“Oromiyaatti leenjii ispoortii gannaafi bonaa cimsuuf tattaaffiin taasifamaa jira” – Obbo Habtaamuu Lammaa

Finfinnee: Oromiyaatti sagantaa leenjii ispoortii yeroo gannaafi bonaa cimsuuf guddattoonniifi barattoonni leenjiin ispoortii adda addaa akka argatan taasifamuusaa Biiroon Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa ibse.

Biirichatti Daarektarri Leenjii Dorgommii Barnoota Ispoortii Dargaggootaa Obbo Habtaamuu Lammaa akka dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif ibsanitti, hojiin bakka bu’oota ispoortii baay’inaafi qulqullinaan horachuuf gargaaruufi milkaa’ina caalmaa qabu galmeessisuuf leenjiin guddattootaa yeroo gannaa baldhinaan kennamera.

Leenjii gannaa waliin walqabatee, yeroo gannaa kana karoora qabameen dargaggoota barumsa dhaabuun boqonnaarra turaniifi bakkeewwan adda addaatii dhufaniif buufataafi wiirtuuwwan ispoortiitti leenjiin kennamusaas yaadachiisaniiru.

Naannoon Oromiyaa bal’aa ta’usaatiin uwwisni ispoortiis bal’aadha kan jedhan Obbo Habtaamuun; godinaalee maraa keessatti gosootni ispoortii baldhinaan yeroo gannaa kana kennamusaas dubbataniiru.

Haaluma kanaan akaakuuwwan ispoortii 24n godinaalee 21fi magaalota 23tti leenjitoota kuma 110fi 329f leenjii kennuuf karoora qabame keessaa kuma 101fi 756 raawwatameera. Akkasumas leenjistoonni kuma lamaafi 947 akka hirmaatan karoora qabame keessaa kuma lamaafi 956 ta’an hirmaachuusaanii ibsaniiru.

Leenjiin kunis Waxabajjii 30 kaasee hanga Qaam’ee 3tti kennameera kan jedhan Obbo Habtaamuun; hojii kanarratti qaamoleen dhimmichi ilaallatu marti qooda isaanirraa eegamu bahuusaanii ibsaniiru.

Leenjiin gannaa kun faayidaa guddaa qaba kan jedhan daarikterichi, dargaggoota ciccimmoo yeroo bannoo naannoo keenyaa bakka bu’uun shaampiyoonaawwan ispoortii sadarkaa biyyaatti gageeffamanirratti hirmaatan horachuuf gargaara jedhaniiru.

Leenjiin kun bara darbe gosoota ispoortii 13 irratti rarra’aa kan ture yoo ta’u, kan ammaa kun ispoortiiwwan hedduun dabalamuusaas eeranii; warri ispoortiif fedhii qaban akka hirmaataniif carraa banuusaas ibsaniiru.

Leenjii gannaa kana cinatti dargaggoonni hedduun hojiiwwan tola oltummaarratti bobba’uudhaan u dhaabuu, manguddootaafi warreen humna hin qabneef manasaanii suphuufi haaromsuu, dhiiga arjoomuufi gargaarsa adda addaarratti boba’uusaanis ibsaniiru.

Naannoon Oromiyaa akkuma bal’aa ta’e rakkooleen nageenyaan walqabatan turanis godinaaleen hanga humnisaanii danda’etti leenjicha kennuudhaan fiixaan milkeessuusaanii muldhisaniiru.

Akkasumas mootummaan naannichaa guddina ispoortiif xiyyeeffannaa keenuudhaan ispoortiin hawaasa Oromoo biratti bal’inaan akka adeemsifamu gochuuf gandaa kaasee hanga magaalota gurguddootti bakkeewwan oolmaa ispoortii dargaggootaa bal’inaan hojiirra akka oolaniif hawaasni yeroo haara galfannaasaa akka hordofuuf taasisaa jira jedhaniiru.

Keessattuu godinaaleen Jimmaa, Arsii, Qeellam Wallaggaafi Wallagga Bahaa magaalaa Naqamtee, Shawaa Bahaa magaalaa Adaamaa, Shaashamanneefi Baalee, akkasumas Shawaa Kaabaatti yeroo ammaa baldhinaan leenjiin ispoortii gannaa kennameera.

Dargaggoonni leenjii gannaa fudhatan kunneen umriidhaan calalamanii wiirtuuwwan leenjii kubbaa miilaa “FIFA Amboo Goal project” jedhamu magaalaa Amboofi manneen barnootaa adda addaatti akka leenji’an taasifamuu Obbo Habtaamuun eeraniiru.

Oromiyaan guddina ispoortii biyyaaf burqaadha jedhanii; Inistiitiyuutiin Qorannoofi Leenjii Ispoortii Komishinara Gargaartuu Daraartuu Tulluu dargaggoota guddattoota 800 ol ta’an akkaakuuwwan ispoortii adda addaatiin leenjisee firiidhaan gahuuf simachaa jiraachuu eeraniiru.

Waggoota muraasa darbaniif Oromiyaatti laafee kan ture ispoortiin naannoo Oromiyaa yeroo ammaa kutannoo hoggansa haarawaan hojiin ispoortii bakka duriitti akka deebi’uuf hojjetamaa jiraachuus caqasaniiru.

Akkasumas kanaan dura pirojektiiwwan ispoortii dargaggootaa dargaggootaaf hidhata ispoortii bal’inaan raabsuufi ittifayyadamummasaanii xiqqaadha kan jedhan daarektarichi; ammaan tana qaamni isa duuka bu’u ramadamuudhaan gubbaadhaa kaasee hanga gadiitti leenjii pirojektichaa itti kennamutti to’annaan akka godhamus ibsaniiru.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 11 Bara 2017

Recommended For You