Barri 2016 gaariis ta’e aarii qabuun godaannisa lafa kaa’ee akka lammata hin deebinetti darbeera. Itoophiyaan biyya jabduu qormaatilee walxaxa keessatti tokkummaashee itichuun guddina saffisaa galmeessisuu dandeesseedha.
Guddinniifi qormaatni biyya sabdaneettii tanaa kan waloo waan ta’eef imala egereetiin milkaa’inaafi hudhaalee turan kallattii naannootiin ilaaluun barbaachisaadha. Pirezidaantonni naannolees hanqinootaafi milkaa’inoota turan bu’uura godhachuun bara haaraa kanatti hawwii xiiqiin guutame haala armaan gadiin ibsaniiru.
Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa akka jedhanitti, qormaatni rogawwan maraa naannicha mudate carraatti jijjiiramee milkaa’inoota hedduuf sababa ta’eera. Barri darbe bara qormaatawwan hedduu keessatti milkaa’inni galmaa’e osoo hintaane pootenshaala naannichi qabu adda baasuun yoo qixa sirriin ittifayyadamne raajii dalaguun akka danda’amu kan itti hubatameedha. Karoora xiiqii baasuufi hogganuun badhaadhina naannichaa yeroo gabaabaa keessatti milkeessuu akka danda’amus muuxannoon horatameera.
Akka biyyaattis ta’e naannichaatti haala kanaan dura hinbaratamneen cittuun lafaa osoo hinhafin lafa agabuu bulaa ture bonaafi ganna misoomsuun Oromiyaan callaa kuntaala miliyoonotaan lakkaa’amu omishuun bara itti abdii egeree biyyaa ta’uunshee itti ibsameedha jedhanii, bara qonnaan bulaan naannichaa karooraan qotuu qofa osoo hintaane galii qonnarraa argatu qusatee gara invastimatiitti ce’uun namoota baay’eef carraa hojii uumuu danda’uun itti mul’ate ta’uu yaadachiisaniiru.
Naannicha sirna jabaa jiru giddugaleeffachuun sabni Oromoo duudhaasaa ganamaatti deebi’uun mana murtii aadaatiin hanqni abbaa haqaaf akka deebi’u, Buusaa Gonofaan nama rakkatee eggattummaa alagaa tokko malee tumsuun akka danda’amu bara bu’uurri jabaan itti buufame ta’uu eeranii, tajaajila lammummaatti fayyadamnee bara itti milkaa’inoota gama siyaas dinagdeefi hawaasummaatiin ummata keenya boquu olqabachiisan kan itti galmeessisneedha jedhan.
Akka isaan jedhanitti, ummanni Oromoo sirna ta’uuf ijaarrate; sirnasaa tursiifatee injifannoosaa bulfachuuf hojjeta. Karoorri diinni bara baraan Oromoo qilee rakkinaa, boo’ichaafi gadadoo keessatti ilaaluuf karoorses aarsaa qaaliin fashalaa’eera. Hojii harka tokkoon diina qolachaa gama biroon ammoo waamicha nagaa taasifameen dargaggootni hedduun gowwomfamanii darara ummataarratti bobba’an daandii nagaatti deebi’aniiru. Barri 2016 bara mootummaan naannichaa mootummaa qormaataa jilbeefatu osoo hintaane carraatti jijjiire fayyadamummaa ummata naannichaa mirkaneessuu ta’uun bara itti hubatameedha.
Haaluma walfakkaatuun Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa akka jedhanitti, ummata naannichaa nageenya fedhuufi kutannoo hoggansaan rakkoo hamaa bara 2016 naannicha mudate obsaafi jabinaan darbuun danda’ameera. Amma boqonnaa ummata naannichaa gonfinuufi gadjennee tajaajillurra geenyeerra, barichi bara itti tokkummaan jabaannee hojjechuun biyyattii idaarraa gara miindaatti ceessisuun dhaloota ittaanu gammachiisan akka ta’us hawwaniiru.
Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Itoophiyaa Kibbaa Obbo Xilaahuun Kabbadaa gamasaaniin, fayyadamummaa rogawwan maraa ummata naannichaa mirkaneessuuf hojii bal’aan hojjetame bu’aa argamsiiseera.
Gama qamadii jallisii bonaatiin, sagantaa ashaaraa magariisaan, sagantaa maaddii guutuutiin omishaa kuduraafi muduraatiin bu’aa abdachiisaan argameera. Riifoormiin qaamolee haqaa taasifame, ummatni qaamolee haqaarraa amantaa akka qabaatu taasiseera.
Bara 2016 qindoominaan mikaa’ina gama hundaa galmeessisuu eegalus balaan uumamaa (sigiga lafaa) lubbuufi qabeenya balleessuutti gadduu eeranii, kunis eegumsa naannoorraa hojmanee bal’aan jiraachuu mul’isa jedhan. Ummata balaa kanaan buqqa’ee ummattoota Itoophiyaa walta’uun deebisnee dhaabuun tokkummaafi obbolummaa keenya addunyaatti argisiisneerra jedhaniiru. Barana jibba buqqisanii gatuun obbolummaafi tokkumma dagaagsuurratti akkasumas fayyadamummaa ummata naannichaa gara caalutti ceesisuuf hunduu gaheesaa akka ba’u waamicha dhiyeessaniiru.
Pirezidaantiin Itoophiyaa Giddugaleessaa Indaashaawu Xaasoo gamasaaniin akka jedhanitti, bara haaraa kanatti yaada, qaamaafi qalbiin tokkummaa uumuun akka naannichaattis ta’e biyyaatti milkaa’inoota haaraa galmeessuuf cimanii kan hojjetan ta’uu himaniiru.
Pirezidaantiiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa ummata Itoophiyaa, dhalataa naannichaafi naannichaan ala golee addunyaa hundaarra jiraatuun baga bara haaraa nagaan geessan jechuun, barri haaraan kun bara tokkummaafi qindoominaa akka ta’u hawwii qaban ibsaniiru.
Haaluma walfakkaatuun pirezidaantonni naannolee Hararii, Gaambeellaa, Affaar, Beenishaangul Gumuz, Itoophiyaa Kibba Lixaa, Somaaleefi Sidaamaa akkasimas kantiibonni Finfinneefi Dirree Dhawaa bara haaraa kanatti dhimmoota hawaasummaa, dinagdeefi kkf irratti xiyyeeffannaan akka hojjetamu ibsuun barichi kan nagaa, fayyaa, badhaadhinaafi milkii akka ta’u hawwaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 4 Bara 2017