“Imaammanni manneen barnootaa addaafi bultii addaa bu’aa buusaa waan jiruuf ciminaan irratti hojjetama” – Doktar Tolaa Bariisoo

Biiroon Barnootaa Oromiyaa dhaloota barnoota ammayyaatiin ijaarame egeree biyyaaf wabii ta’uu danda’u horachuuf imaammataafi tarsiimoo misooma barnootaa bocuun hawaasa mana barumsaa waliin ta’ee humna guutuun hojiitti kan seene yoo ta’u, waggoota shanii as misooma manneen barnootaa addaafi bultii addaa akka naannootti eegalameen milkaa’inni guddaan argamaa jira.

Imaammatichi rakkoo qulqullina barnootaa akka biyyaatti hudhaa ta’e furuu keessattis bu’aqabeessa yoo ta’u, keessumaa rakkoo istaandardii, dhiyeessii barnootaa, meeshaa deeggarsa barnootaa, waliingahiinsa barsiisotaafi baruu barsiisuuf haalli mijataan akka uumamu dhaloonni ga’umsa qabu akka horatamuuf bu’uura buusaa jira.

Biirichi hojii misooma barnootaa imaammata tarkaanfachiisaafi bu’aqabeessa qabatee ka’e kana milkeessuuf barsiisotaafi caasaalee barnootaa kuma 300 oliin deeggaramee barattoota miliyoona 12.3 ol simatee baruu barsiisuu si’eessuutti jira jedhu Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo turtii kibxata darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin.

Tarsiimoo misooma manneen barnootaa addaafi bultii xiyyeeffannoon irratti laatamee hojjetamaa tureen bara kana manneen barnootaa 13 keessatti barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhatan guutummaatti qabxii quufsaa galmeessisuun darbuu danda’aniiru.

Akka naannootti barattoonni qormaata kutaa 12ffaa bara 2016 fudhataniifi darban gidduu garaagarummaa guddaan jiraatus misoomni manneen barnootaa addaafi bultii addaa kun yoo babal’ate dhaloota ga’umsa qabu egeree biyyaafillee wabii ta’u horachuun akka danda’amuuf qabxiin manneen barnootaa addaafi bultii addaatti galmaa’e agarsiistuu guddaadha.

Barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2016 akka naannootti fudhatan kuma 241fi 809 keessaa kuma 8fi 520 kan darban yoo ta’u, harki caalu kanneen manneen barnootaa addaa bultii addaafi dhuunfaatti barataniidha. Bu’uuruma kanaan misoomni manneen barnootaa ammayyaa kun babal’achuu akka qabuuf xiyyeeffannoo guddaan kennamee hojjetama.

Akka fakkeenyaatti manneen barnootaa Addaafi Bultii Addaa Adaamaa, Mattuu, Dambidoolloofi Arsiifaatti barattoonni hunduu qabxii olaanaa fiduun guutummaatti kan darban yoo ta’u, kan Jimmaa dhibbantaa 99.9 dabarsuun tarsiimoon misooma barnootaarratti hojjetame bu’aa buusaa jiraachuusaaf fakkeenyummaan kan ka’aniidha.

Baay’ina barataa qorameefi bu’aan galmaa’e walmadaaluu dhabuun misooma barnootaarratti ammallee hojiin hojjetamuu akka qabu kan nu agarsiisuudha kan jedhan Doktar Tolaan, misoomni manneen barnootaa addaafi bultii addaa cimee kan ittifu ta’uu kaasaniiru.

Misooma barnootaa gaafa jennu manneen barnootaa ammayyaa babal’isuu qofa akka hintaane eeranii, keessumaa misooma barsiisotaas kan hammatu waan ta’eef hudhaa gama kanaan jiru furuuf kutannaan hojiitti seenamuu kaasu.

Barana akka naannootti barattoota miliyoona 12.3 ol simachuun baruu barsiisuu si’eessuuf gamanumaa hojiitti kan seename yoo ta’u, faallaa kanaammoo qorannaa taasifameen hanqinni barsiisaa kuma 24 hudhaa ta’uun irra ga’ameera jedhu.

