Itoophiyaafi Chaayinaan waliigaltee waloo 17 waliif mallatteessan

Finfinnee: Itoophiyaafi Chaayinaan waliigaltee waloo 17 waliif mallatteessuu Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ibsan. Fooramiin walta’iinsa Chaayinaa-Afrikaa magaalaa guddoo Chaayinaa, Beejiingitti geggeeffame.

Minitirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad fooramicharratti argamuudhaan Pirezidaantii Chaayinaa Shii Jiinpingi waliin mari’ataniiru. Mariisaaniitiins biyyoonni lamaan waliigaltee waloo 17 irratti waliif mallatteessuu ibsaniiru.

Akka ibsa Doktar Abiyyitti, walta’insa biyyoota lamaani (Ito-Chaayinaa) cimsuuf Ministirri Muummee Chaayinaa, Lii Kiyangi waliin marii bu’aa qabeessa taasisaniieu. Walta’iinsi geggeeffame walta’iinsa gama qonnaan jiruuf hojimaata ammayyoomsuufi omisha dabaluurratti fedhi Itoophiyaa ta’uun akka ibsaniif ibsaniiru.

Dabalataanis, misooma Industiriif deggerrsi dijitaalaayizeeshinii akka barbaachisu mar’achuu himanii; waliigalteen biyyoota lamaan gidduutti galmaa’e walta’iinsa tarsimoo Itoophiyaafi Chaayinaa gidduu jiru akka hinjijjiiramneef shoora olaanaa qaba.

Pirezidaanti Shii Jiinpingi gamasaaniin, Chaayinaan Afrikaa waliin tumsa industirii, qonnaa, bu’uuraalee misoomaa, daldala, fayyaa, misooma neetworkii qunnamtii, misooma magariisaa, nageenyaafi invastimantii irratti cimsuuf qophiidha. Kanaafis, Chaayinaan waggoota sadan dhufanitti biyyoota Afrikaaf faayinaansii haaraa bifa liqiifi deeggrsaatiin doolaara biliyoona 51 akka dhiyeessitu ibsaniiru.

Kana milkeessuufis pirojektota bu’uuraalee misoomaa 30 deggeruun carraa hojii namoota miliyoona tokkoof uumuuf waadaa galuu himanii; Itoophiyaa dabalatee biyyooti Afrikaa biroon tumsa deggarsa taasifamurraa fayyadamoo ta’u jedhaniiru. Hariiroon dippilomasii gama kanaan tasifamu walittidhufeenya Chaayinaafi Afirikaa gara sadarkaa olaanaatti akka ceesisu odeeffannoon miidiyaaleef kennanniin hubachiisaniiru.

Riipportara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 2 Bara 2016

Recommended For You