“Falaasama Irreechaarratti hubannoo uumaa jirra” -Obbo Taabor Waamii

Obbo Taabor Waamii Hayyuu Seenaa Oromoon qabu keessaa isaan tokko yoo ta’an. Godina Shawaa Kibba Lixaa, Aanaa Sabbataa Hawaas, Ganda baadiyyaa Doobbii jedhamutti dhalatanii guddatan. Yunivarsitii Finfinneerraa barnoota Seenaatiin Digrii jalqaba kan qaban yoo ta’u, hayyuu biyyoota akka Jarmaniifi Keeniyaarraas poostigiraaju’eet dippiloomaawwan lama dhuunfataniidha.

Quuqamni dhimma Oromoofi Oromummaa keessasaanii kan bule Obbo Taabor, seenaafi aadaa Oromoo Amaariffaan barreessuun Oromoon ummata dimokraatawaa, qaroome, sabboonaa walqixxummaafi dimokraasiitti amanu; uumaafi uumamaaf kabaja qabu ta’uu ashaaraa hindabarreefi seenaa dhugaa kitaabota shanirra qubachiisuun hayyuu dirqama Oromummaa bahataa jiraniidha.

Kitaabilee seenaafi aadaa Oromoo shan kan barreessan Obbo Taabor, yeroo ammaa Giddugala Qorannoo Oromoo keessa hojjechaa, seenaa hafe barreessaa, beekumsa hindulloomne dhaloota hidhachiisaa Oromoofi Oromummaa olkaasaa jiru.

Kabaja ayyaana Irreechaa bara 2017 ilaalchisuun turtii Gaazeexaa Bariisaa waliin taasisaniin aadaan, duudhaan, falaasamniifi sirnoonni Oromoo addunyaaf galtee dimokraasiifi qaroominaa ta’anii kan tajaajilan yoo ta’u, kanneen ayyaanotaafi aadaa dimokraatawaa kana cilee dibuuf yaalan akka jiran kaasu.

Ayyaanota akka Sirna Gadaa, Irreechaafi kanneen biroon qaroomina Kuush keessumaa ummata Oromootiin sirriitti kunuunfamaa as gahe kanaaf kabaja Oromoo dabalatee ilmaan Kuush qaban olaanaa ta’us warreen ilaalcha jibbaan guutamaniin ilaalchi ayyaanota akka Irreechaa cilee dibuuf yaaliin taasifamaa ture hammaataadha jedhu.

Oromoon waggaatti akaakuuwwan Irreechaa lama kan gaggeessu yoo ta’u, isaanis Irreecha Malkaafi kan Tulluuti. Irreechi Malkaa waggaa waggaan bacaqii gannaarraa gara ifa birraatti ce’uu sababeeffachuun sirn galateeffannaa Oromoon malkaatti bahee gaggeessu yoo ta’u, kan galateeffamu Waaqa malkaa uume sana malee malkaa miti. Akka ibsa Obbo Taaboritti Oromoon malkaatti bahee akka hinirreeffanneef sirnoonni darban dhiibbaa aadicha balleessuu hanga ajjeechaa qaqqabsiisaa turan.

Ta’us Oromoon aadaafi duudhaasaatiif kabaja guddaa waan qabuuf qabsoo hadhaa’aa taasisaa sirna gadaa, qabiyyee sirna gadaa keessaa tokko kan ta’e Irreechas tikfachaa dhaloota har’aatiin gaheera.

Dhiibbaa ormoonni aadaafi duudhaa Oromoo kana balleessuuf qaban daran hammaataa tureef Irreecha akka amantaatti ykn ammoo akka hamaa waaqessuutti cilee dibuun sirna kana gufachiisuuf yaalii guddaa taasisaa turaniiru.

Oromoon garuu ummata qaroome, walqixxummaatti amanu, uumaafi uumamaaf kabaja qabuufi dimokraatawaa waan ta’eef aadaafi duudhaansaa dhiibamaa ture akka agartuu ijasaatti kunuunsuun har’a ijaafi gurra addunyaa keessa seenee miilli hundi gara Itoophiyaatti akka imaluuf sababa ta’uu Obbo Taabor nikaasu.

Ayyaanni Irreechaa sirna galateeffanaati. Kan galateeffatamus waaqa tokkicha malee uumama miti. Sirna galateeffannaa Waaqa Malkaafi Tulluu uume jedhamee adeemsifamuudha. Sabaafi sabalammiin hordoftoonni amantaalee garagaraa uffata aadaafi sirboota aadaasaaniin dabaalanii dhiichisaafi garmaamaa mareewoo… jechaa waggaa waggaan horaafi malkaatti bahanii dukkanaafi bacaqii gannaarraa ifa birraatti bahuu galateeffatu.

Aadaan Irreechaa kaleessa, dheengadda dhiibbaa sirnootaatiin ukkaamsaa jala ture har’a Oromoorra darbee ilmaan Kuush darbees kan sabaafi sabalammiilee biyya keessaafi lammiilee biyya alaatiin haala ho’aadhaan yeroosaa eegee kabajama.