Hudhaan kun barattoota sadarkaa BID (Barnoota Idileen Duraarraa) kaasee hanga sadarkaa 2ffaatti jiru kan hammatu yoo ta’u, tarkaanfii gama kanaan fudhatameen barsiisonni simatamanii leenjii gahaa akka fudhatan taasifamanii akka hojiitti bobba’an taasifamuu dubbatu.

Barsiisonni leenjii fudhataa turan kunniin yeroo dhiyootti hojii baruu barsiisuu bara barnootaa 2017 kanatti bobba’uun imaanaa mootummaan dhaloota ga’umsa qabu barnoota qulqullina qabuun deeggarame horachuuf qabatee ka’e milkeessa jedhamee abdatama.

Ga’umsa barsiisotaatiin walqabatee hudhaan akka jiru. Hudhaan kunis harcaatii barataaf sababa ijoo ta’ee waan argameef qormaata ga’umsaafi ijaarsi dandeettii dabalataa akka kennamu ta’eera. Barsiisota qormaata ga’umsaa fudhatan keessaa kanneen darban muraasa yoo ta’an, baruu barsiisuurratti rakkoo akka hinuumneef yeroorraa yerootti ga’umsaafi dandeettiisaanii akka fooyyeffataniif gama mootummaatiin deeggarsi taasifamaa tureera.

Barsiisaan akaakuu barnootaa barsiisu mo’achuu dhabuun dhaloonni ga’umsa qabu akka hinhoratamneef sababa waan ta’uuf dhimma ga’umsaafi ijaarsa dandeettiirratti dabalataan hojjechuun dirqama yeroon barbaaduudha jedhu Doktar Tolaan.

Rakko ga’umsa barsiisaatiin walqabatee dhufu maqsuufis barsisonni qormaata ga’umsaa akka fudhatan taasifamuu eeranii, barnoota barsiisan mo’achuurratti ammallee hanqina guddaatu jira jedhu. Barataan kutaa sadaffaa taa’ee barreessuufi dubbisuu hindanda’u. Kunimmoo rakkoo hamaadha jechuunis ibsu.

Ga’umsa barsiisota madaaluuf barana qofa barsiisonni 25,088 qormaata ga’umsaa kan fudhatan yoo ta’u, barsiisonni 5592 digrii, barsiisonni kuma 19fi 96 ammoo dippiloomaadha.

Barsiisota digrii kuma 5fi 592 qormaata ga’umsaa fudhatan keessaa kan qormaata darban kuma 1fi 650 ykn dhibbantaa 27.5 yoo ta’an, barsiisota dippiloomaa qormaata ga’umsa ogummaa fudhatan kuma 19fi 96 keessaa kuma 7fi 962 ykn dhibbantaa 41.7 kan darbaniidha, dhibbantaa 58 ammoo kufaniiru jechuudha.

Firiin ga’umsa ogummaa kun rakkoon ga’umsaa jiraachuusaatiif agarsiistuu guddaa ta’ee waan argameef fala kaa’uuf giddugalli leenjii dagaagina ogummaa babal’achuu akka qabu taasifameera. Kufaatii ga’umsa ogummaa barsiisotaatiin qaqqabaa jiruun irra jireessi akaakuu barnootaa Ingiliffaafi Herregarratti kan mul’atu waan ta’eef giddugala dagaagina Ogummaa Adaamaatti barsiisota akkanaa simannee leenjisuun ga’umsasaanii akka gabbifatan taasifamaa jira.

Barsiisaan akaakuu barnootaa barsiisu sirriitti beekuu dhabuun rakkoo qulqullina barnootaaf isa ijoo yoo ta’u, dabalataan ammoo barattoonni ka’umsarraa qaramuu dhabuun ga’umsaan akka laafaniif sababa biraa ta’eera.

