“Riifoormiin qaamolee seeraa olaantummaa seeraa kabachiisuufi yakka ittisuurratti milkaa’ina argamsiisaa jira” Komishinara Ittaanaa Malaakuu Faantaa

Jijjiiramaa as hojii seera kabachiisuufi yakka ittisuun nageenya mirkaneessuu keessatti Komishiniin Poolisii Federaalaa Itoophiyaa dirqamasaa ba’ataa jira. Kanaafis, dandeettii raawwachiisummaa Poolisii Federaalaa cimsuuf riifoormiiwwan garagaraa hojiirra oolaniiru.

Riifoormiiwwan hanga ammaatti geggeeffamaniin olaantummaa seeraa kabachiisuu keessatti milkaa’inoonni galmaa’aa jiru. Ayyaanonni adda addaa duudhaafi aadaasaanii eeggatanii nagaan akka kabajamaniif riifoormichi ga’umsa qaamolee seeraa cimsuu keessatti shoora olaanaa taphateera.

Gaazexaan Bariisaas haala raawwii riifoormichaafi hojii bara 2016, kallattii xiyyeeffannoo bara 2017, ayyaanota baraa haaraa, Masqalaafi Irreechaa sababeeffachuun Komishinara Ittaanaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaafi komishinichatti Ittigaafatamaa Ittisa Yakkaa Jeneraal Malaakuu Faantaa waliin turtii taasiseera.

Bariisaa: Yeroo keessan aarsaa gootanii nu waliin turtii taasisuuf eeyyamamoo ta’uu keessaniif galatoomaa jechaa ergamni Poolisii Federaalaa maali kan jedhu ibsuun gaafdeebii keenya haa jalqabnuu?

Jeneraal Malaakuu: Akkuma beekamu ergamni Poolisii Federaalaa heerarratti ifatti ibsameera. Bu’uuruma kanaan komishinichi waantota guguddoo lamarratti xiyyeeffatee hojiiwwan guguddoo nageenya biyyaa mirkaneessuuf bu’uura ta’an raawwachaa jira.

Inni jalqabaa yakka ittisuudha. Akka yakki hinbabal’anne taasisuun nageenya biyyaa kabachiisuudha. Lammaffaan ammoo yoo yakki dalagame qaama yakka raawwate to’annoo jala oolchuudhaan gara seeraatti akka dhiyaatu gochuun olaantummaa seeraa kabachiisuudha. Oggaa akka waliigalaatti ilaalamu ergami komishinichaa biyyi biyya nagaa akka ta’u, olaantummaan seeraa akka kabajamu taasisuudhaan nageenya biyyaafi ummataa mirkaneessuudha.

Bariisaa: Akkuma beekamu bara haaraa kanatti ayyaanota guguddoo addababa’iirratti kabajaman akka Irreechaafaan duudhaasaanii eeggatanii nagaan akka kabajamaniif eenyurraa maaltu eegama?

Jeneraal Malaakuu: Utuun gaaffii keessaniif deebii hinkenniin dura waantota jijjiirama waliin walqabatanirratti dubbachuun barbaada. Erga jijjiiramni akka biyyaatti dhufee waggoonni ja’a lakkaa’amaniiru. Waggoota kanneen keessatti mootummaan hojiilee olaantummaa seeraa kabachiisuufi yakka ittisuu irratti baay’ee hojjeteera.

Ta’us rakkooleen nageenyaa garagaraa biyya keenya quunnamaa turaniiru. Rakkoolee kanneeniif ka’umsa kan ta’e mootummaa humnaan fonqolchuun mirga sabootaafi sablammootaa dhiibuun mootummaa abbaa irree ta’uuf aggaamuudha.

Erga mootummaan jijjiiramaa kun biyya bulchuu eegalee as murnootni fedhiiwwan garagaraa qabaniifi kanneen faayidaansaanii jalaa tuqame akkasumas nageenyi akka hinmirkanoofne barbaadan jiru.

