Finfinnee: Ummatni Itoophiyaafi Somaaliyaan aadaa, seenaa, jireenya hawaasummaafi dhimmoota biroon ummattoota hariiroo jabaafi walfakkeenya qaban ta’uu hayyootni seenaafi siyaasaa ni ibsu.
Seenaa keessatti ummatni hariiroofi walitti dhufeenya gaarii qabu sababa walgaareffannaa ilaalcha kominizimiifi kaappitaalizimiin shira koloneeffattootaan walwaraanuuf garaa jabaachuun ni yaadatama. Ummattoonni lameen shira kanatti dammaquun hariiroo gaarii duraan qaban haareffatanii erga nagaan waliin jiraachuu jalqabanii waggootni hedduun darbaniiru.
Haa ta’uutii, Itoophiyaan bu’uura seerri addunyaa eeyyamuun ulaa galaanaa argachuuf waliigaltee seera qabeessa Somaaliilaandi waliin taasiftee Gibxii ofii dura rifattee Somaaliyaas rifachiisuu carraaqqii jabaa taasifte. Waliigalteen kun faayidaa waloo kan mirkaneessu malee Gibxis ta’e Somaaliyaarratti dhiibbaa akka hinqabne Hayyootni seenaafi siyaasaa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf yaada kennan ibsaniiru.
Pirofeesar Ahmad Zakkaariyaa akka jedhanitti, Itoophiyaafi Somaaliyaan aadaa, seenaafi jireenya hawaasummaan ummattoota walitti hidhamiinsa jabaa qabaniidha. Kanarraa ka’uun Itoophiyaan nageenyaafi tokkummaa Somaaliyaa itichuuf biyya kamuurra aarsaa kaffalteetti.
Seenaa keessatti carraa argatte hundaan Itoophiyaa miidhuu kan feetu Gibxi waraanashee waliin Somaaliyaa seenuun biyyattiif bu’aa argamsiisuuf osoo hintaane dirree waraanaa taasisuuf qofa. Gibxii Pirezidaantii biyyattii qabattee Somaaliyaa dachee waraanaafi weeraraa gochuuf malee Itoophiyaa caalaa Somaaliyaaf aantummaa akka hinqabne ummatni Somaaliyaa hubatee mormuun haqa sirriifi qajeelaadha.
Gibxi guddachuu Itoophiyaa akka xinneenyasheetti waan ilaaltuuf durii kaastee Itoophiyaa gufachiisuufi olloota waliin walitti buusuurratti onnattee hojjetaa jirti. Keessattuu ijaarsa hidha Laga Abbayyaa gufachiisuuf dhagaan hingalagalchine hinjiru. Kana ammoo ummata Somaaliyaa qofa osoo hintaane ummatni addunyaa bareechee beeka. Itoophiyaan garuu ijaarsa hidhichaa waan xumurteef Somaaliyaas ta’e biyya biro seenuun ibidda qabsiisuuf yaaluun hagas mara bu’aa hinqabu. Innumaayyuu sodaa daangaa hin qabneen maraachuurra Itoophiyaa waliin hojjechuutu furmaata.
Gibxii hiyyummaa Itoophiyaan badhaadhina qofa eeguu osoo hintaane hojjetanii waliin badhaadhurratti xiyyeeffachuu qabdi jedhanii; kana dura biyyee gabbataa Itoophiyaarraa dhiqamee garasitti geejibamuun gammoojjii omishitee quuftee wayita of wallaaltu Itoophiyaan ammoo beela hamaan waxalamaa turte. Ammaan tana wayita Itoophiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaan jijjiirama haala qilleensaa maqsuun wabii midhaan nyaataafi eegumsa naannoo dhugoomsuu carraaqaa jirtu kanatti Gibxiin harka marattee taa’uun biyyee gabbataa Itoophiyaarraa eegaa akka jirtu qeeqaniiru. Asiifi achii fiiguun dubbii kaasuunis agarsiistuu ta’uu dabalataan ibsaniiru.
Itoophiyaan garuu waraana alkallattii Gibxii abbalaa jirtu kana Gamtaa Afrikaafi dhaabbilee idil addunyaa akkasumas ummata Somaliyaa bal’inaan hubachiisuu cinaatti qaawwa jiru duuchuuf waldhabbii keessoo furuurratti xiyyeeffattee hojjechuu qabdi jedhaniiru.
Dantaa Itoophiyaa mirkaneessuurratti miidiyaalee idiladdunyaarratti falmii adeemsisuun kan beekaman Obbo Muusaa Sheekoo gamasaaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan nageenya Somaaliyaa tiksuu qofa osoo hintaane Somaaliyaan akka biyyaatti akka ittifuftuuf aarsaa lubbuu dabalatee biyya shoora guddaa taphattedha. Har’a Itoophiyaatti kan dhaadataa jiru ummata Somaaliyaa osoo hin taane Somaaliyaatti ergamtoota Gibxiiti. Ummatni Somaaliyaa oolmaa Itoophiyaa waan beekuuf Gibxiin ifatti mormaa jira.
Turkiifi Immireetiin Gamtaa Arabaa bakka buufata loltuu Somaaliyaa keessaa qabaachuu eeranii; Gibxii Itoophiyaan qabattee loltootashee gara Somaaliyaatti ergiteetti. Gibxii Itoophiyaa qofa osoo hin taane Turkiis waan gaarrefataa jirtuuf Somaaliyaa seenuunshee balaa Somaaliyaa bu’aa osoo hin taane yaaddoo guddaa gara dirree waraanaatti ce’uu malu akka ta’es hubachiisaniiru.
Tibba kana miidiyaaleen Gibxii Itoophiyaa Isiraa’elitti maxxansuun diina Arabootaa akka taateetti olola jibbaa afarsaa jiraachuu eeranii; Somaaliyaas baankiifi taankiin kan seente olola kanaan pirezidaantii biyyattii burjaajjessuuni. Itoophiyaan biyya muuxannoo dippiloomaasii waggoota 100 oliin muuxannoo jabaa qabdu waan taateef dhugaa jiru addunyaan ni beeka. Ummatni Somaaliyaafi namootni beekamoon, keessattuu kutaaleen biyyattii ollaa Itoophiyaa jiran weerara Gibxii kana haalaan mormaa akka jiran eeraniiru.
Itoophiyaan shira Gibxii kana qolachuuf tattaaffii dippiloomaasi idil addunyaa cinatti dura butotaa gosaafi hayyoota biyyaatti dhugaa jiru hubachiisuu ittifufuu qabdi. Dhiibee kan dhufu taanaanis qophiin dantaafi birmadummaa biyyaa kabachiisuu xiyyeeffatamuu qaba jedhaniiru.
‘BBC’ gabaasa Kamisa darbe qabatee ba’een waldhabbiin Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti mudate Gibxi gabbatee yoo waraanatti ce’e qooda fudhattoota hedduu affeeruun gaanfa Afrikaatti gaaga’ama guddaa dhaqqabsiisuu akka malu hubachiiseera.
Bo’iin Suwiizii kan waggaatti yoo xiqqaate dooniiwwan kuma 17 keessummeessuun doolaara Ameerikaa tiriiliyoona tokko argamsiisufi qooda daldala addunyaa dhibbantaa 12 qabatu rakkoo hamaa keessa seenuun addunyaafuu gaaga’ama guddaa buusuu akka danda’u ibseera. Biyyootni akka Turkii, Immireetii Gamtaa Arabaafi Sawud Arabiyaa waldhabbii kana Fulbaana dhufu araaraan goolabuuf carraaqqii taasisaa jiraachuus eereera.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 4 Bara 2017