“Asallaa akkuma Finfinnee hawwattuu taasisuuf hojiitti jirra, ibsaafi misoomni kooriidarii xumurameera” -Obbo Simee Tsaggaayee

Misooma magaalotaa akka biyyaatti mootummaan qabatee ka’e milkeessuuf warraaqsa eegaleen jijjiiramni magaalaa Finfinneetti galmaa’aa jiru waan ajaa’ibaati.

Namni Finfinnee kaleessa beeku har’a osoo dhufee argee addunyaa haaraa keessa kan gale taasisee kan ilaalu yoo ta’u, milkaa’ina gama kanaan galmaa’eef hojii kutannaa siyaasaa Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeen fudhatame magaalota biroo Itoophiyaaf fakkeenyummaan kan ka’u ta’ee tajaajilaa jira.

Finfinneen kaleessa keessa taa’uuf miti keessa darbuufuu funyaan nama qabachiistu, gola hattuun itti nama rakkistu turte har’a ijaarsawwan ammayyaan faayamtee, bu’uuraalee misoomaan faayamtee, teknolojii ammayyaan tikfamaa miidhagdee fagoorraa mul’achuun qalbii kan nama hawwattu taateetti.

Milkaa’inni Finfinneerratti galmaa’e magaalaa Asallaarratti akka dabalamuuf kutannaan hojjetamaa jiraachuu Kantiibaan Magaalaa Asallaa Obbo Simee Tsagaayee gaafdeebii Bariisaa waliin taasisaniin himaniiru.

Asallaa akkuma Finfinnee magaalaa miidhagduu teknolojiin dijitaalaa keessatti babal’ate, alseerummaan kan keessa hinjirre taasisuuf sochiin akka magaalichaatti jiru maal fakkaata isa jedhuuf gaafdeebiin taasisne kunooti.

Bariisaa: Asallaan jijjiiramaa as maalirra jirti akkamiin ishee ibsitu?

Obbo Simee: Asallaan magaalaa guddoo Arsii ilmaan sabaafi sablammii hedduu of keessatti hammattee jiraachistu yoo ta’u, jijjjiiramaa as hawaas dinagdeen, siyaasaan fayyadamaa taatee xoofoo jijjiiramaa akka biyyaatti jiru keessaa dhandhamaa imala haaromsaarra jirti.

Bariisaa: Asallaa akkuma Finfinnee magaalaa miidhagduu, hawwattuu taasisuuf kutannoon hojjetaa jiraachuutu himamaa jiraatii maaltu isin kakaase; karoorri gama kanaan qabattan maalirra jira?

Obbo Simee: Asallaa akkuma Finfinnee miidhagduufi hawwattuu taasisuuf kan nukakaase fakkeenymmaa Kantiibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeeti.

Aadde Adaanachi Finfinneee akkuma maqaashii habaaboo fakkeessuuf karoorfatanii hojiitti yoo galan maaltu hojjetamaa, ijji keenyi maal arga, gurri keenya maal dhaga’a jechaa kan turre hedduudha.

Isa jechoota afaaniin dubbatame sana yeroo gabaabaa keessatti qabatamaan hojiitti hiikuun Awurooppaa fakkeessuusaaniin akka raajeffannu kana malees nus kutannoon magaalaa keenya akka misoomsinuuf sababa nuu ta’eera.

Bu’uuruma kanaan Asallaa akkuma Finfinnee imala jedhuun bu’uuraalee misoomaa magaalattii, tajaajila ibsaa, bakkeewwan oolmaa dargaggootaa hawwataa taasisuu pirojektonni qabaman yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramaniif kutannaa Aadde Adaanachirratti hundoofnee hojiitti seenneerra. Gama kanaanis bu’aan miidhagina magaalaa Asallaa dachaan dabalu galmaa’aa jira.

Bariisaa: Milkaa’inoonni miidhagina magaalattii olkaasanii mul’isaa jiran maal fa’i, maal maaltus hojjetame?

