“Finfinnee kaleessa Oromoon dabaan keessaa buqqifamaa turetti feestivaala Goobeefi Shinooyyee deebisnee bilisummaan kabajaa jirra” –Aadde Jamiilaa Sinbiruu

Finfinnee: Finfinnee kaleessa Oromoon dabaan keessaa buqqa’e keessatti feestivaala Goobeefi Shinooyyee deebisnee bilisummaadhaan kabajaneerra jedhan Hoggantuun Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Sinbiruu.

Feestivaalli Goobeefi Shinooyyee marsaa 6ffaa walta’iinsa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaafi Dhaabbata Boraatii Artii Piroomoshiniitiin Finfinnee, Giddugala Aadaa Oromootti qophaa’e kaleessa eegalameera.

Saganticharratti haasaa kan taasisan Aadde Jamiilaan, ummanni Oromoo ummata aadaa, seenaa, duudhaafi saafeeffannaasaa ofiisaaf qofa otoo hinta’iin addunyaafis gumaachaa jira jedhan. Keessattuu sirni Gadaa sirna bulchiinsa dimokraasii addunyaan ittiin bulaa jirtuufis bu’uura kan gumaacheedha jedhan.

Ummanni Oromoo aadaasaa keessatti gaddaafi gammachuusaa, gootummaafi misoomasaa, tokkummaafi nageenyasaa aadaa ittiin beeksifatu, aadaa ummata wajjin jiraatu, kan obbolummaa, sirnoota jajjaboo qabuudha jechuunis ibsaniiru.

Haa ta’u malee sirnoonni darban duudhaa, aadaafi seenaa ummanni kun qabu cabsuufi hacuucuuf, afaansaatiin akka hindubbanne, aadaasaa akka hinagarsiifanne duubatti dhiibuun biyya Itoophiyaa jedhamtutti abbaa ta’uu mitii lammummaa Itoophiyaa argachuuf, eenyummaafi aadaasaa gatee kan ormaa akka fudhatuuf dhiibbaa guddaan irra gahaa ture jechunis eeran.

Akka hoggantuun tun jedhanitti, ummanni Oromoo yeroo kamuu dhiibbaa irra tureef otoo harka hinkennatiin, hinjilbeenfatiin, jalatti hinkufiin, diddaa garbummaa, eenyummaa, aadaafi duudhaasaa kabachiisuuf qabsoo hadhaawaa taasisaa tureera.

Qabsoon taasises kan gurmaa’ina qabu, waldhageettiifi ilaafi ilaamee… qabu, kan qeerroofi qarree hedduun dhiigasaanii itti dhangalaasan, lafeensaanii itti cabe, hayyuu baay’een jireenya baqannaatiif, kan barreessuufi dubbachuu dadhabe, seenaan ummataa Oromoo akka hindabneef falmate gatii guddaa kanfalaa tureera.

Dhiigniifi lafeen qeerroofi qarree hayyootaafi hoggantoota siyaasaa keenyaan mootummaa jijjiramaa Oromoof wabii ta’uu danda’u, Itoophiyaatti gaaffiilee sabootaafi sablammiileef deebii kennuu danda’u, Itoophiyaa waliin miidhagdu ijaaruu danda’u, ilmaan abbaa Gadaa mootummaa sirna Gadaatiin ijaarameen seenaan bade deebi’eera jechuun Aadde Jamiilaan ibsaniiru.

Ammas aadaan Oromoo sirnoota kanaan dura badaniifi hacuucaman deebisuuf mootummaan naannoo Oromiyaa hojiilee bal’aa hojjetaa jiru cimsee ittifufa jedhan.

“Finfinnee kaleessa Oromoon dabaan keessaa buqqa’e keessatti sirna Goobeefi Shinooyyee deebisnee bilisummaan kabajaa jirra” jedhanii, ayyaanota kaanis bifa bareedaafi ho’aadhaan kabajuun akka ittifufu ibsaniiru.

Akkuma sirni Goobeefi Shinooyyee bareedee eegalame kana, Irreechi dhufus karaa nagaa, jaalalaa, bareedaafi hawwataa ta’een akka kabajamuuf dargaggoonniifi kutaaleen hawaasaa marti gaheesaanii akka bahataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Wayinisheet Kaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 2 Bara 2016

Recommended For You