Irreecha duudhaasaa eeganii kabajuun hiree dhaloota har’aati

Oromoon jaarraa tokkoofi walakkaa oliif lafasaa qofa osoo hintaane aadaa, afaaniifi eenyummaasaa dhabeera. Sabni guddaan safuu uumaafi uumamaa beekee jaalalaafi kabajaan jiraatu kun xiqqeeffamee toora dhala namaa gaditti ilaalamaa qoodniifi aadaansaa balaalefatamaa ture.

Mirga jiraachuufi kabaja aadaasaa jecha qabsoo hadhooftuu dhalootatti darbu taasiseera. Dhaloota ammaarra ga’ee umuriin garbummaasaa xumura argachaa dhufeera. Hora Finfinneerraa fageeffametti deebi’uun akka aadaasaa ganamaatti irreeffachuu eegale. Finfinnee keessa naanna’uun Shinooyyeefi Goobee kaleessa qe’eessaarratti dhiichisuun kabajaa ture warra hinbeekneefi beekaa qe’eessarraa isa buqqisetti mul’ise.

Dubbiin madaa kaleessaafi aadaa badee dhiichisuufi shubbisa qofaan kan bira taramu osoo hin taane duudhaa ganamaa qixa sirriin duukaa bu’uufi injifannoo argame tikfachuu gaafata. Injifannoo xiqqoon machaa’uun yookaan daandii gubbaa nama bulcha yookaan ammoo boodattuu nama deebisa waan ta’eef keessattuu dargaggeessi aadaa, afaaniifi eenyummaasaa gadifageenyaan baruufi barsiisuu akkasumas kunuunsuurratti qooda leencaa qaba.

Dargaggoonni goolabbii kabaja Goobeefi Shinooyyee kan Finfinnee, Giddugala Aadaa Oromootti taasifamerratti argaman haala kabaja Irreechaa ilaalchisee Gaazexaa Bariisaa waliin turtii taasisan qeeqa, ciminafi waan fooyya’uu malurratti yaada bal’aa kennaniiru.

Gaggeessaan Hojii Dhaabbata Piromoshinii Boraatii Dargaggoo Biruuk Girmaa akka jedhutti, aadaa boonsaa Oromoon qabu keessaa Irreechi isa tokko yommuu ta’u kabajni ayyaana ummata miliyoonaan lakkaa’amu hirmaachisu kun waan Oromoofi Oromummaa beeksisuu keessatti shoora guddaa taphata. Kabaja ayyaana kanaan walqabatee sirboonni, nyaatniifi aadaan dhiyaatu duudhaa ganamaa gadilakkisuu hinqabu. Kana eegsisuu keessatti qoodni Qeerroofi Qarree daran olaanaadha.

Haa ta’u malee, tarii sababa hanqina hubannoorraa kan ka’e bakka tokko tokkotti aadaa gad lakkisuun jira. Aadaa ammayyeessuun duudhaasaa eeggatee malee ammayyummaan liqimfamuu hinqabu. Garuu sirboota aadaafi haala uffannarratti wanti amma calaqqisu toora kan gad lakkise fakkaata.

Sirboota aadaa ammayyeessuuf jedhamee aadaa keessaa ba’uutu mul’ata. Huccuun aadaa tokko tokko guutummaatti asxaa Oromummaa kan of keessaa hinqabne yommuu ta’u, waan dhiiraa huccuu dubartiirratti, waan dubartii ammoo huccuu dhiirraa irratti faayuu ni mul’ata.

Akka ibsa dargaggoo Biruukitti, namni hunduu hubannaa guutuu qabaatee osoo hintaane hanga hubate aadaasaa calaqqisiisa waan ta’eef hojiin hubannoo karaa qaama dhimmi ilaallatuun kennamuu qaba. Dhaabbatni Piromooshinii Boraatiis, keessattuu dargaggoonni aadaasaanii qixa sirriin hubatanii akka hubachiisaniif hojii bal’aa hojjetaa jira. Kun qofti gahaa waan hintaaneef hunduu dirqamasaa ba’uu qaba.

Jiraataa Godina Shawaa Kaabaa miseensa Dargaggoota Waldaa Salaalee kan ta’e Dargaggoo Seefuu Turaa gamasaatiin akka jedhutti, dur abbootnisaa Finfinnee deemanii mitii naannawuma jiraatanittuu aadaa ofii hordofuu dhorkamanii turan. Amma garuu jijjiirama aarsaan dhufeen wanti hunduu jijjiiramee Oromoon aadaasaa karaa guutuu calaqqisiisaa jira.

Amma wanti hundarraa eegamu aadaafi eenyummaa ofii qixa sirriin baruufi barsiisuudha. Oromoon hammataa waan ta’eefi akkuma aadaa Ormaa kabaju aadaansaa akka kabajamuuf fedha.

Kabajaafi safuu uumaafi uumamaa qabuun haalli uffannaafi dubbannaasaa safuun kan dabaalamedha. Kabaja ayyaana Irreechaa bara kanaarratti jaalalli Oromoon saba biroof qabu Ormoota kabajuun kan itti mul’atu akka ta’u akkasumas aadaan nyaataa, uffannaafi dubbannaa karaa guutuun sabicha akka ibsuuf hunduu gaheesaa ba’uu qaba.