Diinota seenaa biyya keenyaa waliin harka wayyaa jalaatiin nageenya booressuu barbaadan faana sochiiwwan taasifamaa turaniiru. Kanaan walqabatees rakkoon nageenyaa nuquunname aangoofi faayidaa argachuuf nageenya biyyaa booressanii mootummaa fonqolchuuf hawwuurraa kan maddeedha.

Sochiiwwan kunneen akka hinmilkoofneef olaantummaan seeraa akka kabajamuuf Komishiniin Poolisii Federaalaa hojii guddaa hojjeteera. Biyyi biyya heera qabdu waan taateef mirgi siyaasaafi dimokraasii ifatti deebi’eera. Namni kamuu heerarratti hundaa’ee waan seeraan gaafatuuf deebii argachuuf mirga guutuu qaba.

Dhaabbata siyaasaatiin ijaaramuun olaantummaa yaadaatti amananii abbaa aangoo ta’anii biyya bulchuun ni danda’ama. Haalli itti fedhiin raawwatamus daangaa qaba. Utuu kun ta’ee jiruu kanneen humnaan fedhii ofii guuttachuuf yaalan jiraatanis fedhiinsaanii kun akka hinmilkoofneef Poolisiin Federaalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa dabalatee qaamolee nageenyaa kaaniifi ummata waliin ta’uun hojii guddaa hojjeteera.

Kanaanis milkaa’inni guddaan galmaa’eera, ammas galmaa’aa jira. Keessumaa gama nageenya mirkaneessuufi akka yakki hinbabal’anne gochuutiin riifoormiin qaamolee nageenyaa geggeffameen dandeettii ga’umsa humna namaa baay’inaafi beekumsaan ga’oomsuurratti xiyyeeffatamee hojjetameera.

Inni ittaanu ga’umsa dandeettii loojistikii cimsuudha. Humni namaa guddaan iddoowwan dirqamni kennameef hundatti loojistikii barbaachisu hunda fayyadamee hojjechuu akka danda’uuf meeshaalee ammayyaan ijaarameera.

Sadaffaan riifoormii teknolojiiti. Hojiin poolisii hojii saayiinsii waan ta’eef pirofeeshinaalizimiidhaan hojjetamuu qaba. Kanaafis, hojiin poolisii saayiinsiin deggaramee lafa qabachuu qaba. Akka kanaan duraa maanuwaalii qofaan hojjechuun galmaan ga’uun hindanda’amu.

Xiyyeeffannaan komishinichaa yakka ittisuu waan ta’eef kanarratti teknolojii qofa utuu hintaane ummata hirmaachisuun bal’inaan hojjetaa jira. Kanaafis tarsiimoo ittisa yakkaarratti hawaasa hirmaachisuun poolisii hawaasaa (‘community police’) irraa akka eegalamu taasifameera.

Kana jechuun odeeffannoo hawaasarraa dhufuun dursanii yakka ittisuu (‘intelligence leading crime penetration strategies’) irratti hundaa’uun riifoormiin teknolojii bal’inaan hojjetameera. Yeroo ammaa bakkawwan humni poolisii federaalaa jiru hundatti wiirtuu to’annoo waloo (‘common control center’) tokkoon hojii yakka ittisuurratti hojjetaa jira.

Hojii hanga bara 2016tti hojjetameen milkaa’inni guddaan galmaa’uusaa qorannoon komishinichi geggeesseen mirkanaa’eera. Nageenya biyyaa booressuuf fedhiiwwan garagaraa jiraatanis humni nageenyaa keessumaa Poolisiin Federaalaa karaa ijaarameen qaamolee nageenyaa kaaniifi ummata waliin ta’uun ittisa yakkaarratti bu’aa gaariin argamaa jira.

Bu’uuraaleen misoomaa, daandiin baaburaa, buufanni xiyyaaraa, yunivarsitiiwwan, daandiiwwan guguddoon biyya qaxxaamuran, hidhi laga Abbayyaa, akkasumas qabeenyawwan federaalaa guguddoo hundi Poolisii Federaalaatiin eegamu.