Rakkoo ga’umsa barsiisotaa furuuf qormaata ga’umsaa qoruun kan darbe onnachiisuu kan kufemmoo giddugala dagaagina ogummaatti ijaarsa dandeettii kennuufiin ga’umsasaa akka cimsatu akkuma taasifamaa jiru daa’imman guddatoofis sadarkaa BID irraa kaasee xiyyeffannoo akka argatan taasifamaa jira.

Gama kanaan haala mijeessitoota leenjii gahaa qaban ramaduufiin barnoota idileen duraa keessatti barreessuufi dubbisuu xumursiisuun kutaa 1ffaa akka galan taasifamaa kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaattis fooyya’insi gama kanaan manneen barnootaa idileen duraa keessaatti mul’ataa jiru kan nama jajjabeessuudha.

Ga’umsi barsiisaa qoramee ijaaramaa deemuun barataan sadarkaa dakaarraa kaasee qaramaa deemuun hudhaan qulqullina barnootaa akka furamu dhaloonni ga’umsa qabu akka horatamu waan taasisuuf xiyyeeffannoon irratti hojjetamaa jiraachuu Doktar Tolaan nikaasu.

Gama biraatiin hudhaan qulqullina barnootaa akka Oromiyaatti jiru akka furamuuf misoomni manneen barnootaa moodeela ta’anii babal’ataa kan jiran yoo ta’u, keessumaa bakkeewwan misoomni barnootaa daran itti laaferratti gama maraan akka irratti hojjetamu ta’aa jira.

Magaalaa Shaggaritti dargaggoonni hedduun barreessuufi dubbisuu hindanda’an. Hudhaa kana akkamiin ilaaltu jennee gaaffii dhiyeessineefiif, dhiibbaa kanaan dura tureen misoomni barnootaa Shaggar keessa jiru laafaa laafaa turuu kaasaniiru.

Shaggar dhiibbaa guddaa jala ture. Waliinga’iinsi manneen barnootaa laafaa ture. Haata’u garuu waggoota sadii as warraaqsa Gumaata Caffee Tumaa jedhamu banuun misooma manneen barnootaa babal’isaa jirra jedhan.

Dhiyeessiiwwan barnootaa Shaggar guutuu fudhannee yoo ilaalle dhibbantaan 90 ol manneen barnootaa dhuunfaa ta’uun walqabatee hawaasni keenya fayyadamaa hinturre.

Dhimmi kun xiyyeeffannoo waan barbaaduuf waajjira barnootaa Shaggariif ittigaafatamummaa kenninee manneen barnootaa dhuunfaa keessatti hirmaachisummaan akka jiraatuuf irratti akka hojjetan warreen daangaa seeraa ala barsiisaniifi ulaagaa hinguunne akka cufamaniif tarkaanfii fudhatamuu eegaleen jijjiiramni galmaa’aa jira.

Gama biraatiin dargaggoota umriinsaanii umrii barnootaarra darbe hojii gara garaatiin of jiraachisaniifi barreessuufi dubbisuu hindandeenye mana barumsaatti fiduun barnoota ga’eessotaa qindaa’aa gocharratti xiyyeeffateefi barnoota saffisaa kennuun hudhaa kana furuuf hojjetamaa jira.

Barnoonni saffisaa yeroo gabaabaatti mana barumsaa seenanii barreessuufi dubbisuu akka danda’aniif kan kennamu yoo ta’u, dargaggoota hojii humnaan jiraataniifi barreessuufi dubbisuu hindandeenye warreen haala mijataa hinarganneef addatti kan kennamuudha.

Walumaagalatti Biiroon Barnoota Oromiyaa baruu barsiisuu bara 2107 si’eessuun dhaloota ga’umsa qabu horachuuf misooma barnootaarratti xiyyeeffannoo olaanaa kennee kan hojjetu yoo ta’u, hawaasni mana barumsaas kana beekee imaammata misooma barnootaa mootummaan itti kenne milkeessuuf humna guutuun hojjechuun wabii biyyasaa ta’uun irraa eegama.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 4 / 2017

Recommended For You