Obbo Simee: Tajaajilli ibsaa, daandiin konkolaataafi kan imaltootaa, bakka oolmaa dargaggootaa misooma qarqara lagaa kanaan dura ture ijaafis gurraafis kan tolu hinturre. Dhimmoota ijoo miidhagina magaalattii huban adda baasnee irratti hojjechuun miidhagina magaalaa Asallaa olkaasneerra ammas ittuma jirra.

Tajaajila ibsaa magaala keessaa hawwataafi sadarkaasaa kan eeggate taasisuuf baasii miliyoona 51 ol ramaduun halkan guyyaa fakkeessineerra. Daandiin konkolaataafi kan imaltootaa waan adda baheef halkanis ta’e guyyaa sodaa malee bashannanuun danda’ameera, miirri jiraattota magaalattiis kan namatti toluudha.

Bariisaa: Miidhaginaafi simboo magaalaa kan nyaatan keessaa dandiirratti qulqullaa’uun hudhaa hammaataa akka biyyaatti turedha. Rakkoo kana furuuf malli taa’e maali?

Obbo Simee: Ejjennoo, “Kan daandiirratti fincaa’u sareedha” jedhuun manneen qulqullina hawaasaa akka misooman taasifamaniiru. Bakkeewwan kanaan dura fincaaniin manca’anii turan qulleessuun hawwataafi bakka qalbii nama hawwatu taasisneerra. Hojiin hubannoo uumuus miidiyaaleen barreeffamaan kennameera. Jijjiiramni ilaalchaafi yaadaa jirus kan nama gammachiisuudha.

Bariisaa: Misoomni daandii keessoo magaalattii maal fakkaata?

Obbo Simee: Bakki kuusaa balfaa haalaan akka qophaa’u ta’eera. Hordoffiis qaba. Kana malees daandii keessoo kanaan dura balfaafi dhoqqeen guutamee ture maallaqa olaanaa iti baasuun kiiloomeetira 40 irra deebiin ijaarameera.

Bariisaa: Dhugaa dubbachuuf Asallaan daran jijjiiramteetti. Nutis ilaalleerra. Haata’u garuu pirojektonni magaalattii yeroo qabameef keessatti bajata ramadameefiin qulqullinaan xumuramuurratti maal fakkaatu?

Obbo Simee: Guddina magaalotaa maseensaa kan ture keessaa inni ijoon pirojektonni yeroo qabameef keessatti bajata ramadeefi qulqullinaan xumuramuu dhabuun isa ijoodha.

Erga hudhaa kana adda baasnee hubannee booda xiyyeeffannoo kennuufiin hordoffiifi deeggarsa walirraa hincinne gochuun yeroo qabame, bajata ramadameefii qulqullinaan akka xumuraman gochaa jirra.

Pirojektoota jalqabaman haalaan xumuruu isa jedhu tarkaanfii akka mootummaatti gaaraa kaasee fudhatamaa jiruufi bu’aa galmaa’aa jiru giddugaleeffannee hojjetaa jirra. Akka fakkeenyaatti fudhannee yoo ilaalle gamoo waajjira kantiibaa abbaa darbii afurii ji’a jaha keessatti xumuruun danda’ameera. Ijaarsa waajjirichaa dabalatee pirojektota 20 karoorfanne keessaa 18 xumuruun eebbisiisneerra.

Gama misooma mana barumsaanis hordoffii kenninee hojjetaa turreerra. Akka fakkeenyaatti ijaarsa mana barumsaa yeroo dheeraa gaafatu hordoffii walirraa hincinne taasisnee ji’oota lama keessatti xumuruun tajaajilaaf bakka itti qopheessinetu jira. Kun kan jajjabaachuu qabuudha.

Bariisaa: Pirojektonni ijaaramuun yeroo qabameefi qulqullinaan xumuramuun tarkaanfii cimaadha. Ta’us galiin magaalattii akka guddatuuf malli dhahame jiraa?