Rakkoolee nageenyaa baroota darban mudatanirraa ka’uudhaan barana akka hinmudanneef dursinee ittisuudhaan nageenya mirkaneessuuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’a. Kanaafis, qaamolee nageenyaa qofa utuu hintaanee hirmaannaa ummata bal’aafi humna poolisii ammayyaa’e ijaaruuf riifoormii barbaachisaan taasifameera.

Bariisaa: Gaachana sirnaafi milishaa dabalatee qindoominni qaamolee nageenyaa maal fakkaata?

Jeneraal Malaakuu: Yoo sirriitti hubanneerra ta’e jijjiirama dura qaamoleen nageenyaa sadarkaa federaalaatti jiran inni tokko isa tokko abboomuuf yaaluu, akkasumas naannoleefi federaala gidduutti walhubachuurratti rakkootu ture.

Barana garuu riifoormii qaamolee nageenyaarratti hojjetameen kaayyoon qaamolee nageenyaa hundaa nageenya mirkaneessuu akka ta’u irratti hojjetameera. Kanaaf, waanti isaanirraa eegamu humna nageenya mirkaneessu ijaaranii ittifayyadamuudha.

Haala kanaan yeroo ammaa waliin karoorsuu, bobba’uu, bu’aa argame waliin madaaluufi bakka rakkoon jiru waliin sirreessuu dabalatee qindoominni gaariin uumameera. Sababuma kanaan gaafa kallattiin kennamu qaamolee nageenyaa waliigalaa jedhameeti.

Kana jechuun inni tokko kan isa tokko bakka bu’ee hojjeta utuu hintaane hunduu gaheesaa ba’ata jechuudha. Akka poolisiitti gaafa fudhannu garuu hojiin poolisii federaalaafi naannoo heerarra dhaabachuudhaan olaantummaa seeraa mirkaneessuudha. Hojiilee walfakkaatoo kanneen karaa walfakkaatuun erga rakkoon uumamee booda kan raawwatan utuu hintaane utuu rakkoon hinuumamiini.

Bariisaa: Keessumaa appilikeeshinii ummatni eeruu ittiin kennu (EPP App)fi kanneen akka ‘CCTV’faa ittisa yakkaa

keessatti hammam gumaachaa jiru?

Jeneraal Malaakuu: Daran gumaachaa jiru. Akkuman duratti kaasuuf yaale Poolisiin Federaalaa bu’aalee teknolojii baay’ee of keessatti qabateera. Fakkeenyaaf lammiilee ittisa yakkaa keessatti hirmaachisuuf appilikeeshiniin EPP APPn faayidaa guddaa qaba.

Sababiinsaas yaadrimeen yakka ittisuu jedhu keessumaa kan poolisii hawaasaa (‘community policy’) bu’uurrisaa ummata. Poolisiin hawaasaa maatii tokkoo eegalee hanga gandaatti waan ijaaramuuf yakka ittisuun maatiirraa eegalee hanga gandaatti hojiirra ooluun hunduu hubannoo uumamuun yakki ittifama.

Darbees qaama nageenyaatiif akka eeruun kennamuuf haala mijaawaa uuma. Appilikeeshinii kanaan baay’ina ummata Itoophiyaa miliyoona 120 keessaa dhibbantaa 70 bilbila ismaartii kan fayyadamu yoo ta’e hunduu bakkuma jiruu eeruu kennuun yakka ittisuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabaatan taasisa.

Humnootni poolisii federaalaa bakkawwan adda addaatti ramadaman giddugala wiirtuu odeeffannoo waliin ta’uun qaama yakka raawwachuuf yaale dursanii to’achuuf, yoo raawwates to’annoo seeraa jala akka oolchaniif gargaara.

Ittisa yakkaa keessatti hirmaannaan ummataas akka dabalu taasisa. Namni yakka raawwate eessayyuu taa’ee yakka dalagee seeraa jalaa ba’uu akka hindandeenye hawaasa gidduutti waan hubannoon uumameef naannoole hundatti poolisii hawaasaa ijaaruun cimee ittifufa.

