Finfinnee: Jijjiiramni haala qilleensaa sababa gocha dhala namaatiin uumamu jireenya lubbuqabeeyyii maraaf yaaddessaa erga ta’ee bubbuleera.
Itoophiyaatti balaan lolaa waqtii gannaa balaa eegamu ta’us ganna bara 2016tti garuu balaan sigiga lafaa haala hinbaratamneen miidhaa dhaqqabsiiseera. Balaan sigiga lafaa Godina Gaamootti mudate lubbuu namoota 220 olii galaafachuun godaannisa hamaa buusee darbeera.
Gaaga’amnisaa hanga kan Gaamoo ta’uu baatus Itoophiyaan hanga ammaattuu balaa sigiga lafaa keessummeessaa jirti. Oromiyaattis balaan lolaafi sigigni lafaa rakkoo hammaataa ta’uun ibsameera.
Hogganaa Ittaanaan Biiroo Buusaa Gonofaa Oromiyaa Mallichaa Lojee (PhD) tibba darbe miidiyaaleef akka ibsanitti, rooba cimaa roobaa jiruun hidhaan Qooqaa, Haroon Basaqaa, Lagni Awaashiifi kanneen biroo akka malee waan guutaniif of eeggannoon balaa lolaa taasifamuu qaba.
Roobni cimaan hanga dhuma baatii Fulbaanaatti akka roobu raagni haala qilleensaa waan ibsuuf of eeggannoo cimaan taasifamuu qaba. Keessattuu Shawaa Lixaa aanaalee sadii, akkasumas Shawaa Kibba Lixaatti aanaaleen afur sodaa balaa lolaa Laga Awaashiif saaxilamoo ta’uun adda ba’eera. Hanga ammaatti hojii hojjetameenis lubbuqabeeyyiifi qabeenya uumamaa mancaatiirraa baraaruun danda’ameera.
Haaluma walfakkaatuun balaan sigiga lafaa Oromiyaa bakkoota hedduutti yaaddoo guddaa uumeera. Godina Jimmaa aanaalee Geeraafi Gommaatti abbootiin warraa 871 kanneen maatii 3,454 of jalatti hammatan balichaaf saaxilamaniiru.
Godina Qellem Wallaggaattis tibba darbe sigigni lafaa mudachuun ni yaadatama. Waliigalaan Oromiyaatti godinaalee 14fi aanaalee 71 balaa lolaafi sigiga lafaaf saaxilamoo yoo ta’an, namootni kuma 903 ol rakkoof saaxilamuu akka malan hubatamee irratti hojjetamaa jiraachuu Doktar Mallisaan hubachiisaniiru.
Itoophiyaa dabalatee biyyootni Afrikaa Bahaa waggoota muraasaa as hongee sababa jijjiirama haala qilleensaatiin mudatuun irra deddeebiin hubamaa jiru. Hongeen waggoota shanan darban Afrikaa Bahaatti mudate waggoota 40 as isa hamaafi gaaga’ama olaanaa dhaqqabsiiseedha. Miidhaan oyiruurra jiruu gubee balleessuutti dabalee lubbuu beeyiladoota hedduu galaafachuun ummata rakkoo hamaaf saaxiluu danda’eera.
Biyyootni Bahaafi Gaanfa Afrikaa hongeedhaan dararamaa turan kunneen ammaan tana ammoo rooba hangaa oliin sigigaafi balaa lolaatiin akka malee hubamaa jiru. Bara 2016 qofa biyyootni ollaa Itoophiyaa kanneen akka Keeniyaa, Taanzaaniyaa, Ugaandaa, Burundii, Sudaan, Sudaan Kibbaafi Somaaliyaatti yoo xiqqaate namootni miliyoona 1.6 rakkoo hamaaf saaxilamaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 4 Bara 2017