Gadaan dhoksaan Irreecha irreeffatan hundi qabsoo hadhaa’aa ilmaan Oromoon keessumaa erga qeerroofi qarreen qolatamee mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufee Horri Finfinnee waggootaaf cufamee ture saaqameera. Horri Harsadii dhoksaan itti irreeffatamaa tures ifatti karaa hunda hirmaachiseen gaggeeffamaa jira. Kun bu’aa jijjiiramaa yeroo ammaa dhaloonni keenya dhandhamaa jiruudha.

Cunqursaafi dhiibbaa Irreechaafi sirnoota Oromoo gara garaarra turan furamaa dhufanis warreen kaleessa, dheengadda aadicha balleessuuf kaka’aa turan humnaan dadhabnaan Irreechi akkana, akkasi jedhanii oggaa maqaa gurraachessuuf tattaafatan mul’atu jedhu Obbo Taabor.

Oromoon ummata aadaafi duudhaasaa kaleessa qabsoo hadhaa’aa keessa taa’ee kunuunfatee safuusaatiif bakka guddaa kennu waan ta’eef ilaalcha akkanaarratti hubannoo uumaa deemuun barbaachisa. Irreecha agarsiistuufi calaqqee walqixxummaa tokkummaafi jaalalaa ta’e kanarratti hojii hayyoonni aadaafi seenaa xiyyeeffannaan hojjetaniin hubannoon uumamaa akka deemu ObboTaabor ni dubbatu.

Mootummaan jijjiiramaas aadaafi duudhaa ummata Oromoo akkaataa barbaadameen guddisuufi addunyaatti beeksisuuf hojiilee guguddaa hojjechaa jira.

Baay’inni tuuristoota gara Itoophiyaatti dhufanii Irreecharratti hirmaatanii waggaa waggaan dachaan dabalaa jira. Hunduu uumaasaa galateeffata.

Aadaan Irreechaa hunda hirmaachisa. Amantaadhaan aadaadhaan lagaan hinqoodu. Martinuu uffata aadaasaaniin faayamanii duudhaasaa eeganii irreeffachuun sirbanii dhiichisanii gammachuusaanii dhandhamanii manasaaniitti galu.

Oromoon ummata sirna gadaatiin, Irreechaafi aadaawwan kaaniin qaroome; hundumas osoo ilaalchaan adda hinbaasiin hammatee hirmaachisuun jaalalaafi obbolummaasaa agarsiisaa jira.

Kanarraa kan ka’e biyya keessaa ilmaan sabaafi sablammiilee marti, jiloonni Afrikaarraa, Awurooppaarraa, Eeshiyaarraa babbahan ayyaanicharratti hirmaachuun irreeffataa jiru. Aadaa, duudhaa, sirbootafi uffata aadaasaaniin faayamaniis of beeksisuun gammachuusaanii kan itti dhandhaman yoo ta’u, Oromoon hammataa ta’uusaatiif taateewwaan kunniin agarsiistuu guddaadha.

Egaa dargaggoonnis ta’an hayyoonni keenya imaanaa guddaatu harkasaanii jira kan jedhan Obbo Taabor; aadaa Irreechaa kana kunuunsanii duudhaaleesaa sirriitti kabajanii galmee ‘UNESCO’rra qubachiisuuf tattaaffiiwwan jalqabaman cimanii ittifufuu akka qaban dubbatu.

Aadaafi duudhaa abbootiin keenya gatii qaalii hanga aarsaa lubbuu gaafatu ittikaffalanii asiin gahan kana osoo hinfaaliin, irraa hin hanbisiin dhaloota dhufutti dabarsuuf darbees addunyaatti beeksisuun guddummaa Oromoo beeksisuun dirqama.

Dhaloonni ammaa haala mijataa mootummaan jijjiiramaa uumaa jiru kanatti fayyadamee aadaafi duudhaa abbootiisaarraa dhaale guddisuu, beeksisuufi hanqinoota mudatanirratti hubannoo uumaa ittifufsiisuun irraa eegama.

Irreecha har’aafi boru Finfinneefi Bishooftuutti kabajamaa jiruufi kabajamurratti keessummoonni biyya keessaafi alaa bal’inaan argamaniiru. Itoophiyaafi Oromiyaanis nooruu jedhanii simataniiru.

Erga irreeffatanii booda bakka tokkotti wlittiqabamanii agarsiisawwan gara garaa gaggeessuun waleebbisanii walgaggeessuun barbaachisaafi dhimma fuulduratti xiyyeeffannoo argachuu qabu ta’uus Obbo Taabor kaasaniiru.

Oromoon sirna Gadaa haalaan qindeeffachuun ‘UNESCO’rratti galmeessiseera. Qabiyyeewwan Sirna Gadaa keessaa tokko kan ta’e Irreechas galmeessisuuf yoomuu caalaa cichee hojjechuu qaba. Hayyoonni seenaa, qorattoonni ammallee dhimma Irreechaarratti ittigaafatamummaa guddaa qabu.

Hanqinoonni mul’atan yoo jiraatan hubannoo uumuun nurra jiraata kan jedhan Obbo Taabor; isaan gamasaaniin quuqamaafi kabaja Oromoof qaban qabatamaan agarsiisaa jiraachuu eeru. Hayyoonni kaanis dhimma kanarratti qorannaa gaggeessuun ijaafi gurra addunyaa biraan ga’uun waaltessuu qabu. .

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 25 Bara 2017

Recommended For You