Yakka naannawa ta’e tokkotti raawwatamuuf jedhu adda baasuuf akkasumas ittisa yakkaa ittiin barsiisuuf kaameeraa sochootuun gumaacha olaanaa taphachaa jira. Yeroo ammaa Finfinnee, Adaamaa, Hawaasaa dabalatee magaalota hedduutti wiirtuu odeeffannoo waloo (‘common control center’) faana walitti hidhamaniiru.

Dabalataanis, odeeffannoo diroonotarraa gara wiirtuu odeeffannoo walootti ergamaniin akeekkachiisaafi haala gaarii jiru jajjabeessuuf bifa ammayyaa’aan yakka ittisuun danda’ameera. Keessumaa ayyaanota akka Masqalaafi Irreechaa irratti haala jiru to’achaa ergaan baraachisaa ta’e raadiyoon akka darbuuf haalli mijaa’aan uumeera.

Dirooniin rakkoon addaa yoo jiraatellee bakka rakkoon jiru adda baasuurra darbee akkuma barbaachisummaasaatti gaazii imimmaan buusisu (‘tear gas’) facaasuun yakka ittisuufi hir’isuu keessatti shoora olaanaa taphachaa jira. Akka waliigalaatti haalli teknolojii fayyadamuun olaantummaa seeraa kabachiisuufi yakka ittisuu jiru sadarkaa fooyya’aarra ga’eera.

Bariisaa: Qophiin ayyaanota addababa’ii akka Irreechaa fa’iif komishinichi taasiseefi taasisaa jiru akkamitti ibsama?

Jeneraal Malaakuu: Akkuman dura kaasuu yaaletti bara 2016 hojiiwwan nageenyaa Poolisiin Federaalaa raawwachuuf karoorfate keessaa kan milkaa’eefi hinmilkoofne adda baasuun danda’ameera. Isa milkaa’e akka galteetti fudhachuudhaan ayyaanonni bara haaraafi Masqalaa duudhaasaanii eeganii akka kabajamaniif hojjeteera.

Ayyaanni Irreechaas duudhaa eeggatee akka kabajamuuf qophii ga’aan taasifameera. Yeroo ammaa ummatni nagaan hojiisaa hojjetee galuu barabaada. Ta’us farreen nageenyaa nageenya booressan akka alshabaab, ‘ISIS’ akkasumas Faannoofi Shaneen jiru.

Keessumaa Shaneefi Faannoon gammoojiitti waan abdii kutachaa jiraniif gocha shororkeessummaa raawwachuuf ni yaalu ta’a. Poolisiin federaalaa gocha shororkeessitoota kanneenii to’achuuf dursee qorannaa geggeessa. Ayyaanonniif yaa’iiwwan garagaraas akka geggeeffamaniif qophiilee barbaachisaan taasisaa jira.

Hojii poolisii keessatti wayita hojiin nageenyaa hojjetamu dhibbantaa hanganaa milkeessina jedhamee hinkaroorfamu. Harka dhibba keessaa dhibba milkeessuuf hojjetama. Sababiinsaas gochoonni yakka boodaan jiran lubbuu namaa balleessu waan ta’eef dhimma akka qoosaatti ilaalamu miti. Kanaaf, dhibbaan dhibbatti rakkoo tokko malee akka milkaa’uuf karoorri ba’eera.

Karoora kana keessatti humoonni nageenyaa akka hojjetaniif Poolisiin Oromiyaa, Finfinneefi federaalaa akkasumas wiirtuun odeeffannoofi humnoota nageenyaa biroon qindoominaan maal hojjechuu akka qaban adda baasuun hojjetamaa jira. Haala kanaan akka guutuu biyyaattis ayyaanotni bara 2017 Irreecha boodaan jiranis duudhaasaanii eeggatanii akka kabajamaniif muuxannoo duraan jiru bu’uura godhachuudhaan Poolisiin Federaalaa ga’eesaa bahuuf qophiidha.

