Irreechi ayyaana guddaa ummataa miliyoonaan lakkaa’amuun kabajamudha. Firootni sababa guutuu lageeniifi dukkana gannaan adda citanii turan booqa birraa wal iyyaafatu waan ta’eef kabajni ayyaanichaa namoota sababa taatee gannaaf adda citanii turan osoo hin taane sababa jiruufi jireenyaaf biyyarraa fagaatan hunda walitti fiduuf uuman guddaa qaba. Lammiileen biyya hambaa jiraatan hedduun irreecha sababeeffachuun gara biyyaatti dhufu. Gama biroon ammoo irreechi Oromoo qofa osoo hin taane sabootaafi sablammoota haalaan walitti fidaa jira. Ammaan tana jilli sabootaafi sablammoota garaagaraa bakka bu’an waggaa waggaan kabaja ayyaanichaarratti hirmaannaa ho’aa taasisaa jiru. Biyyoota addunyaa garaagaraarraas namootni kabaja ayyaana Irreechaarratti hirmaatan yeroodhaa gara yerootti kabaja ayyaannichaa waliin guddachaafi dabalaa jiru.
Gaazexaan Bariisaas Magaalaa Bishooftuutti hoteelotaafi riizoortiiwwan keessummoota ayyaanichaa haala kamiin simachuuf qophii taasisaa akka jiran Gaggeesitoota Hojii Riizoortii Aduulaalaafi Hoteelaafi Rizoortii Nooraa haasofsiiseera. Manaajerri Hoteelaafi Rizoortii Nooraa Aadde Maahidar Aferraa akka jedhanitti, hoteellisaanii haaraa ta’uusaan sagantaa of beeksisuuf taasisu keessatti kabaja ayyaana Irreechaa akka carraa addaatti itti fayyadamuuf qopha’aa jira. Keessummoota Irreechaa gara hoteelichaa dhaqan nyaataafi dhugaatii aadaa osoo hin hafin haala duudhaa Oromoon keessummeessuuf qophii hunda taasisaa jira.
Hoteelli Nooraa haaraa waan ta’eef of beeksisuuf jecha gatii hoteelota biroorraa gadaanaa ta’een nyaata aadaafi ammayyaa dhiyeessaa waan jiruuf keessummoota irreechaas haaluma sanaan kan keessummeessudha. Hoteelicha wanti adda taasisuu abbaan hoteelichaa maallaqaa xiqqaafi jireenya gadaanaarraa ka’uun har’a tajaajila hoteelaa sadarkaasaa eeggatee lammiileef kennuun alatti hawaasa naannawichaa 500 ta’aniif carraa hojii dhaabbiifi yeroo uumuusaati. Hojii fakkeenyummaa qabu kanaanis sadarkaa naannoofi federaalaatti galateeffatameera. Ammaan tanas Abbaan Hoteelichaa Obbo Shawaaneen rizoortii sadarkaasaa eegeefi namoota dabalataaf carraa hojii uumuu danda’u ijaaraa jira. Kun ammoo ummata Magaalaa Bishooftuufis ta’ee akka biyyaatti gammachuufi abdii guddaa ta’uu Aadde Maahidar ibsaniiru.
Abbaan hoteela kanaa sektara industirii hoteelaarratti qacaramee hojjetaa turuun boodarra gara abbaa qabeenyummaatti haala itti ce’ee hojjetootasaaf muuxannoo qooduun akka hojii uummatan onnachiisaa jira. Har’as hojjettootasaa qixa hojii hundarratti hirmaatee waan hojjetuuf jaalalaafi kaka’umsi hojii hojjettoota gidduu jirus akka biyyaattuu fakkeenya gaarii ta’u yaadachiisaniiru.
Manaajerri Rizoortii Adulaalaa Obbo Fantaahuun Nuwaay gamasaaniin akka jedhanitti, Bishooftuun duruu magaalaa turizimii taatus kabajni ayyaana irreechaa akka carraa addaatti ilaalama. Kabajni ayyaana Irreechaa Rizoortii Aduulaalaafi Magaalaa Bishooftuu qofa osoo hin taane akka biyyaattuu faayidaa hawaasummaafi dinagdee guddaa qabatee as dhufa. Rizoortiin Aduulaalaa namni kamuu akka beeku durumayyuu tajaajila aadaa Oromoo giddu galeeffate kennuun beekama.
Rizoortichi maamiltoota hedduu keessummeessuun beekama jedhanii; Kabaja ayyaana Irreechaa bara kanaa ilaalchisee keessummoota simachuuf qophiin gahaan taasifameera. Nyaataafi dhugaatii aadaa akkasumas ammayyaa dhiyeessuun cinatti sagantaa bashannanaafis haaldureen xumurameera.
