“Fiilmiin dokmantarii Ateetee olola sirni Gadaa mirga dubartootaa hinkabachiisu jedhu kan cabsuudha”- Dargaggoo Roobsan Waabee

Dargaggeessa umrii dargaggummaa keessatti hojii jaarsaatiin ummata ajaa’ibsiisee harka rukuchiise, saayinsii ammayyaa baratee aadaafi aartii Oromootiif gumaachuu filate, dargaggeessa magaalatti dhalatus haati aadaafi duudhaa Oromootiin barsiifattee imaanaa aadaafi duudhaa Oromoo kana barsiisuu itti kennatte, gurbaa gurraacha imaanaa haadhaa osoo hin nyaatiin dokmantarii Ateetee jalqabaa qopheessuun milkeessee harmeesaa gammachiisee fira abdachiise. Gurracha gurra uraa haati golatti deette, Gurbaa dacheen Sikkoo Mandoo biqilchite, Dargaggoo Roobsan Waabee, keessummaa Bariisaa maxxansa kanaati.

Bariisaa: Jalqabarratti mee maqaa guutuufi iddoo dhalootakeetii irraa eegalluu?

Roobsan: Hayyee egaa anis duraan dursee warri Gaazexaa Bariisaa waan dargaggootni boodaa dhufan narraa fudhachuu malanitti amanee keessummaa na taasifachuu keessaniif galatoomaa jechuun barbaada.

Gara gaaffii ati na gaafatteetti yemmuun sii deebi’u immoo; ani Roobsan Waabee, Yookiin Roobsan Taajuree Waabee jedhama. Iddoon dhaloota kootii immoo Godina Arsii Lixaa, Aanaa Adaabbaatti dhaladhee achumatti guddadhe. Bifa gabaabaa ta’een waa’ee koo hangana gabaabsee yoon sitti hime gahaa natti fakkaata.

Bariisaa: Mee haala guddina keetii irraa osoo waa nuu himtee, akkamitti gara hojii aadaa ofii orma barsiisuu kanatti akka galtes achumaan?

Roobsan: Gaaffii bareeda nagaafatte. Wanti namni tokko erga guddatee sadarkaa waan fedhaa ture sanatti hojjachuu danda’u kamuu waanuma gaafa inni xiqqaa irraa eegalee keessoo nama sanaatti uumameedha.

Fakkeenyaaf namni har’a Doktora ta’e tokko gaafuma jalqaba gara mana barnootaatti galu yookiin immoo akkuma kutaan barnootasaa dabalaa adeemuun waan keessoosaatti uumamaa ture sana bu’uura godhachuudhaani.

Gama biraatiin maal jechuu sitti fakkaate, namni tokko kan ta’uu danda’u waanuma ganama keessoosaatti uumame sana. Namni barsiisaa ta’uu barbaadu yookiin hawwu yoo rakkoon hin yaadamne wayii isa mudateen ala barsiisaadhuma ta’a jechaadha.

Kanaaf, ani yeroo ijoollummaa koorraa kaasee harmeenkoo akka ani aadaafi duudhaa, akkasumas safuufi safeeffannaa Oromoo baree guddadhuuf daran nawaliin miidhamaa turte. Dhiibbaan harmeenkoo akkan aadaafi eenyummaa koo baree guddadhuuf narratti taasisaa turte sun immoo akkan aadaakootti boonu qofa osoo hintaane, akka aadaafi duudhaa bareedaa ummata Oromoo kana hawaasa biraatiifis karaawwan garagaraatiin dabarsu, barsiisuufi himuuf na dirqisiiseera. Kanaaf namni gaafa daa’imummaasaarraa eegalee akka aadaafi eenyummaa ofiitti boonee guddatuuf maatiin itti dadhabaa ture tokko immoo filannoon qabu aadaa ofii baruufi jaalachuu qofa osoo hintaane, aadaa bareedaa kana saboonniifi sablammoonni biyya kanaa, darbees hawaasni addunyaa marti akka baruuf yaaliin inni hintaasifne hinjiraatu. Hojiin ani yeroo ammaa kana hojjachaa jirus kanarraa hinfagaatu jechuu barbaadeeni.

