“Isa baranneen otoo hintaane mul’ata nukeessa buleen omisha borsaafi kopheetiin dinagdeen of jijjiiraa jirra”- Dargaggoota Adaamaa

Dargaggootaa goondaa ta’aa jedheen eegala. Dhugaadha goondaan uumama xiqqoo garuummoo qorqalbiin cimtuu taatedha. Maaliif jechuu dandeessu, dhufaatii gannaa beektee bona midhaan guurtee mankuusa lafajalatti qotame keessa tuullatti.

Ganni dukkanaa’ee yoo dhufu roobaaf lolaa hamaarraa, beelarraa of baraaruuf kan bona olkeewwwatte nyaataa barii birraa ooltee yaati. Qorqalbii fageessee yaadu qabdi. Kanamalees laga guddaa harkaan walqabattee walhumneessuun ceetee lafa garaashee geessee waan gannaaf ta’u guurratti. Yoo rakkoon battalaa tokko ishee quunname qunceen waltaatee Arba hiiti akkuma jedhamu itti duuluun walbaraarti, diinashiis tamsaasti.

Diinni dargaggoota keenya hubu maali? akkamiin irra aanuu danda’u isa jedhuuf fakkeenyummaan goondaa ykn mixii barsiisaadha. Biiftuu jirtu suksuku akkuma jedhu Oromoon egeree keenya har’a yoo hojjenneen ala nama boruu ta’uun hindanda’amu.

 

Dargaggummaan yeroo murteessaa dhalli namaa jireenyasaa keessatti takkaa keessa darbu yoo ta’u gadaa kana keessatti osoo hojii hinfilatiin, hintuffatiin xiyyeeffannoo kennee kan hojjete akkuma jijjiiramu kan masluufni ammoo deega kan of nyaachisu ta’uu eenyumaafuu ifa.

Dhufaatii gannaa beektee goondaan midhaan boollasheetti olguurtee mankuusa keessa kaawwachuun ganna akkuma nyaattu dargaggoonnis umrii murteessaa ta’e kanatti of kennanii hojjechuun ilmaansaaniif wabii jireenyaa ta’uu qabu. Kanamalees dullumaafi humna galgala dhumu kana keessa soora dhabanii rakkachuu harka namaa ilaaluu keessaa bahuuf ganama hojjechuun ykn jireenya ofiitti goondaa ta’uun dirqama.

Tibbana wayita dhimma hojiif gara Adaamaatti deemnetti dargaggoota hojii uummatanii jireenyasaanii jijjiiran tokko tokko dubbisnee turre. Isaan keessaa jiraattuu magaalaa Adaamaa, ganda Buttaa kan taate Shamarree Soosinnaa Nugusee erga barumsa xumurtee fedhiin ishee keessa ture ogummaa ta’uu himti.

Bu’uuruma kanaan kolleejjii galtee dizaayinii huccuu barachuu yoo himtu, fedhiishii kana milkeeffachuuf waahillanshii waliin gurmooftee omisha bu’aalee gogaarratti bobba’uu kaasti.

Waldaa Dhuunfaa Omisha Bu’aa Gogaa Gadaa jedhamu moggaafachuun bakka hojii bulchiinsi magaalaa isaaniif kennetti bu’aalee omishaa kanneen akka korojoo (borsaa) dubaraa waaleetii dhiiraa ammayyaa ta’an dizaayiniiwwan gara garaatiin gabaaf dhiyeessanii galiisaanii fooyyessaa jiru.

Shamarree Soosinnaan turtii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisteen dargaggoonni hedduun kan barataniin qofa hojii argachuuf yoo tattaafatan mul’atu. Kun sirrii miti jetti.

Namni kamuu kanan baradheen qofa hojii qabadha jedhee kan carraaqu taanaan eeggattummaa jalatti kufa jettee, osoo hojii hinfilatiin kan argatetti fayyadamuun of jijjiiruun dirqama yeroon gaafatu ta’uu kaasti.

Hojii kana malee sana hinhojjedhu ilaalcha jedhuun hojii barbaacha jooruun umrii fixa, qorqalbii dadhabsiisa, hiyyumaaf nama saaxila umriin yeroo fagaataa deemu karaatti kufuun soorama malee waan nama hambisuuf ganamuma irratti hojjechuun murteessaa ta’uu dubbatti.