Bariisaa: Iddoowwan adda addaatti namoonni danqamanii maallaqa gaafatamu. Qaamoleen gocha kana humnoota mootummaatiin walqabsiisanis jiruutii kanarratti maal jettu, gocha kana dhabamsiisuuf hoo maaltu hojjetamaa jira?

Jeneraal Malaakuu: Waa’een namootni bakkaa bakkatti ugguramuu (danqamuu) jedhuuf odeeffannoo komishinichi qabuun sababooti gocha kanaa Shanee ykn Faannoodha. Gochoota akkanaa Oromiyaatti kan raawwatu Shaneedha. Naannoo Amaaraatti immoo Faannoodha. Akeekni murnoota kanneenii akka namni hinsochoone ugguruudha.

Gocha kana dhabamsiisuu ykn to’achuuf Poolisiin Federaalaa qaamolee nageenya naannolee, Raayyaa Ittisa Biyyaafi ummata waliin qindoominaan hojjechaa jira. Haaluma kanaan bakkawwan baay’eetti tarkaanfiin Shaneefi Faannoorratti fudhatamaa jira. To’annoo jala oolfamaa jiru

Akka Poolisiin Federaalaa ragaa qabutti humnoonni kunneen gochoota kanneen wayita raawwatan uffata dambii Poolisii Federaalaa uffachuudhaan waan ta’eef jedhama malee gochichi gocha qaamolee nageenyaa mootummaatiin kan walqabatu miti.

Komishinichi dhimma kana sirriitti qorachuudhaan adda baafateera. Kanneen qaamolee seeraa keessaa sababoota adda addaatiin ari’aman, rakkoo naamusaatiin gananii baduudhaan diinatti makaman uffata dambii qaamolee nageenyaa fudhatanii baduun saamicha raawwatu. Qaamni nageenya wareegama kaffalee nageenya mirkaneessuuf kan hojjetu malee gocha saamichaa raawwachuun deebi’ee kan ummata dararu miti. Kanaafis, hojii keessoo qulqulleessuun ittifufeera.

Bariisaa: Hawaasni odeeffannoo sobaa keessumaa karaa miidiyaa hawaasaa tamsa’urraa akkamiin of eeguu qaba jettu?

Jeneraal Malaakuu: Wanti nuti amma nifurama jennee yaadnu tokkoffaa ummatni nagaa barbaada, qaamoleen nageenyaas wareegama barbaachisu kaffaluun nageenya biyyaa mirkaneessuuf hojjetaa jiru. Nageenya biyyaa mirkaneessuun nageenya ummataa mirkaneessuu waan ta’eef ummatni humna nageenyaa faana dhaabachuu cimsee ittifufuu qaba.

Yeroo kamuu taanaan ummatni humna deeggarsaa guddaa ta’ee poolisii waliin nageenya naannawaasaa mirkaneessuuf hojjechuu qaba. Waantota ummata dogoggorsan keessumaa kanneen biyya alaa taa’anii faayidaa dhuunfaasaanii guuttachuuf miidiyaalee hawaasaarratti waan hintaane ummattoota gidduutti facaasuudhaan nageenya booressuuf yaalaa turaniiru. Hawaasni odeeffannoo sobaa kanaafi waa’eesaa dhaabbatee madaaluu qaba. Qaamoleen dhimmi nageenyaa isaan ilaallatu hundis madaaluu qabu.

Dabalataanis, nageenya biyyaatiif lammii biyyattii hundi hojjechuutu irraa eegama. Keessumaa qaamoleen baratan nageenya biyyaa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa waan qabaniif waan dubbataniifi barreessanirratti of eeggannoo barbaachisaa taasisuu qabu. Dhimma nageenya ummataafi biyyaarratti ilaalcha tokko qabaachuun daran murteessaadha.

