii Oriitii dura gurraachonniifi Kuushonni ykn Itoophiyaa Misraa, Suumeerota, Baabiloon, Nuubiyaafi saba hunda walitti makama Kuushotaafi Seemotaa waan ta’aniif afaaniifi haalli amantiisaanii, akkasumas duudhaafi faaya isaan qaban walumaagalatti tokko jechuu baannus daran kan walfakkaatuudha. Ummanni Oromoos qaama ummata Kuush waan ta’eef seenaa kana keessatti akka hammatame hubachuun barbaachisaadha.

Kuushotaafi dhaala aadaasaaniirraa dhufan kan mul’isuufi sabni Oromoos qaama kanaa ta’uu kan ifa godhu, ulfinaafi duudhaa dubartootaaf sabni kun kennudha. Abbootiin Oromoo iddoo tokkoo ka’uun malkaa ce’anii durbi duudaan akka maatiif marga hirtu ta’ee eebbi abbaadhaan raawwatama.

Kanarraa ka’uun dubartiin mallattoo nageenyaafi lalisummaa yoo taatu, araaraafi mallattoo waliigaltee maatii tokkoo akka taatetti fudhatamti. Hubannoon kunis aadaa Oromoo jaarmiyaa Siinqee, Ateeteefi duudhaa eegumsa maatii wajjin kan walitti hidhamuudha.

Irreechis ta’e Ateeteen aadaa lubbuqabeeyyii ummata Oromoo keessatti mul’atudha. Irreechis otoo duudhaa kana hinmaqsiin hanga ammaatti kan mul’atudha. Haaluma kanaan irreechi akka hambaa aadaa, seenaafi amantii Oromootti kan yaadatamuudha.

Irreecha hora Finfinnee

Hora Finfinnee waggoota 150 dura Oromoo Gullalleetu irratti hirreeffataa ture. Naannoo hora Finfinnee dur qubatee kan ture gosa Oromoo Tuulamaati.

Tuulama keessaayyuu Oboofi Galaan yoo ta’u, manneensaaniis Gullalee, Jiddaafi Eekkaadha.

Oromoon hora kanarraa faayidaa akkamii argachaa ture?

Horri Finfinnee tajaajilawwan hedduuf oolaa akka ture maanguddoonni bal’inaan dubbatu. Tajaajila inni kennaa ture keessaa qoricha beeladaa kan ture yoo ta’u, fayyisuurra darbee hormaataaf faayidaa kennaa turuu maanguddoonni nidubbatu.

Akka barsiifata ummatichaatti yoo xiqqaate horiin waggaa keessatti ala lama hora Finfinnee dhuguu qaba. Kunis yeroo birraafi arfaasaa ture. Faayidaawwan loon hora obaasuun Oromoof kennaa ture keessaa inni biraa horiin kallattiilee shananiin gara hora Finfinnee dhufan keessaa carraan korma filatamaa argachuu bal’aa ture.

Bakki hora Finfinnee dirree irratti hawaasni Tuulamaa wal argee dhimma jiruufi jireenyaasaarratti yaada itti waljijjiiran ture. Kunis tokkummaafi ijaarsa hawaasichaa cimsuu keessatti ga’een taphachaa ture daran olaanaa ture

Ummanni yeroo ganna dheeraa bakkuma jirutti dabarsu gaafa birraan bari’e bakka hora obaasuutti walargu afoolasaa kan akka faaruu looniifi kanneen biroo waliin dhandhamee bashannana ture.

Haala kanaan, yeroo horri saaqamu ji’a Fulbaanaa keessa ummanni bokkuu, okolee, kallacha, callee, mijuu guuttatanii hora kana haala safuusaa eegeen eebbaan saaqu ture. Kunis kabaja ummanni hora Finfinneef qabu olaanaa ta’uu agarsiisa.

Guyyaa saaqiinsa horaa abbaan horaa korma qaluun aarsaa dhiyeessee eebbaan eegalchiisa. Eebba booda hangafoonni dabaree dabareen obaafatu. Hora Finfinnee obaafachuuf namoonni fagoorraa dhufan torbanii ol bulanii dabareen obaafatanii waleebbisanii gammachuun galu ture.

Yeroo turtiisaanii keessatti jiruufi jireenyasaaniirratti yaada waljijjiiru, dhimmoota omishaafi nageenyaarrattis yaada walii qoodu ture. Nyaataafi dhugaatii qabatanii bakka irreechaa dhufan waliin qooddatu, waliin gammadu. Birraan bari’uu ilaalchisanii ‘Baga booqaa birraa geessan!’jedhanii hawwii gaarii walii qaban ibsatu ture.

Eebba hora irratti eebbifamu

Oromoon gaafa malkaa irreeffachuuf deemu akkas jedhee eebbisa.

Hayyee waaq hayyee waaq

Waaqa uumaa waaqa uumamaa

Waaqa burqaa walaabuu

Waaqa caffee tumaa

Waaqa jahan hora waaqayyoo

Waaqa tulluu saddeettan waaqayyoo

Waaqa odaa nabee

Waaqa shanan gadaa oromoo

Kan nagaan nu oolchite nagaan nubulchi

Horri kun kan hormaataa yaa ta’u,

Kan firriifi habbi dhugu yaata’u.!

Waatiifi maatiin itti yaa horu.

Abbaa horrerra yaa nuuf bulchi.

Kan dhabe haa horu

Kan hore irra haa bulu jedhanii eebbisu.

Akkasumas:

Finfinneen meedhicha kee yaa taatu,

Namaafi sa’a itti hori,

Kan dhaloonni kee itti horu siif yaa ta’u!

Gostiifi hambi yaa dhugu,

Loon itti yaa horan,

Qorsa yaa ta’u!

Namni itti yaa fayyu,

Loon itti yaa gabbatu,

Kan dhukkubsate sitti yaa fayyu! jedhamee eebbifama jedhu Hayyuun Seenaafi Aadaa Obbo Alamaayyoo Hayilee.

Ayyaana irreechaa gaarii!

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 25 Bara 2017

Recommended For You