Isheenis kan baratteen ala mul’ata ishee keessa buleen of jijjiiruuf kutannaan hojii omisha gogaatti kan bobbaate yoo ta’u, mindaa mootummaa ji’aan eeguurraa gara guyyaatti maallaqa gahaa argachuutti ce’uu dandeesseetti.

Gaafa haalli gabaa mijataa ta’etti mindaan ji’aa mootummaarraa eegamu guyyaa tokkotti yeroo argamu jira jettee dargaggoonni keenya dammaqanii hojii ogummaatti bobba’uu akka qaban dhaamti.

Akka ibsasheetti guyyaatti korojoo dubartootaa 50 ol akka omishtu yoo himtu, gatiinsaas haaluma qulqullinaafi sadarkaasaarratti hundaa’uun madaalawaadhaan gabaaf kan dhiyaatedha. Waldaansaanii erga hundaa’ee yeroo gabaabaa ta’us akka magaalaa Adaamaatti omisha bu’aa gogaa eegalan kanarraa galii onnachiisaa argataa jira.

Galiin guyyaan isaan argatan ji’aan yoo shallagamu mindaa olaanaa yoo ta’u, mindicha caalaa ogummichaan ijaaramanii bahuun fuulduraaf of ta’anii akka hojjetaniif bu’uura kan buusuuf akka ta’eedha shamarreen tun kan kaastu.

Bulchiinsi magaalaa Adaamaa sochii waldaa kanaafi bu’aa galmaa’aa jiru kana gadifageenyaan erga ilaalee booda rakkoon walitti hidhaminsa gabaallee akka furamuuf tumsa nuu gochaa jira jettee, yeroo ammaatti beekamtiinsaaniis dabalee namoonni hedduu ajajaan hojjisiifachaa jiru jechuun eerti.

Soosinnaan kaleessa dheengadda maatiitti ba’aa taatee turuu yoo himtu amma garuu mul’atashee tattaaffii taasisteefi deeggarsa bulchiinsi magaalaa Adaamaa waldaasaaniif taasiseen eeggattummaa jalaa baatee wabii maatiishee ta’aa jirti.

Fuuldurattis waldaan ijaaramuu keessaa baatee kan dhuunfaashee banattee hojjechuuf gamanumaa of qopheessaa kan jirtu yoo ta’u, ogummaa omisha bu’aalee gogaa itti ofgeesse kanaan dinagdeen ofjijjiirtee fakkeenya ta’uuf xiiqiin hojjetaa jirti.

Dargaggoonni keenyas isheerraa barachuun harka namaafi maatii ilaaluu keessaa ba’anii wabii maatiisaanii ta’uun isaanirraa eegama. Akkuma goondaan dhufaatii gannaa beektee bona midhaan gurtee olkeewwattu dargaggoonis humna galgala dhumu qalbii galgala dhufuuf soorata gahaa ta’e olkeewwachuun dhalootaafis ta’e biyyaaf wabii ta’uu waan ta’eef dammaqinaan hojjechuun dirqama.

Dargaggoo Sabsibee Mulugeetaas jiraataa magaalaa Adaamaa yoo ta’u, kutaa 10ffaa xumuree hojii barbaacha jooraa turuu kaasa. Duubarra miidyaa hawaasaarratti namoonni yeroo kophee hojjetan taa’ee ilaalaa turuu yoo kaasu, miira nidanda’ama jedhu keessasaa buleen omisha kopheerratti bobba’uu kaasa.

Innis mul’atasaa qabatee waan hojiitti bobba’eef guyyaatti kophee hanga 24 (Darzana lama) akka omishu kaasa. Bu’aaleen omisha kophee dhiiraafi dubartii isaan hojiitti hiikanii agarsiisan kan nama onnachiisu waan ta’eef bulchinsi magaalaa Adaamaa bakka hojii mijeessuufiin qabsoosaanii akka cimsatan isaan deeggareera.