Namni amantaafi siyaasa garagaraa qabaachuu danda’a. Gaaraagarummaa jiru keessatti namni tokko ilaalchasaa ibsachuu kan danda’u yoo nagaan jiraate qofa. Kanaaf, dhimma nageenyaarratti namni hundi tokko ta’uu qaba. Haasaa jibbiinsaa (‘hate speech’) miidiyaalee hawasaarratti gadhiifamuun hawaasa burjaajessuu waliin balaaleffachuun ga’ee nama hundaati. Yoo nageenyarratti tokkummaadhaan hojjenne nageenyi bara 2017 daran amansiisaa ta’a.

Bariisaa: Diyaaspooraa biyya alaa taa’ee bu’aa dhuunfaasaa giddugaleeffatee haasaa jibbiinsaa miidiyaalee hawaasaarratti facaasu to’atanii akka seeratti dhiyaatan gochuun hindanda’amuu?

Jeneraal Malaakuu: Akkuma beekamu biyyi keenya akka biyyaatti hojii biyyoota idiladdunyaa waliin walittidhufeenya uumuuf hojii dippilomaasii garagaraa hojjechaa jirti. Kanaafi, imbaasiiwwan garagaraa Itoophiyaa keessa jiru akkasumas, imbaasiiwwan keenyas biyyoota garagaraa jiru.

Kanaaf, namoota diyaaspooraa ofiin jechuun biyya alaa taa’anii haasawa jibbiinsaa miidiyaalee hawaasaarratti facaasan to’achuudhaan seeratti dhiyeessuuf karaa haajaa dhimma alaa akka mootummaatti wanti hojjetamu jira. Akka Poolisiitti garuu Dhaabbata Poolisii Addunyaatti (intarpoolitti) Itoophiyaan miseeensa.

Dabalataaniis, sadarkaa Afrikaattis Afrikipool haaluma walfakkaatuun kan Afrikaa dhihaas jira. Pirezidaantiin walta’iinsa kunneenii waggaa tokko tokkoon waan geggeeffamuuf Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Itoophiyaa, Dammallaas Gabramikaa’el waggaa darbee pirezidaantii ture.

Dhimmooti haasaa jibbiinsaa akkasumas yakkoota daangaa biyyaa qaxxaamuruun kanneen akka shororkeessummaa, daddabarsa maallaqaafi namoota seeraan alaa, akkasumas biyya tokko taa’aanii nageenya biyya tokko booressuu haasaa jibbiinsaa dabalatee bal’inaan nimar’atama.

Kanaaf, namoota yakka akka kanaa raawwatanii gara biyya keenyaa dhufan heeraafi seera ittiin bulmaataa biyyaarratti hundaa’uudhaan dabarsinee nikennina. Biyoota Itoophiyaan miseensa waliin taate birattis hojii walfakkaataan akka hojjetamuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira.

Kanaaf, immoo walittidhufeenya biyyoota jabaa kan barbaadu ta’us biyyootni hundi walittidhufeenyi isaan biyyoota biroo waliin taaisan fedhii biyyasaaniirratti hundaa’uun kan geggeeffamuudha. Biyya kamuu wajjin walittidhufeenyi geggeeffamu fedhiifi faayidaa biyya mirkaneessuuf kan hojjetamuudha malee kan fedhiifi faayidaa biyya kee mirkaneessuuf biyyi hojjetu hinjiru.

Kana jechuun waan seeraan hordofamuu qabu seeraan hordofuun barbaachisaadha. Kan qaama seeraan hojjetamu akkuma jirutti ta’ee kanaan olitti ummatni haasaa jibbiinsaa abbaan barbaade biyya alaa taa’e walittibu’iinsa uumee doolaara sassaabbachuuf taasifamu ummatni dammaqee balaaleffachuu qaba.

Bariisaa: Ergaa ykn dhaamsa yoo qabaattan?

Jeneraal Malaakuu: Lammiilee biyyattii hundaaf akkasuma biyya alaa jiran hundaaf baga ayyaana Masqalaafi Irreechaa geessanin jedha.

Bariisaa: Galatoomaa

Gammachuu Kadiriin

 BARIISAA SANBATAA Fulbaana 18 Bara 2017

 

Recommended For You