Ayyaanonni bara haaraa duudhaasaanii eeggatanii akka kabajamaniif qophiin taasifameera

Finfinnee: Ayyaanota jijjiirama bara haaraa, Masqalaafi Irreechi duudhaasaanii eeggatanii akka kabajamaniif qaamoleen nageenyaa biyyattii qophii taasisuu ibsan. Lammiilee hundaafis ergaa baga bara haaraa nagaan geessanii dabarsaniiru.

Komishinarri Jeneraalaa Ittaanaan Komishinii Poolisii Federaalaa Malaakuu Faantaa Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, ayyaanonni bara haaraa duudhaasaanii eeggatanii akka kabajamaniif komishinichi qophii xumureera. Raayyaa Ittisa Biyyaa, qaamoleen nageenyaa naannoleefi ummata waliin ta’uudhaan hojiin nageenyaafi olaantummaa seeraa kabachiisuu milkaa’aan galmaa’uu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, komishinichi jijjiiramaa as dirqama labsiidhaan kennameef ba’uudhaaf riifoormiin qaamolee nageenyaa gaggeeffameera. Riifoormichi humna namaa beekumsaafi ogummaa, loojistiksii, teknolojii cimsuun raawwii komishinichaa milkeessaa jira. Nageenya bu’uuraalee misoomaa biyyaaf faayidaa guddaa qaban kanneen akka daandiiwwaniifi warshaalee guguddoo, hidha laga Abbayyaa, daandii baaburaafi xiyyaaraafaan rakkoo nageenyaa tokko malee tajaajila akka kennan taasifameera.

Bu’aa rifoormii gaggeeffameen humni poolisii federaalaa bakka itti ijaarame hundatti teekinolojii fayyadamuudhaan hojiin nageenya mirkaneessuufi yakka ittisuu milkaa’aan bara 2016 keessaa hojjetameera. Yeroo ammaa kana Wiirtuu To’annoo Waloon (‘common control center’) waan hundumaa to’achuun danda’ameera.

Bara 2017ttis rakkoowwan nageenyaa bara 2016 mul’atan akka hinuumamne qaamolee nageenya mirkaneessuuf ga’ee qaban hunda waliin qindaa’uudhaan ayyaanonni bara haaraa, Masqalaafi Irreechaa duudhaasaanii eeggatanii akka kabajamaniif ummata hirmaachisuun akka hojjetamu ibsaniiru. Muuxannoo bara darbeerraa ka’uudhaan karoorri qophaa’es qophii barbaachisaan xumuramuu himanii; ergaa baga bara haaraa geessaniis lammiilee Itoophiyaa hundaaf dabarsaniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa Magaalaa Shaggar Obbo Leenjisaa Jootees gamasaaniin, ayyaanni bara haaraa duudhaasaa eeggatee akka kabajamuuf waajjira milishaafi Qajeelcha Olaanaa Poolisii Magaalaa Shaggar, Poolisii Oromiyaafi federaalaa waliin qophiin taasifafameera. Guyyaa ayyaanaa qofa osoo hintaane guutummaa Shaggaritti olaantummaa seeraa kabachiisuufi yakka ittisuuf ummanniifi dargaggootni caasaa nageenyaa waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Ayyaanonni bara haaraa duudhaasaanii eeganii akka kabajamaniif muuxannoo ayyaanotaa baroota darbanirraa horataman bu’uura godhachuudhaan ayyaana bara haaraa, Daamaraafi Irreechaaf karoorri ba’ee hawaasa waliin mariin gaggeeffameera jedhan.

Shaggaritti ayyaana Daamaraa bakkawwan 80 olitti, Irreecha Hora Finfinneefi Harsadee dabalatee bakkawwan 19 olitti kabajamurratti humna nageenyaa ga’aa bobbaasuuf qophiin xumurameera. Qaamolee nageenyaa Magaalaa Finfinnee, aanaaleefi godinaalee ollaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuus himanii; ummati, keessumaa dargaggoonni, gaachanni sirnaa, milishaan magaalaa Shaggar ayyaanonni kunniin duudhaasaanii eeganii akka kabajamaniif ga’eesaanii akka ba’aniif waamicha dhiyeessaniiru. Ergaa baga geessaniis lammilee biyyattii hundaaf dabarsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 2 Bara 2016

Recommended For You