Ayyaana bara haaraatti beeyilada qalmaa kuma 629 oltu gabaaf dhiyaata

  • Lukkuu miliyoona sadiifi killee miliyoona 20 ni dhiyaata

Ayyaanota ummataas ta’e jijjiirama bara haaraan walqabatee dhiyeessiin omishaalee kabaja ayyaanotaaf oolanii yeroo maraa xiyyeeffannaa ummataati.

Qaala’iinsi jireenyaa hanqinna dhiyeessiin mudatu gabaa ayyaanaatti baasii dabalataaf ummata akka hinsaaxile mootummaa hojii bal’aa hojjetaa ture,ammas hojjetaa jira. Omishi bakka itti omishamerraa ka’ee cancala gabaa keessa darbee shamattoota bira kallattiin akka ga’uuf mootummaan dhaabbilee dhiyeessii garagaraa hundeesseera.

Adeemsa daldalaa keessati hanqinni namtolcheefi uumamaa yeroodhaa gara yerootti ta’uun qaala’iinsa gatiif omishaaleef sababa utuu ta’uun beekamaadha. Akka addunyaattis waraanni Raashiyaafi Yuukireen gidduutti mudachaa jiru Itoophiyaa dabalatee biyyoota hedduutti dabaluu qaala’iinsa gatiif sababa ta’eera.

Haa ta’uutii, Itoophiyaatti qaala’iinsi sababaafi bu’uura dinagdee hin qabne maqsuuf caasaaleen mootummaa sadarkaan jiran daldala sirna qabeessaa taasisuuf hojimaata diriirsanii cinatti dhiyeessii gabbisuurratti hojiiwwan bal’aan hojjetamaniiru.

Hogganaa Ittaanaa Biiroon Daldala Oromiyaa Obboo Tasfaayee Gashoo Roobii darbe Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, gabaa ayyaanaa bara haaraa 2017tti sababeeffachuudhaan qaala’iinsi gatii omishaalee galtee ayyaanaa ta’an akka hinqaalofneef biirichi hojiiwwan garagaraa hojjeteera.

Gabaa ayyaanaa bara haaraa (2107) sababa godhachuun qaala’iins gatii akka hinuumamneef caasaalee daldalaa naannicha keessa jiran waliin marii geggeeffameera. Karoora hojii gabaabaa gabaa ayyaanaa ittiin hordofamuufi to’atamu, bakkewwan oomishaaleen qonnaafi industirii itti dhiyaatan qophaa’aniiru. Poteenshaala omishaalee magaalaa yookiin godinaalee adda baasuufi walitti hidhamiinsi gabaa akka uumamuu himanii;. gabaawwaan sanbataa 378rratti omishaaleen akka dhiyaatuuf haalli mijatee jira. Dabalataanis, baazaariiwwaan adda addaa geggeeffaman dabalatee magaalaa Finfinneetti giddugala gabaa omishaalee qonnaa Saariis, Saarbeetiifi naannawa 24 jedhamuuttis omsihi shamatoottaaf nidhiyaata jedhaniiru.

Bakkeewwaan walittihidhamiinsi gabaa uumame dabalatee beeyilada qalmaa (Sangaa. re’eefi hoolaa) kuma 629fi 099, lukkuu miliyoona sadii, killee miliyoona 20 gabaaf akka dhiyaatu himanii; zayita nayaataa liitira miliyoona 40 karaa mootummaa akka dhiyaatu ibsaniiru.

Bulchiisa Magaalaa Finfinneetti Abbaa Adeemsa Hojii Giddugala Horsiisa Beeyiladaa Doktar Tsaggaa Lammaa akka ibsanitti, giddugalichi gatii omishaalee galtee gabaa ayyaanaa ta’a akka hindaballeef xiyyeeffannaa kennuu qophii barbaachisaa taasiseera.

Giddugalicatti sababa babal’ina magaalaa Fifinneetiin waqabatee namoota qe’eerraa kaafaman deebisanii dhaabuu jireenyasaanii fufsiisuuf damee hojii loon horsiisuu, lukkuu horsiisuu, omisha annaniirratti waldaalee gurmeessuun hojii guddaa hojjechaa jira. Omishi giddugalichatti omishamus qulqullinsaa eegee gatii madaalawaan hawaasaaf dhiyaachuun qaala’iinsa gatii guyyaa ayyaanaa dabalatee mudatu hir’isuuf shoora olaanaa taphachaa jira.

Yeroo ammaa giddugalichi, guyyaattii killee kuma 20 ol omishaa jiraachuu himanii; omisha gabaa ayyaanaa sababeeffachuun omishaman dabalatee hanga guyyaan ayyaanaa ga’utti killeen kuma 500 ol gabaaf akka dhiyaatu ibsaniiru.

Lukkuu foonii kuma 15 ol, sangoota qalmaaf ta’an 104 akkasumas, omisha annanii guyyaatti liitira 850 ol omishamee dhiyaachaa jira. Omishi giddugalichaa kan dhiyaatu magaalaa Finfinneef qofa utuu hintaanee sadarkaa biyyatti magaalaa Maqaqalee,Adaamaa.Godinaalee Wallaggaatti akka fe’aman himanii; sagantaa maaddii guutuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhaniiru.

Utuu giddugalichi omishuu hin eegaliin gatiin killee tokkoo hanga qarshii 15tti gurguramaa ture. Erga giddugalichi omisha killee gabaattii dhiyeessuu eegalee booda gatii killee tokkoo gara qarshii saddeetiitti gadbu’uu danda’eera. Ammas giddugalichi qarshii saddeetiin gurguraaa jira. Giddugalichi carraa hojii umuu, qaala’iinsa gatii hir’isuu dabalatee gumaacha olaanaa gumacahaa waan jiruuf naannolee adda addaaf muuxannoo hiruun fakkeenya ta’aa jira.Kanaaf, omisha giddugalichaa Baazaarii Finfinnee Addabaabaayi Istaadiyoomiitti qaammee 1-4tti hawaasi ba’ee omisha qulqullina qabu gatii madaalawaan akka bitatu waamicha dhiyeessuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Obbo Toofiki Rashir Furiirraa dhufuun baazaarii bulchiinsa magaalaan Shaggar qopheesserratti argamuu waan ayyaanaaf isaan barbaachisu utuu bitatatanii akka nuuf ibsanitti, baazaariichi dhiyootti argamuu isaaniif faayidaa akka qabu ibsaniiru.

Gatiin omisha suuqiirraa gurguramuufi bakka baazaarii garaagarummaa qaba shamattootaaf gaariidha gabaan akka kanaa omishaalee galtee ayyaanaa qofa utuu hintaane akaakuu hundaan utuu ittifufee gaariidha jedhaniiru. Barri haaraan bara nagaafi badhaadhinaa akka ta’u hawwisaanii ibsanii ; nagaa milkeessuuf hundumtuu nageenyaaf dhaabbachuu qaba jedhaniiru.

Adde Almaaz Taaddasaa baazarii akka kanaa waan barbaannu nannawaa keenyatti akka argannu nutaasisa,gatiinis gatii suuqiirraa garaagarummaa qaba kanaaf cimee itti haafufu jedhaniiru. Barri haaraan bara nagaafi araarri ittibu’u akka ta’u hawwiisanii ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 2 Bara 2016

Recommended For You