Bariisaa: Ogummaan kee yookiin wanti ati baratte damee saayinsii kompiyuutaraa akka ta’e dhaga’eera. Garuu immoo waggoota saddeet darbaniif damee aadaafi aartii Oromoo keessatti hirmaannaa guddaa akka qabdus beeka. Kun akkamitti ta’uu danda’e?

Roobsan: Dhimma kanarratti namoota hedduutu dogoggora hinmalle keessa gala. Barnootni yookiin ogummaan kan argamu bar mana barnootaa qofatti miti. Barnootniifi ogummaan mana barnootaa erga galamee booda baratamu bar isa gaafa ati daa’imummaa irraa eegalee maatiifi hawaasa keessatti dhalattetti barachaa guddatterra dhiibbaa sirratti uumuu hindanda’u.

Barnootniifi muuxannoon yookiin ogummaan ati erga mana barnootaatti galtee barattee booda dhufu sun fedhiifi kaayyoo ganama keessoo keetti uumame galmaan ga’uuf kan nama gargaaruudha malee fedhiifi hawwii dura keessoo kee hinjirre uumuuf carraan barnootni ammayyaa qabu daran xiqqaadha jedheen amana.

Kanaaf ani ogummaan barnoota itti baradheefi ittiin eebbifame akkuma atuu jette damee saayinsii kompiyuutaraati. Kun immoo waan hojii ganama daa’imummaadhaan keessoo kootti hojjachuuf qabu sana waan najalaa fashaleessuufi faallessuu danda’u tokkoyyuu hinqabaatu jechuudha.

Inumaayyuu fedhiifi hawwii ganamaan keessoo kootti uumame bifa saayinsiifi teknolojii ammaatiin deeggaree hawaasakoo biraan akka ga’uuf carraa bal’aa tokko naa uumeera abdii jedhun qaba.

Ani jalqaba akkuma barnootakoo xumuree damee saayinsii kompiyuutaraa kanaan eebbifameen hojiiwwan aartiifi aadaa, akkasumas sirboota Afaan Oromootti dhiyaadhee achirratti gama ogummaa kanaatiin hojiitti gale. Bifa waliigalaatiin wanti ani baradheefi yeroo ammaa irratti bobba’ee jiru waan garaa garaa haa fakkaatan malee, waan waldeeggaru malee waan walfaalleessu garuu tokkollee akka hinqabne ibsuun barbaada.

Bariisaa: Sirboota Afaan Oromoo keessattis gumaacha akka qabdu ibsamaatii hanga ammaatti sirboota eenyuufaa daayireekti gooteetta?

Roobsan: Ani ergan barnootakoo xumuree kaasee hanga ammaatti dameedhuma aadaafi aartii akkasumas muuziqaa Oromoo keessan jira. Jalqabarratti wantin sitti himuu dagadhe tokko maal sitti fakkaate. Ani jalqabarratti wantin baradheefi ittiinis eebbifamee ogummaa saayinsii kompiyuutaraa ta’us, boodarra garuu aartiis baradhee eebbifameera.

Kana jechuun dur hirmaannaan kiyya ogummaa kompiyuutaraa qabuun artistoota gargaaruu ta’us, boodarra garuu ofuma kootiifuu aartiis baradhee gara hojichaatti kallattumaan galuudhaafis milkaa’eera.

Kanaaf waggoota saddeettan kana keessatti hojiilee muuziqaa gara garaa hojjachaafi daayireekti gochaas tureera. Hojiiwwan muuziqaa ani hojjadhe kanneen keessaa akka fakkeenyaatti sirba Artisti Taaddalaa Gammachuu Oromiyaa jedhu sana fudhachuu ni dandeessa. Sirbicha kan hojjate ana waan ta’eef.

Bariisaa: Mee gara hojiikee isa ammaan tana qabattee dhufte, dokmantarii Ateetee ayyaana Hawwootaatti haa deebinuutii, hojii kanaaf maaltu si kakaase mee?

Roobsan: Gaaffii baay’ee bareeda ta’a nagaafatte. Deebii gaaffii kanaa garuu gaaffii jalqabarratti nagaafatte keessattis hamma tokko ibsuudhaaf waanin yaale natti fakkaata. Kanas ta’ee sana garuu hojii dokmantarii kana akkan hojjadhuuf wanti nakakaase inni guddaan fedhiidhuma aadaafi duudhaa koo baradhee sabaafi sablammoota biroos barsiisuuf qaburraa kan maddu natti fakkaata.

