“Jibbarraa bilisa taane ayyaanota kabajuu qabna”  -Abbootii amantii

Finfinnee: Abbootiin Amantii ayyaanota fuuldura keenya jiran jibbaafi haaloorraa bilisa taanee kabajuu qabna jedhan.

Abbootiin amantii Kaatolikii, Musliimaa, Ortodoksii, Pirotestaantiifi Waaqeffataa bara haaraa sababeeffachuun ergaa dabarsaniin akka jedhanitti, dhala namaa bira darbe uumamni hundi waan nagaya barbaaduuf namni sadarkaa dhuunfaasaatii jalqabee nagaya labsuun biyyaafis nageenyi akka ta’u tumsuu qaba.

Mana Amantii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Barsiisaan Wangeelaa Hayilamikaa’el Taaddasaa akka jedhanitti, namni yoo keessisaa qulqullaa’e mataasaatiif, maatiisaafi biyyaaf gaarii yaada, namoota hundaafillee ninaha. Kanaaf ayyaanota fuuldura keenya jiran kabajuuf qophaa’uun dura namootni keessa ofii ilaaluu qabu.

Uffataafi maallaqa walii kennuu dandeenya, hundaa ol garuu waan walii kenninurra barri moofaan akkuma bara haaraatti jijjiiramu jibba jaalalatti, haaloo dhiifamatti, gara jabina garalaafummaatti jijjiirree, kan qabnurraa walii qoodnee ayyaanota miira obbolummaatiin kabajuu qabna jedhaniiru.

Pirezidaantiin Mana Marii Dhimma Islaamummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Hajii Sulxaan Amaan Eebbaa gamasaaniitiin akka jedhanitti, jiruun dhala namaa nagaa booddeedha. Salaata keessattillee nagayumatu kadhatama. Islaamni tokko gaafa nagaa nama gaafatu nageenyi sirratti haa ta’u jedhee itti dhaama, maqumti Islaama jedhu mataasaatiin nagaa jechuudha.

Abbootiin amantii dhageettii qabanitti fayyadamanii obbolummaa dhugaa barsiisuun yoo hojjetan gaafa san nageenyi amansiisaan dhufuu danda’a.

Dura taa’aan Waldaa Amantii Waaqeffannaa Addunyaa Doktar Qana’aa Lammiis akka jedhanitti, waa’een nageenyaa falaasama Oromoo keessatti iddoowwan hundatti ka’a. Gaafuma waleebbisullee bunaafi nagaya hindhabinaa jedha. Bakka nageenyi hinjirretti bobba’anii galuun baratanii qaroomuun, daldalanii buufachuun waan hindanda’amneef namni hundi akkuma amantiisaatti waa’ee nageenyaatiif kadhachuu qaba.

Walittibu’insi waanuma uumamaan jiruudha waan ta’eef walitti bu’iinsa ilaafi ilaameedhaan furuutu barbaachisa jedhanii; barri haaraan bara Gadaan itti ofkalu, waldhageenyu, kormi baroodu nuuf haa ta’u jedhaniiru.

Phaaphaasiin Bataskaana Kaatolikii Itoophiyaa Kaardinaal Biraanayasuus Suraafeelis ergaa dabarsaniin, barri dhufu bara rakkinoota walxaxoo keessaa itti ba’amuufi sagalee dhukaasaa itti hindhageenye akka ta’uu hawwa jedhan. Warra rakkatan deeggaruun ayyaana bara haaraa kabajuu qabnas jedhan.

Pirezidaantiin Gamtaa Waldaalee Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itoophiyaa Paastar Tsaadiquu Abdoos, barri haaraan bara nageenyi biyyattii itti mirkanaa’u akka ta’u hawwanii, barichi bara lammiileen kallattii biyyattii tokkoo biraatti yaaddoo nageenyaa tokko malee hojjetanii itti jijjiiraman nuuf haa ta’u jedhaniiru.

“Yoo madaan tokkoo isa kaan dhukkube waliin jiraachuun hinulfaatu” jedhanii; ba’aa walii keenyaa baanneefi rakkoolee walii hubannee obbolummaa dhugoomsuun nagaan waliin jiraachuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Yoo qabeenya uumamaa kunuunsine deebisee nu soora, yoo qorqinemmoo deebi’ee nu miidha waan ta’eef naannawa keenya kunuunsuun biyya bareedduu Waaqayyo nuu kenne eegnee irraa fayyadamuu qabnas jedhan abbootiin amantii kunniin.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 2 Bara 2016

Recommended For You