Obbo Simee: Kan baranaa fudhannee yoo ilaalle sassaabbiin galii keenyaa dhibbantaa jaatamaan dabaleera. Bu’uuruma kanaan magaalaa keenya dachaan misoomsuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf hojiin jajjabeessaan hojjetamaa jira.

Misooma qarqara lageenii fudhannee yoo ilaalle lagni Kombolchaa kanaan dura holqa hattuu lubbuun namaallee keessatti darbaa ture misoomee bakkaa bashannanaa ta’eera.

Dargaggoonni, hawaasni magaalattii yeroo boqonnaasaanii achi dhaquun sammuusaanii bohaarsaa jiru. Qarqara lagaa misoome kana keessatti tajaajilli kaaffee, bakki shaakallii fiigichaa, miidhaginaan hojjetamuun tajaajila akka kennan taasisneerra.

Bariisaa: Afaan keessan dammaan qabe, bakki shaakallii fiigichaa kun qarqara lagaatti bifa kamiin ijaarame?

Obbo Simee: Daandiin fiigichaaf mijatu dheerina kiiloomeetira walakkaa kan qabu qarqara laga Kombolchaa kanatti ijaarameera. Yeroo dhiyoo asis itti dabalamee kiiloomeetira shan gaheera.

Akkuma atuu beektu Asallaan bakka Atileetonni keessaa maddan ta’uun walqabatee atileetota olguddatoo horachuuf haala mijataa uumuun murteessaa waan ta’eef ijaarsi daandii fiigichaa qarqara lagaatti xumurame kun ispoortessitoota hedduuf tajaajila kennaa jira.

Bariisaa: Misoomni qarqara lagaa kun babal’achuun akka dargaggoonni araadaaf hinsaaxilamne bu’uura buuse qabaa?

Obbo Simee: Dhugaa dubbachuuf dargaggoota keenya irra deemnee ilaalla. Warri kaleessa bakka araadaaf isaan saaxilu oolaaa turan amma bakka bashannanaa kanatti dacha’aniiru.

Hojiin hubannoo uumuus kennamaafii jira. Dargaggeessi tokko bakka itti qalbiisaa bashannansiisu, uumama itti dinqifatu hinjiru taanaan araada hinmalleef saaxilamuunsaanii hinoolu. Haata’u garuu erga misoomni kun eegalee as dargaggoonni keenya yaadaan bilchaachaa jiru.

Bariisaa: Dhimma dargaggootaattin isin deebisaatii bakka bashannanaa qofa ijaaruun dargaggeessa qalbiin fagaate deebisuun hindanda’amu. Hedduunsaanii eebbifamanii kan lafa taa’aniidha. Gama carraa hojii uumuutiin hojiin hojjetame maalfakkaata?

Obbo Simee: Dargaggeessa keenyaaf bakka bashannanaa misoomsuun akkuma jirutti ta’ee gama carraa hojii uumuun hojidhabeeyyii kuma 25f carraa hojii uumuuf karoorfame keessaa dhibbantaan 85 milkaa’eera.

Hojiilee IMXn gurmeessuu, inisheetiiviiwwan gara garaa keessatti akka bobba’an taasisuu, misooma lukkuu, buuphaa, fuduraaleefi daldala adda addaa keessatti qooda akka fudhatan taasisneerra.

Dhimmi carraa hojii uumuu kun hojii halkan tokkoon xumuramu waan hintaaneef ammas dabalataan karoorsinee hojiitti jirra. Sababnisaas misooma dargaggeessi keessa hinjirre misooma ta’uu hindanda’u.

Bariisaa: Carraa hojii bal’inaan uumuun walqabatee simannaan invastarootaaf taasifamu maal fakkaata, haala mijataa maaltus jira?

Obbo Simee: Asallaan invastimantiif balballishii banaadha. Haalli nageenyaas amansiisaadha. Carraa hojii mootummaan uumu cinatti abbootiin qabeenyaas ta’an invastaroonni dhufanii hojiilee misoomaa garagaraarratti bobba’anii akka hojjetaniif balballi keenya banaadha. Indastiriiwwan, kolleejjonni dhuunfaas babal’achuun egeree dargaggoota keenyaaf bu’aa kan buusuudha. Kanaafuu invastimantiif balballi keenya banaadha; simachaas jirra.