Biyyoota Afrikaa hedduu keessatti sabootni hedduu aadaafi duudhaasaanii dhaloota dhufuuf kan ittiin dabarsan karaa himamsa afaaniitiini. Yoo akkam fooyya’e immoo haallitti barreeffamaanis kaa’amu ni jiraata.

Aadaafi duudhaan saba tokkoo yemmuu karaa himamsa afaaniitiin ykn afoolaan dhalootarraa gara dhalootaatti darbaa adeemu waan turerraa hir’isuufi waan hinjirre itti dabaluun akka uumamu ifaadha. Kun immoo aadaafi duudhaa akkasumas seenaa qulqulluu saba tokkoo sirnaan dhaloota boodaatti akkuma jiruun dabarsuuf gufuu guddaa akka ta’u hunduu irratti waliigala.

Kanaafuu, karaan saayinsaawaafi filatamaan aadaafi duudhaa, akkasumas seenaafi eenyummaan saba tokkoo dhalootarraa dhalootatti ittiin dabarsuuf filatamu karaa barreeffamaafi fiilmii dokmantariiti. Keessumaa yeroo ammaa namootni akkuma addunyaattuu jiran kan barbaadan waan dubbifamurra waan ilaallamu waan ta’eef seenaafi aadaan karaa fiilmii dokmantarii hojjatamee kaa’amu seenaa qulqulluufi aadaa hinboorofne dhaloota boodaatiif dabarsuu qofa osoo hintaane, sabootni biroos akka daawwataniif carraa kan kennu waan ta’eef mala aadaafi duudhaan saba tokkoo ittiin barsiifamuufi dhalootarraa dhalootatti ittiin darbu keessaa isa filatamaadha jedhanii fudhachuun ni danda’ama.

As keessatti wanti dagatamuu hinqabne inni biraa maal sitti fakkaate, Oromoon saboota seenaansaanii sirnaan hinbarroofneef keessaa isa tokko waan ta’eef seenaa dagatamee bira darbamaa ture gara fiilmii dokmantariitti geeddaranii kaa’uuniifi saboota biroos ittiin barsiisuun faayidaa olaanaa qabaachuusaati. Fiilmiin

dokmantarii godambaa ammayyaa aadaa, seenaa, duudhaafi safuu ummanni tokko qabu ittiin kaa’amu ta’uunis hubatamuu qaba.

Bariisaa: Qabiyyee fiilmii dokmantarii Ateetee kana hoo akkamitti ibsita?

Roobsan: Gara qabiyyee fiilmichaatti yemmuu dhufnu immoo akkuma maqaasaarraa hubachuun danda’amutti fiilmichi kan xiyyeeffatu Ateeteerratti. Ateeteen sirna siinqee dubartootaa keessaa isa tokko yemmuu ta’u, sirni kun immoo sirna dubartootni sirna Gadaa Oromoo keessatti dhiirotaatiin walqixa mirga qabaachuusaanii ittiin mirkaneeffamuudha. Yeroo hedduu namootni tokko tokko sirna Gadaa Oromoo yemmuu qeequu barbaadan sirni Gadaa kun mirga dubartootaa akka waan hinkabachiifneetti kan ka’u agarta.

Ololli namootni sirnicha akka waan dubartootaaf mirga walqixxummaa hinmirkaneessineetti oofamu kanaaf hojiiwwan hubannoo uumuuf qaamolee gara garaatiin hojjataman cinaatti, dokmantariiwwan akkanaa deebii gaarii kan kennan yemmuu ta’u, fiilmiin dokmantarii Ateetee kunis olola kanaaf deebii gaarii kan kennuudha jedhee amana.

Sababnisaas; Ateeteen mataansaayyuu sirna siinqee keessatti sirna dubartootni yemmuu dhiibbaafi miidhaan warra dhiiraatiin irra gahu ittiin qolataniifi mirgasaanii akka ittiin kabachiisafataniif sirni Gadaa Oromoo isaan gonfachiiseedha.

