Ateetee: Sirna kabaja Haawwotaa

Sirni Gadaa Oromoo dhala namaa hundaaf garaagarummaa korniyaafi umriitiin alatti mirga isaaniif malu hunda kan gonfachiise yemmuu ta’u, keessattuu gama dubartoota aangessuufi mirgasaanii kabachiisuutiin waan hafe tokko hinqabu.

Akka sirna Gadaa Oromootti woyyooma hangafootaa keessaa inni tokko dubartiidha jedhu hayyootni aadaafi duudhaa Oromoo. Akka aadaa Oromootti waaqni woyyu, haatiifi abbaan woyyu, soddaan woyyu, dubartootni woyyu.

Woyyoomni kun immoo kabaja addaa akka isaan qaban kan agarsiisu yemmuu ta’u, namni woyyooma kanatti bu’e yookiin kabajasaanii kana hir’ise akkuma sirna Gadaa keessatti tumameen kan nama adabsiisuudha.

Oromoo biratti dubartootni woyyuudha jechuun mirgi isaan sirna Siinqeetiin sirna Gadaa keessatti argatan Ateeteen jiraachuusaa kan agarsiisu ta’uu Qorataan Aadaa Oromoo Doktar Muhaammad Namoo ni ibsu.

Ateeteen kun immoo sirna Siinqee dubartootaa keessaa isa tokko yemmuu ta’u, sirnichi sirna dubartootni sirna Gadaa Oromoo keessatti warra dhiirotaatiin walqixa mirga qabaachuusaanii ittiin mirkaneeffamuudha. Yeroo tokko tokko namootni tokko tokko sirna Gadaa Oromoo yemmuu qeequu barbaadan sirni Gadaa kun mirga dubartootaa akka waan hinkabachiifnetti yemmuu ka’u agarta.

Ololli namootni sirna Gadaa kana akka waan dubartootaaf mirga walqixxummaa hinmirkaneessinetti oofamu, kanaaf immoo hojiiwwan hubannoo uumuudhaaf qaamota garaa garaatiin hojjatamaniin cinatti, dokmantariiwwan akkanaa kun deebii gaarii kan kennan yemmuu ta’u, dokmantariin fiilmii Ateetee kunis olola kanaaf deebii gaarii kan kennuudha jedhee amana.

Sababnisaas; Ateeteen mataansaatuu sirna siinqee keessatti sirna dubartootni yemmuu dhiibbaafi miidhaan warra dhiiraatiin isaanirra gahu ittiin qolataniifi mirgasaanii akka ittiin kabachiifataniif sirni Gadaa Oromoo isaan gonfachiiseedha.

Kana qofaa osoo hintaane, sirni Gadaa Oromoo walqixxummaa dhala namaa kan mirkaneessuufi uumama nama hintaane, bineensotaafi mukkeen garaa garaatiifis ulfina kan kennu akka ta’e gamanumaan ibsuu barbaada. Dokmantarii fiilmii kana keessattis xiyyeeffannoon isaa sirna siinqee keessaa isa tokko kan ta’e waa’ee Ateetee dubartootni mirgasaanii ittiin kabajatan ta’us, kabajni sirni kun uumamaawwan biraatiif kennus sirnaan ibsameera.

Roobii darbe fiilmiin dokmantarii Ateetee kabaja Haawwotaa jedhamu kan eebbisiise Dargaggoo Roobsan waabee gamasaatiin, sirna siinqee keessatti Ateeteen jiraachuusaafi keessattuu sirni mirga dubartoota deessuu ittiin kabachiisan Qanafaa jedhamu jiraachuu ibsa.

Dubartii deessee qanafaa morfaafi addarraa qabdu reebuun safuu ta’uu bira darbee adabbii cimaa kan nama adabsiisu waan ta’eef mirga dubartootaa kabachiisuu keessatti shoora guddaa taphata.

Akka yaadasaatti; dokmantariin Ateetee hojjate kun isa Oromoo Sikkoo Mandoo keessatti beekamuudha. Sirna Gadaa Oromoon hundi ittiin bulu keessattuu iddoo tokkorraa kaatee akkuma iddoo biraa adeemtuun garaagarummaan amma ta’e mul’achuunsaa waan hafu miti. Kanaaf sirna Siinqeefi Ateetee keessatti naannawawwan Oromiyaa gara garaa keessatti haalli ittiin hojirra oolu garaagarummaa akka qabu ni beekama.

Fiilmiin dokmantarii Ateetee kun kan xiyyeeffatamee hojjatame sirna Siinqeefi Ateetee Sikkoo Mandoo irratti. yoo dubartii deettuun abbaa warraatiin dhaanamte dubartootni siinqee qabatanii ililfachaa mana dubartii dhaanamteetti walga’an. Achirraas jaarsootni naannawa sanaas walitti bahanii dubartoota mirgasaanii gaafachuuf bahan sana tasgabbeessaniifi dhimmasaanii haalli irraa ittiin dhagahanii namticha badii raawwate sana ittiin adabanis sirna jaarsummaa Koottu- Dhufee Sikkoo Mandootiini.

Kanaaf maal siin jechuu barbaade sitti fakkaate, kutaa Oromiyaa isa tokkorraa inni biraa sirna Siinqeefi Ateetee qofaan osoo hin taane, haalli dubbiin sun ittiin adeemuufi dubartootni mirgasaanii gaafatan ittiin argatanis gargaagarummaa kan qabu ta’uusaati. Kanaaf dhimmoota gara garaarratti naannawawwan Oromiyaa hundi sirna jaarsummaa qabaatanis sirni jaarsummaa Koottu-Dhufee kun kan beekamuufi ittiin raawwatamu Oromoo Sikkoo Mandoo biratti.

Walumaagalatti; sirni Gadaa sirna Siinqeefi qanafaatiin mirgi dubartootaa osoo hinsharafamin akka kabajamaniifis bu’ura kaa’eera.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 11 Bara 2017

Recommended For You