Finfinnee: Komishiniin Marii Biyyaalessaa marii bulchiinsota magaalaa lamaafi naannolee shanitti hawaasaafi qoodafudhattoota sadarkaa aanaafi naannootti gaggeeffamu goolabuu ibse. Ergaa baga bara haaraaf geessaniis dabarseera.
Komishinar Yoonaas Adaayyee (PhD) ibsa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, komishinichi marii qaamolee hawaasaafi qoodafudhattootaa sadarkaa aanaafi naannootti gaggeeffamu milkaa’inaan goolabeera. Kanaafis, hirmaannaan qaamolee hawaasaa, qoodafudhattoota, namoota dhiibbaa gaarii uuman, paartiilee siyaasaa, abbootii amantaa gumaacha olaanaa qaba.
Akka ibsasaaniitti, raawwii komishinichaa hanga ammaatti jiruunis marii biyyaalessaatti namoota qaamolee hawaasaa bakka bu’an mariin akka adda ba’an taasisuun danda’ameera. Itti aansuudhaan sadarkaa aanaatti namootnii bakka bu’aniifi ajandaalee sadarkaa naannootti ce’uun wayita ammaa calalliin ajandaalee gara goolabamuutti deemaa jira.
Adeemsawwan kunneen keessatti hirmaattoti iftoominaan yaada galtee marii biyyaalessaaf ta’a jedhan adda baasuun qindeessanii maqaa namoota marii biyyaalessaarratti hirmaatanii komishichatti kennaa jiru. Komishinichis marii xumuramee isa qaqqabe walitti qabaa jira jedhaniiru.
Naannoo Affaar, Somaalee, Oromiyaa yeroo dhiyoo keessatti akka goolabamu himanii; naannoo hojiin komishinichaa hinxumuraminiif itti hineegalamiin naannolee Amaaraafi Tigraayitti xumuruufis ta’e eegalchiisuuf komishinichi yaalii addaan hincinne taasisaa jira jedhan.
Haaluma kanaan naannoo Amaaraatii garee deeggartoota kilaastaroota magaalaa Baahirdaar, Dasee, Goondariifi Dabira Birihaanitti qooduudhaan leenjii kennameera. Leenjifamtoonnis hawaasatti gadbu’uudhaan hirmaattota hawaasa bakka bu’uun marii sadarkaa sadarkaan gaggeeffamurratti hirmaatan adda baasaa jiru. Akkuma haalli naannichaa fooyya’aa deemuun hojii naannolee birootti raawwatame naannichatti raawwachuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Tigraayittis akkasuma, hojii komishinichaa naannichatti eegalchiisuuf pirezidaantii bulchiinsa yeroo Geetaachoo Raddaa waliin si’a sadii mari’atameera. Akkasumas, hayyoota walin mariin gaggeeffamuu himanii; duubdeebiin argame marii biyyaalessaa gaggeessuuf yaadi gaariin akka jiru komishinichi hubateera jedhan. Haalli fooyya’ee akkuma naannichi komishinichaaf waamicha dhiyeesseen eegaluuf qophii ta’uus ibsaniiru.
Marii bulchiinsota magaalaa lamaafi naannolee shanitti gaggeeffametti hirmaannaan qaamolee hawaasaafi qoodafudhattoota milkaa’ina hojii komishinichaaf shoora olaanaa taphateera. Kanaafis, muuxannoo naannoo Beenishaangul Gumzitti qaamoleen duraan afaan qawween furmaata arganna jechaa turan marii akka wayyu hubachuudhaan mariirratti argamuunsaanii gaariidha. Naannolee biroottis muuxannoo ta’ee babal’achuu qaba jedhaniiru.
Paartiiileen siyaasaa tokko tokkoofi qaamoleen bosona jiran akka maricharratti argamaniif waamichiifi yaaliin komishinichaa akka ittifufu himanii; muuxannoo komishinichi haala kanaan walfakkaatu Kolombiyaarraa argate akka isaan yaadasaanii bakka bu’iinsa qabaatan agarsiiseera jedhan.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 4 Bara 2017