Bariisaa: Qabinsi dargaggootaa akka magaalaa keessaniitti jiru maal fakkaata?

Obbo Simee: Dargaggoota keenya hamma dandeenyeef carraa hojii uumneerra. Isaan kaanimmoo Ambaasaaddara nageenyaa ta’anii caasaa nageenyaa waliin hiriiranii nagaaf tasgabbii kabachiisaa jiru kun nuuf injifannoo guddaadha.

Bariisaa: Jijjiirama amma dhandhamaa jirru kana fiduu keessatti shoorri dargaggootaa gahee leencaa kan taphatuudha haata’uutii dargaggoonni keenya damee dinagdeen alatti siyaasa keessatti akka hirmaatan hojiin hojjetame jiraa?

Obbo Simee: Kun sirriidha. Jijjiirama dhufeef lafee dugdaa kan ta’e dargaggoota keenya. Haaluma kanaan dargaggoonni kunniin dinagdeen, hawaasummaan akka cimaniif hojii hojjetamu cinatti siyaasa keessatti akka hirmaatan taasisneerra.

Hoggantoonni manneen hojii magaalattii sadarkaa sadarkaan jiran keessa hojjetan hedduunsaanii dargaggoota. Egereen biyya keenyaa isaan harka jirti. Kanaaf dargaggoota keenya hawaasummaan, dinagdeefi siyaasaan hirmaannaa taasisuun akka bu’aa buusan gochuun fuuldurattis cimee ittifufa.

Bariisaa: Sochiin invastimantii Asallaa maal fakkaa?

Obbo Simee: Balballi Asallaa misoomaaf banaadha. Invastaroota fedhii qaban simachaa hojiilee misooma garagaraarratti bobbaasaa jirra.

Waggaatti invastaroota 100 ol simachuun hojii misoomaa garagaraarratti bobbaasaa jirra. Kanamalees namoonni daawwannaa gaara Cilaaloof dhufan bultiinsaanii Asallaadha. Cilaaloon Asallaarraa kiiloomeetira shanirratti argama.

Haroon Baatuus Asallaarraa kiiloomeetira 35 irratti argama. Kanaaf tuuristoonni gara keenya dhufan buufannisaanii Asallaadha galiin gama kanaan argamus olaanaadha.

Bariisaa: Invastara simachuufis, sochiin magaalattii hawaas dinagdeef mijata akka ta’uuf nageenyi amansiisaa jiraachuun dirqama. Gama kanaan qophaa’ummaan jiru maal fakkaata?

Obbo Simee: Misooma kamiifuu bu’uura kan ta’e nageenya waaraadha. Bakka nageenyi hinjirreetti misooma yaaduun hindanda’amu. Kanaaf caasaalee nageenyaa cinatti hawaasni nageenyasaatiif waardiyyaa akka dhaabatu, hojii hubannaa uumuu kennameen rakkoon nageenyaa ture maqfameera.

Caasaa nageenyaa idileen ala hawaasni gaachana sirnaatiin walijaaruun guyyaafi halkan hordoffiifi sakatta’insa taasisee nageenyasaaf wabii ta’aa jira.

Ijaaramuun gaachana sirnaa hattuu, alseerummaafi hojmaata badaa dhabamsiisaa jira. Gachanni Sirnaa hordoffii nageenyaa taasisuun bakka shakkiin jirutti sakatta’insa tasaa taasisuun qaama dhimmisaa ilaallatuuf eeruu kennuun nageenyi akka hinboorofne taasisaa jiru.

Bariisaa: Ijaarama caasaa Gaachana Sirnaa kanaan walqabatee namoonni ilaalcha hintaane qaban jiru. Gaachanni Sirnaa eenyuuf dhaabate?