Oromoo qofa osoo hin taane guutuu biyyattii sadarkaa jedhamuun namootni sabaafi sablammoota bakka bu’an hedduun kabaja ayyaanichaarratti argamu. Namni kabaja ayyaanichaarratti argamu hundi waan nyaatamuufi dhugamu argachuuf jecha maallaqa baasu qaba. Kun ammoo Rizoortii Aduulaalaa dabalatee dammaqiinsa hoteelaafi turizimii magaalattiif carraa guddaa ta’uus Obbo Fantaahuun ibsaniiru.
Koomishiniin Turizimii Oromiyaa gamasaatiin kabaja ayyaana irreechaa baranaarratti keessummoota biyyoota Afriikaa garaagaraarraa dhufan simachuurratti ko’oommataa jiraachuu ibseera. Kabaja ayyaanichaa sababeeffachuun agarsiisa uffataa, nyaataafi meeshaalee aadaa Oromoo magaalaa Finfinneetti adeemsiseera.
Hogganaa Ittaanaan Koomishinii Turizimii Oromiyaa Obbo Daawud Muummee akka jedhanitti, Guyyaan Turizimii addunyaa baranaa “Turizimiifi Nageenya” mata duree jedhamuun kabajame. Irreechis sagantaa nageenyaafi waaqa galateeffannaa waan ta’eef madda tuurizimiiti. Irreechi Oromiyaan alatti naannolee Beenishaangul Gumuziifi Gaambeellaatti ni kabajama. Itoophiyaan alattis Keeniyaa dabalatee biyyoota addunyaa garaagaraa keessatti kabajamuun hawwata turizimii ta’aa jira.
Sadarkaa Afriikaatti irreecha hirmaachuuf biyyoota Botosuwaana, Burundii, Keeniyaa, Ruwaandaafi kanneen biroos dhufaniiru. Jilli dhufan kunneen biyyaafi aadaa Oromoo beeksisuu keessatti shoora guddaa gumaacha. Irreecha caalaatti madda hawwata turizimii taasisuuf Giddugalli agarsiisaa aadaa, nyaataa, dhugaatii, uffannaafi meeshaalee aadaa Oromoo sadarkaasaa eege magaalaa Finfinneetti ijaaruun barbaachisaadha. Akkuma biyyoota Afriikaa tokko tokko nyaatni aadaa Oromoo orgaanikii ta’e Irreecharratti dhiyeessuuf haalaan irratti hojjechuun barbaachisaadha. Namni aadaa Oromoo barachuufi hubachuu dhufu altokkotti duudhaalee gaarii hammaarratee addunyaa akka beeksisu xiyyeeffannaa addaan irratti hojjechuun yeroonsaa amma.
Keessattuu uffatni aadaa Oromoo garaagaraa osoo aadaa sabichaa gad hin lakkisin bifa ammayyaan dhiyaatu miidhaginaafi hawwata turizimii keessatti akka carraa addaatti itti fayyadamuun murteessaadha. Gadaan ‘UNESCO’tti akka galmaa’uuf utubaalee ciccimoo ka’umsa ta’an keessaa irreechi isa tokkodha. Akkuma Fiichee Cambalaalaa irreecha ‘UNESCO’tti galmeessuun madda turizimii sadarkaa idil addunyaa taasisuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu sadarkaan jiran hundi tumsa taasisuutu isaanirraa eegamas jedhaniiru.
Finfinneenis keessummoota kabaja Irreecha hora Finfinnee simachuuf haala adda ta’een misooma kooriidariin faayamtee jirti. Agarsiisa aadaa Oromoon jala bultii irreechaa miidhagsitee ummatasheefis hubannoo kennaa jirti. Itoophiyaanota dabalatee hawaasa idil addunyaa kabaja ayyaana irreechaa hirmaachuu dhufan harka bal’istee simachaa jirti. Hoteelotaafi manneen daldalaashees maallaqa kabaja ayyaanichaan walqabatee dhufu tajaajila kennuun ofitti jallisuuf sochii taasisaa jiru. Magaalaa misooma kooriidariin faayamte kana caalaatti hawwattuu taasisuuf qulqullinni magaalaatti hawaasa magaalatti hirmaachise raawwatameera. Haala keessummaa simachuufi nageenya irreechaarratti hawaasa magaalattii kutaalee magaalatti hunda keessa jiraatu waliin mariin taasifameera. Fooramiin irreechaa hayyoota, sabaafi sablammoota hirmaachises adeemsifameera.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 25 Bara 2017