Kanamalees akka omishnisaanii gabaa biyya keessatti beekamtii argatuufi rakkoon walitti hidhaminsa gabaa akka mijatuufiif gabaa sanbataarratti dhiyeessuun bu’aa galmeessisaa jiru. Yeroo ammaa beekamtiinsaanii dabalaa haalli gabaas mijataa ta’aa jira.

Kopheen isaan omishaa jiran qulqullinaanis ta’e dizaayiniin miidhagaa yoo ta’u, barbaadamummaansaa daran olaanaa ta’aa jira. Akka ibsa dargaggoo kanaatti hiriyyoonnisaa hedduu hojii filachuufi barbaacha umriisaanii fixaa jiru. Kunimmoo ilaalcha galgala ofii balleessu waan ta’eef itti yaadamuu mala.

Kan barataniin qofa hojii barbaacha jooruun maallaqa osoo hintaane bara nama lakkoofsisa, gaafa galgalli dhufu humni dhumummoo gaaga’ama hawaasummaa qaqqabsiisuu waan danda’uuf yerootti fayyadamuun murteessaadha.

Mootummaan jijjiiramaa dargaggoota jijjiiruuf kaka’umsa guddaa keessa jira. Kanamalees ittigaafatamummaa guddaa qaba. Maaliif yoo jettan sirna kana dhaluu keessatti humnoota wareegama guddaa kaffalaniidhakaa.

Bu’uuruma kanaan dargaggoota hawaas dinagdeefi siyaasaan humneessuuf tattaaffiin gama mootummaatiin jiru olaanaa waan ta’eef dargaggoonni keenya dammaqinaan hirmaannaafi tattaaffii gochuun eeggattummaa jalaa ba’uun wabii biyyasaanii ta’uu qabu.

Har’a oliif gadi fiignee yoo hojjenne dhaloota boruuf waa olkeewwachuun danda’ama. Yoo har’a hinhojjenne garuu waanti bor nyaatamu dhibuun hawaasummaanis dinagdeenis kufaatii waan qaqqabsiisuuf gamanumaa of kennanii hojjechuun barbaachisaadha.

Keessumaa hojiin ogummaa hojii nama boonsu, hojii dinagdeefi hawaasummaa kanamalees siyaasaan dargaggoota keenya cimsuufi egeree dhaloota duuba jiruuf wabii ta’ee tajaajilu waan ta’eef xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaadha.

Ilaalchi waanuma baranneen qofana hojii argachuu qabna jedhu Itoophiyaa keessatti lakkoofsi dargaggootaafi eebbifamtootaa yeroorraa yerootti dabalaa jira, humni kun cimee yoo hojjeteen ala jijjiiramni gama hawaas dinagdeen dhufu hinjiraatu.

Kanaafuu, xiyyeeffannoon dargaggoota keenyaa hojii ogummaarrati osoo ta’ee bu’aa guddaa buusa kan jedhe dargaggoon kun, innis ta’e miseensonni waldaasaa guyyaan qarshii gahaa argachaa jiraachuu eera. Osoo hojjetaa mootummaa taanee silaa kan guyyaatti argamu sana ji’attuu hinargannu jedhee har’a ofirra darbanii oolmaa maatiisaanii deebisaa jiru.

Kaayyoo guddaan dargaggoota kanneenii dinagdeen of ijaaruu qofa osoo hintaane omisha bu’aa gogaa alaa galu biyya keessatti omishuun baasii humnaa olii alaa galchuuf bahu gabaa biyya keessaaf oolchuudha.

Kanamalees omishaalee bu’aa guddaa sadarkaafi qulqullinasaanii eeggatan bal’inaan oomishuu, gabaa alergiif oolchuu, biyyaaf sharafa alaa argamsiisuu, ilaalcha hindanda’amuu nidanda’amaatti jijjiiruu, hiyyummaafi eeggattummaa seenaa gochuu, dhaloota omisha ofiin boonu horachuu waan ta’eef ciminaan hojjetaa jiru.

Walumaagalatti kan barataniin qofa hojii barbaacha jooruun umriifi qorqalbii fixa galgala soorama malee nama hambisa kanaafuu mul’ata nukeessa jirutti fayyadamnee ofis biyya keenyas fayyaduuf goondaa ta’uun biiftuu jirtu suksukuun murteessaadha.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 11 Bara 2017 11

Recommended For You