Obbo Simee: Ijaaramni Gaachana Sirnaa nageenya waaraa waloo eeguufi eegsisuufidha, caasaan kun mindaa hinqabu. Ulee baatee halkan hirriba dhabee guyyaa jiruusaa dhiisee nageenya lammiileesaatiif kan dhaabatudha malee ergama biraa kan qabu miti.

Naamoonni ilaalcha hintaaneen ilaalan jiraachuu danda’u haata’u garuu caasaan Gaachana Sirnaa wabii hawaasaa waan ta’eef kabajamuu qaba.

Erga caasaan kun ijaaramee hojiitti bobbahee meeshaan seeraan alaa, hojmaanni badaa akka hannaa hir’ataafi to’atamaa jira. Kanaafuu kan jajjabeeffamuu qabuudha. Achi keessatti hirmaannaan Gaachana Sirnaa dargaggootaa olaanaa yoo ta’u, dargaggoonni 2400 ol miseensa GaachanA Sirnaati.

Bariisaa: Tarsiimoon maaddii guutuu Asallaatti maalirra jira?

Obbo Simee: Qonna magaalaa babal’isuu eeggattummaa seenaa gochuufi wabii midhaan nyaataan of danda’uun xiyyeeffannoo keenya tarsiimoo maaddii guutuu keessatti qabanneedha.

Bu’uuruma kanaan jiraattonni lafa xinnoo qabaniifi bakka isaaniif mijatutti misoomaalee akka buuphaa, lukkuu, kuduraafi muduraa qe’eesaanii keessatti omishuun eeggattummaa seenaa akka godhan taasifamaa jiru.

Manaa manarra yoo deemte namni qe’eesaarraa lukkuufi buuphaa dhabe hinjiru. Misoomni kuduraafi muduraa magaalaa keessatti babal’ataa jira. Har’a lafa xinnoo qabanirratti misoomawwan gara garaa babal’isuun aadaa ta’aa jira.

Bariisaa: Tajaajilli maaddii guutuufi inisheetiiviiwwan babal’achuun gabaa tasgabbeessuu keessatti bakka olaanaa qabu jedhama isin biratti akkamitti ibsama?

Obbo Simee: Qaala’insa gatii gabaa hamaa lammiilee qoraa ture akka magaalaa Asallaattis hudhaa ture. Hudhaa kana furuuf hojiirra ooluun tarsiimoo maaddii guutuufi inisheetiiviiwwan bu’aa buuseera.

Hawaasni akka kaleessaa lukkuu ykn buuphaa ykn raafuu bituuf gabaa bahu muraasa. Sababnisaas hojii hubannoo uumuu isaaniif kennameen manasaaniitti misoomsaa waan jiraniif gabaan kanaan dura jeeja’u tasgabbaa’eera.

Bariisaa: Qaala’insa gatii gabaa tasgabbeessuuf jecha misoomni inisheetiiviiwwanii babal’achuun isa ijoo yoo ta’u, alseerummaan daballii gatii bittootaafi gurgurtoota gidduutti akka hinmudanneef malli taa’e jiraa?

Obbo Simee: Alseerummaan daballii gatii irrajireessi daldaltoota seeraan alaan kan qaqqabu yoo ta’u isa kana hir’isuuf giddugalli gabaa dhaabataa ta’eefi baazaaronni yeroo yeroon ayyaanota saababeeffachuun akka qophaa’an taasifamu.

Haaluma kanaan alseerummaan dabalii gatii gabaarratti qaqqabaa ture hir’atee jira. Ijaaramuun giddugala gabaa caalaatti gabaa tasgabbeessuu gatii madaalawaa taasisuu keessatti shoora olaanaa taphateera jechuun danda’ama.

Bariisaa: Hojmaanni nyaachisa barattootaa akka magaalaa Asallaatti jiru maal fakkaata?

Obbo Simee: Nyaachisni barattootaa akka magaalaa Asallaatti jiru jajjabeessaadha. Kutaa 1ffaa-8ffaa qabnu mara keessatti barattoota 6,208 tajaajila nyaataa kennaa jirra.