Rakkoon aadaa nyaataas ta’e uffannaan walqabatu sababoota hanqina hubannaafi ittiyaadanii gurraachessurraa madda. Namootni baay’een akka qajeeltoo aadaa sabichaatti osoo hintaane akkaata hubatanitti waa dalagu kun hanqina hubannaati. Kanneen itti yaadanii aadaa sabichaa booressuuf waan hinmallee hojjetanis jiru. Beekaniis ta’e osoo hinbeekiin aadaa booressuun rakkoo bu’uuraa waan uumuuf dargaggoonni kana sirreessuu keessatti gaheesaanii taphachuu akka qaban dhaameera.

Jiraataa Aanaa Tufaa Munaa kan ta’e Dargaggoo Lachiisaa Guddinaa akka jedhutti, aadaa keenya dhokatee ture diinattis dhiigattis agarsiisuu keessatti qoodni kabaja ayyaana Irreechaa olaanaadha. Aadaa keenya beeksisuuf ummata bal’aa haala kanaan bakka tokkotti argachuun rakkisaa waan ta’uuf carraa kanatti qixa sirrii fayyadamuun barbaachisaadha. Duudhaa gaarii gabbisuufi waantota faalama aadaa dhaqqabsiisan qolachuun qaama tokkoof kan dhiifamu osoo hintaane tumsa hundaa waan gaafatuuf gamanumaan of qopheessuun murteessaadha.

Kaleessa Irreechi miira sodaafi bittinnaa’een kabajamaa ture. Har’a garuu wayita Irreechi addunyaattuu mul’ataa jiru kanatti waan tokkummaa, walhubannaafi dhageettii mul’isurratti xiyyeeffachuu qabna. Dargaggootnis aadaa Oromootti faayamanii ba’uu cinatti wantoota Oromoo, Oromoo urgaa’aniin duudhaasaanii eeganii dhiyaachuu qabu jedheera.

Waa’een aadaa dogoggora malee guyyaa tokkotti kan keessaa ba’amu osoo hintaane qorannoo, hubannoofi mariin kan sirrachaa guddachaa adeemudha kan jedhan ammoo Gorsaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Obbo Biraanuu Buuxeeti. Akka isaan jedhanitti, aadaan eenyummaa saba tokkoo waan ta’eef haquufi laaquun hinbarbaachisu. Aadaan Oromoo dhiibbaa tureen safuufi duudhaasaa waliin riphe malee aadaa bade waan hintaaneef safuufi duudhaansaa ganamaa akka eegamu biiroonsaanii waan bal’aa hojjeteera.

Uffannaafi nyaata aadaa Oromoo ammayyeessurratti hojii bal’aan hojjetameera. Aadaan safuufi duudhaasaa eeggatee bara waliin ammayyaa’ee kan tarkaanfatu malee bakka kaleessaa qofatti kan hidhamee taa’u miti jedhanii; haa ta’uutii, hanqina hubannoofi jibbarraa ka’uun aadaa nyaataa, irreeffannaafi uffannaa kallattii gad lakkisiisuun ni calaqqisa.

Qaroominaafi ammayyummaa itti fakkaatee callee akkasumas elellaa huccuu dhiiraan faayuu, bokkuu huccuu dubartiitti faayuun ni mul’ata. Bokkuu yookiin Horooro dhiiratu qabata, Siinqee dubartiitu qabata. Har’a garuu bakka tokko tokkotti dogoggorri ni mul’ata. Faayaafi huccuun dhiiraafi dubaraa duudhaa Oromoo ganamaa waan ta’eef safeeffatamuu qaba. Hojiin hubannoos hawaasa sadarkaan jiruuf kennamaa jira, kennamuus qaba.

Akka isaan jedhanitti, namootni kaleessa miidhagina aadaasaanii wallaaluun irraa baqachaafi jalaa dhokachaa turan har’a wayita gara aadaasaaniitti deebi’anii dhimmoota garagaraarratti hirmaatan dogoggorri mudachuu mala. Oromoon saba bal’aa ta’uusaan yeroo ammaa kana godinaalee aadaa 12tti qoodameera.

Oromoodhuma gidduutti wanti godina tokkotti sirrii ta’e godina birootti safuu waan ta’uuf qeequun yookiin yaada kennuun nama rakkisa. Kanaafuu, hunda dura erga aadaan godinaalee hundaa hubatamee booda qaawwaa jiru mariifi qorannoon sirreessaa deemuun barbaachisaadha. Inistiitiyuutiin Qorannoo Oromoos kanumaaf qofaatti hundeeffame.

Gama biraatiin namootni kaleessa aadaa kana jibbaafi tuffachaa turan har’as bal’inaan akka jiran hubatamuu qaba. Akka kaleessaa aadaa kana awwaaluuf humna dhabanis haquufi laaquurraa boodatti hinjedhan waan ta’eef dammaquun barbaachisaadha jedhaniiru. Inumaayyuu yeroo ammaa huccuu aadaa Oromoo kaleessa balaaleffatamuu turerratti kan saba biraa makuunis bal’inaan mul’ata. Kunis matumaa dogoggora sirrachuu qabuudha. Oromoo dabalatee aadaan saba kamuu aadaa mataasaa danda’eedha.

Aadaan siyaasa osoo hintaane aadaa waan ta’eef siyaasa waliin walitti makuun hinbarbaachisu. Kallattii siyaasaatiin yoo ilaalames Itoophiyaa biyya sabdaneettii eenyummaafi aadaan of danda’an of keessatti hammattedha. Kanaafuu, tokkummaa jiru cimsuun eenyummaa ofii qabatanii ba’uun waanuma sirriifi heeraan deeggaramuudha.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 18 Bara 2017

Recommended For You