Kana qofa osoo hintaane, sirni Gadaa Oromoo walqixxummaa dhala namaa kan mirkaneessuufi uumama nama hintaane, bineensotaafi mukeen garaa garaatiifis ulfina kan kennu ta’uu gamanumaan ibsuun barbaada. Xiyyeeffannoo ijoon fiilmii dokmantarii kanaa sirna siinqee keessaa isa tokko kan ta’e waa’ee Ateetee dubartootni mirgasaanii ittiin kabajatan ta’us, kabajni sirnichi uumamawwan birootiif kennus sirnaan ibsameera.

Bariisaa: Ateeteen sirna Oromoo hunda biratti beekamu ta’us bakkawwan gara garaatti haalli garaagarummaa itti qabaatu waan jiruuf sirnichi dokmantarii kana keessatti ibsame kan naannawa kamiiti?

Roobsan: Akkuma atuu jette Oromiyaan biyya bal’oodha. Sirna Gadaa Oromoon hundi ittiin bulu keessattuu iddoo tokkorraa kaatee akkuma iddoo biraa adeemtuun garaagarummaan hamma ta’e mul’achuun waan hafuu miti. Kanaaf sirna Siinqeefi Ateetee keessatti naannawawwan gara garaatti haalli ittiin hojiirra oolu garaagarummaa akka qabu ni beekama.

Gara gaaffii nagaafatteetti yemmuu sii deebi’u, fiilmiin dokmantarii kun kan xiyyeeffatamee hojjatame sirna Siinqeefi Ateetee Sikkoo Mandoorratti. Yeroo dubartii deettuun abbaa warraatiin dhaanamte dubartootni siinqee qabatanii ililfachaa mana dubartii deessuu dhaanamteetti walga’an. Achirraas jaarsotni naannawichaa walitti bahanii dubartoota mirgasaanii gaafachuuf bahan tasgabbeessaniifi dhimmasaanii haalli irraa ittiin dhagahanii namticha badii raawwate ittiin adabanis sirna jaarsummaa koottu- dhufee Sikkoo Mandootiini.

Kanaaf naannawawwan Oromiyaa tokko kan biraarraa sirna Siinqeefi Ateetee qofaan osoo hintaane, haalli dubbiin sun ittiin adeemuufi dubartootni mirgasaanii gaafatan ittiin argatanis gargaagarummaa kan qabu ta’uusaati.

Kanaaf dhimmoota gara garaarratti naannawawwan Oromiyaa hundi sirna jaarsummaa kan qaban ta’us, sirni jaarsummaa koottu- dhufee kan beekamuufi ittiin raawwatamu Oromoo Sikkoo Mandoo keessatti. Waliigalaan fiilmiin dokmantarii Ateetee kun kan xiyyeeffate sirna Siinqeefi Ateetee Sikkoo Mandoo yookiin immoo Arsiirratti jechuudha.

Bariisaa: Dokmantarii Ateetee kana hojjachuuf yeroofi maallaqa hangamii sigaafate laata?

Roobsan: Hojiin hojjatamu kan akkanumatti maallaqa yookiin beekamtii ittiin argachuuf hojjatame osoo hintaane, hojii seenaadhaaf kaa’uufi dhalootaaf dabarsuuti. Darbees hojiin kun hojii aadaafi duudhaa, sirnaafi safuu saba kanaa sabootaafi sablammoota biroofi darbees ummata addunyaa hundaaf ittiin barsiifamuudha.

Kanaafuu, hojiin kun qulqullina sadarkaasaa eeggateefi ragaawwan amanamoo bu’uureffatee bakka sirnichi sirnaan faayidaarra jirutti qaamaan argamuudhaan hawaasicha keessa oolee buluudhaan, waan isaan sooratan waliin soorachaa kan hojjachuu gaafatu waan ta’eef yeroo gahaa akka argataniif dokmantaricha hojjatanii xumuruuf waggoota lama natti fudhateera.

Baasiin ittibaheefi kan beekamuufii hinbeekamne jira. Kan hinbeekamne jechuun hojiin kun hojii aadaa ummata bal’aa waan ta’eef qaamoleen karaalee gara garaatiin hojii kanaaf gumaachan jiru. Tokko tokko nyaata, kuun dhugaatii, inni kaan meeshaalee aadaa hojii kanaaf barbaachisan dhiyeessuun; kuun immoo qaamaan iddoo barbaachisutti argamee miidhagina dokmantarichaatiif ga’eesaanii kan bahatan waan ta’eef kunis akka baasii tokkootti kan ilaallamuudha.

