Adaamaa: Barataa Raajii Tasfaayee Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Warra Jaarsoo, Ganda Awwaaree Goljeetti dhalatee guddate.
Kutaa 4ffaarraa kaasee hanga 12ffaatti sadarkaa 1ffaa bahaa kan ture yoo ta’u, qormaata kutaa 12ffaa bara 2016n Mana Barumsaa Addaa Yunivarsiitii Salaaleetti fudhatee qabxii olaanaa galmeessisuun badhaafameera.
Raajiin ofkennee barnootasaa hordofaa turuu eeree, dhamaatee haadhaafi abbaasaaf gatii baasuuf kutannaan socho’aa jiraachuu dubbata.
Biiroon barnoota Oromiyaas barattoota qormaata kutaa12ffaa qormaata 2016n qabxii olaanaa galmeessisan 305 addatti Kamisa darbe kan badhaase yoo ta’u, barataa Raajii Tasfaayees badhaafamtoota keessaa isa tokko.
Barataa Raajiin qormaata biyyaalessaa kutaa12ffaa bara 2016 kenname hedduun ittikufan keessaa qabxii daran olaanaa 568 kan galmeessise yoo ta’u, badhaasa kompiitara laaptooppii” koor “ I “7fi meedaaliyaa dhuunfateera.
Qabxii galmeessiseefi badhaasa argateen kan onnate Raajiin yunivarsiitii galee ogummaa doktara meedikaan leenji’uuf of qopheessaa jiraachuu kaaseera. Qabxii daran olaanaa amma galmeessiseef bu’uura kan ta’eef hawaasa mana barumsaafi maatiisaa ta’uus dubbateera.
Maatiinsaa lafa yaade gahuuf isa humneessaa turuu himee, keessumaa banamuun mana barumsaa Addaa Yunivarsiitii Salaalee seenaasaa jijjiiruu dubbata. Kanaan dura carraan manneen barnootaa addaafi bultii addaatti barachuu dhiphaa ta’uu yoo kaasu ilmasn hiyyeessaa ga’umsa osoo qabanii haala mijataa barnootaaf dhabuun lafa yaadan kan hanqatan jiraachuu himeera.
Barattoonni osoo dandeettii addaa qabanii carraa mana barnootaa addaatti barachuu dhabuurraa kan ka’e duubatti hafuun amma hafaa jiraachuu yaadachiisee; cimanii hojjechuun akkasa carraa kana akka qooddatan dhaameera.
Barattuu Salaamaawwiit Gabrawaldis Bulchiinsa Magaalaa Shaggar, mana barumsaa dhuunfaa Evarastirraa qabxii olaanaa 558 fiduun kanneen badhaafaman keessaa ishee tokko yoo taatu, fuulduratti paayleettii ta’uuf mul’ata akka qabdu kaasteetti.
Keessumaa badhaasaafi Meedaaliyaa BBOn isheef kenne daran kan ishee onnachiisu mul’ata qabattee kaates galmaan akka geessuuf akka ishee onnachiisu himteerti. Milkaa’inashii kana duuba deeggarsi maatii, barsiisotaafi mana barumsaa qooda guddaa akka fudhatu himteetti.
Barattoonni keenya ga’umsa qabnu ganamumaa seeraan ittifayyadamnaan lafa yaanne gahuu dandeenya jettee dagannaan umrii dargaggummaatti mudatu eeggattummaa qaqqabsiisuu akka dandahu ibsiteetti.
Rabbifaana mul’ata paayleettii ta’uu qabattee kaate milkeeffachuuf humna guutuun akka hojjettu yoo himtu barattoonni duubarra jiranis cimanii hojjechuu akka qaban dhaamteetti.
Barataa Iyyoob Fiqaaduu Godina Qellem Walaggaa Yunivarsiitii Dambidoolloo Mana Barumsaa Addaa Nagaasoo Gidaadaarraa qabxii 539 galmeessisuun yoo badhaafamu misoomni barnootaa Oromiyaatti jalqabe hayyoota biqilchaa jira jedha.
Yunivarsiitii galee barnoota Fiiziksiin leenji’ee biyyasaa gargaaruuf kan qophaa’uu eeree; badhaada BBOn kenneefiin onnatee mul’atasaa milkeeffachuuf humnaguutuun akka hojjetu ibseera.
Mootummaan warraaqsa misooma barnootaa eegale kana cimsee ittifufnan hayyonni diroonii, ibsaa, ogeessonniifi qorattoonni wabii biyyaa ta’an akka horataman waangodhuu barattoonni carraa argame kana haalaan fayyadamuu akka qaban dhaaneera.
Biiroon Barnoota Oromiyaa barattoota bara kana qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qabxii olaanaa galmeessisan keessumattuu qabxii530 ol fidaniif badhaasa kompiiteraafi meedaaliyaa kenneera.
Milkaa’ina manneen barnootaa Addaafi Bultii Addaatti galmaahe kana dachaan misoomsuun Oromiyaa badhaate dachee kalaqni itti maddu ogeessonni itti biqilan taasisuuf ciminaan akka irratti hojjetamu Hogganaan BBO Doktar Tolaan Bariisoo dubbataniiru.
Sadarkaa gadiirraa kaasee misooma barnootaarratti hojjechuun dhaloota egeree biyyaaf wabii ta’e horachuuf kutannoon hojjetamaa jiraachuu yaadachiisaniiru.
Dhimmi qulqullina barnootaa mootummaaf qofa kan dhiifamu waan hintasneef hawaasni mana barumsaas abbootiin qabeenyaas deeggarsa barbaachisu taasisuu akka qaban dhaamaniiru.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 18 Bara 2017