Haa ta’uu malee baasiiwwan bifa kanaan dokmantarii fiilmii kanaaf gumaachaman qarshii hangana jechuun waan hindanda’amneef baasiiwwan hinbeekamne jiru jechuudha, Kun akkuma jirutti ta’ee garuu, hojii fiilmii dokmantarii kanaaf qarshiin beekamu miliyoona afur ittibaheera.

Bariisaa: Hojiin kun kan hawaasa bal’aa waan ta’eef hawaasni naannawa fiilmichi itti hojjatameefi dhaabbileen mootummaa dhimmichi ilaalu hangam hojii kanaaf si cinaa dhaabbataniiru?

Roobsan: Gaaffii daran gaarii na gaafatte. Hawaasa iddoo hojiin kun itti hojjatamerraa yoo sii eegale, namni hedduun yeroo hojii kanaaf gara Aanaa Adaabbaatti imallu hojiisaa hunda dhiisee nudeeggaruudhaan hojii fiilmichaatiin gumaacha olaanaa bahachaa ture.

Hojiin kun Adaabbaatti waan hojjetameef hirmaannaan hawaasni aanichaa hojii fiilmii dokmantarii kana keessatti qabu olaanaa ta’us, bulchiinsi Godina Arsii Lixaa, Waajjirri Aadaafi Turizimii Godina Arsii Lixaafi caasaaleen godinichaa hundi deeggarsa gaarii waan nuu taasisaniif guddaa galatoomaa jechuuniin barbaada.

Kana qofa osoo hintaane, gama sadarkaa biiroleefi waajjiraalee Oromiyaattis deeggarsi Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa, Komishiniin Turizimii Oromiyaa, Giddugala Aadaa Oromoo, Inistiitiyuutii Qo’annoofi Qorannoo Oromoo fiilmiin dokmantarii kun haala kanaan qophaa’ee akka dhihaatuuf deeggarsa barbaachisu mara waan nuu taasisaniif guddaa ulfaadhaa jechuuniin barbaada.

Hawaasaafi dhaabbilee mootummaa kanneen qofa osoo hintaane immoo namootni dhuunfaafi hiriyyootni koo hedduun guyyaa jalqaba ani dokmantaricha hojjachuuf yaaderraa kaasee hanga fiilmichi hojjatamee xumuramutti kanneen na cinaa dhaabbatan hundaafis galata galchuun barbaada.

Bariisaa: Ani gama kootiin gaaffiikoo xumureeraa wanti hafe jettu yoo jiraate itti dabaluu dandeetta?

Roobsan: Anis waanin dabalu hinqabu. Garuu hojiin kun akka bifa kanaan hojjatamuuf ga’ee leencaa kan gumaachan ummata Aanaa Adaabbaa keessattuu hawaasa ganda Goomaatiin guddaa galatoomaan jedhaan. Yeroo hojiidhaaf gandichatti deddeebi’aa turretti iddoo hawwata turizimii kanaan dura dhokatee ture tokko hawaasni nutti agarsiiseera.

Nutis iddichatti hojjatamnaan iddoo hawwata turizimii gaarii ta’uu akka danda’u hubannee Komishinii Turizimii Oromiyaatiif eerreerra. Komishinichis yeroo gabaabaa keessatti bakkicha qo’atee hawwata turiizimiitiif oolchuuf waan waadaa nuu galeef qaamolee lachuu galateeffachuun barbaada.

Hundarra immoo, fedhiin aadaafi duudhaa Oromoo keessa kootti akka uumamuuf daa’imummaarraa kaaftee karaa kanaan kan naguddifte, guddadhees waan ishiin hawwitu ta’ee argamee waan aadaafi duudhaa Oromoo barsiisu kana akkan hojjadhuuf sababa kan taate harmeenkoo baga gammadde, umrii dheertuu naaf jiraadhu jechuuniin barbaada.

Bariisaa: Gaaffiifi deebii keenyaaf eeyyamamaa ta’uu keetiif galatoomi.

Roobsan: Isinis hojii koo kana ummanni baree akka ilaaluuf keessummaa nataasifachuu keessaniif ulfaadhaa.

Bayyanaa Ibraahimiin

  BARIISAA SANBATAA Fulbaana 11 Bara 2017

Recommended For You