Bariisaa: Tajaajilli kaadaastara bulchiinsa lafaa akka magaalaatti jiru kanaan dura rakkoof saaxilamaa ture jedhama amma maalirra jira?

Obbo Simee: Dhugaa dubbachuuf sektarri lafaa xiyyeeffannoo yoo argate malee hannaafi alseerummaaf kan saaxilamu ta’uu eenyumaafuu ifa.

Hojmaanni badaan kun akka furamuuf xiyyeeffannoon kennameefii tajaajilli kaadaastara lafaa magaalaa Asallaa akka hojiirra oolu taasisneerra. Lafa tokkorratti kaartaawwan lama, sadiitu ture. Kunimmoo nama walitti buusaa ture. Hanna hammaataatu ture.

Amma garuu hudhicha furuuf tajaajilli kaartaafi kaadaastaraa hojiirra ooleera. Hojiin kaadaastaraa kanaan dura waggaa tokko keessatti hindhumne guyyaa tokkotti xumuraamaa jira.

Bariisaa: Hojjettoonni waajjira lafaa kenniinsa tajaajila kaadaastaraafi kaartaa hanga halkan keessaa sa’aatii jahaatti kennaa jiruutii tajaajila kana kennuuf maaltu isaan kakaase? Bu’aan jiruhoo maal fakkaata?

Obbo Simee: Hojiin dhimma lafaan walqabatee waajjira lafaa Asallaa keessa waggootaaf tuulamee ture daran hedduu waan ta’eef marii taasifameen halkanis tajaajila kennuun murteessaa waan ta’eef tajaajilichi jalqabame. Hojiin kaartaafi kaadaastaraa halkan tokkotti xumuramaa jiru kan kanaan dura waggaa tokko keessatti hinxumuramneedha.

Hojjettoonni waajjirichaa kaffaltii dabalataa argatanii osoo hintaane dhiibbaa hojii deddeebii maamilaa ulfaataa ture furuuf kaka’umsa mataasaaniin gammachuun hojjetaa kan jiran yoo ta’u, kunis fakkeenyumman kan ka’uudha.

Bariisaa: Asallaan akkuma beekamtu magaalaa sabaafi sablammiileen hedduu amantaa gara garaa qaban waldanda’uun keessa jiraatanidha. Duudhaan waldanda’uu akka gabbatuuf hojiin hojjetamaa jiru maal fakkaata?

Obbo Simee: Magaalaa sabaafi sablammiin adda addaa, hordoftoonni amantaa gara garaa keessa jiraatanitti miirri waldanda’uu jiraachuun murteessaadha. Waldanda’uun hinjiru taanaan nagaatu boora’a; misoomatu addaan cita; dinagdeetu raafama. Kanaaf miirri waldanda’uu akka gabbatuuf amantaafi aadaa waliifi garaagarummaan sabummaa jiru miidhagina ta’uu waliigalamee gaddaaf gammachuurratti ummata wajjin dhaabatuudha.

Caasaaleen nageenyaa keenya sadarkaa sadarkaan jiraniifi Gaachanni Sirnaa rakkoon akka hinuumaneef miirri tokkummaa walkabajuu akka gabbatuuf nihojjetu. Kanamalees ayyaanota guguddaa akka biyyaatti kabajamanirratti bakka yaaddoon nageenyaa jirutti hordoffii taasisuun gammachuu walii akka dhandhamaniif kaleessas har’as hojjetamaa jira.

Bariisaa: Ijaarsi Mana Murtii Aadaa akka magaalichaatti jiru maal fakkaata?

Obbo Simee: Hawaaasni waliin jiraatu dhimmoota xixiqqoofi guguddoorratti faayidaan walqabatee walitti bu’uun hinoolu. Haaluma kanaan mana murtii idilee walgeessanii waggaa dheeraaf waldeddeebisuun baasii hinmalleef kan walsaaxilan hedduu turan.

Amma garuu Manni Murtii Aadaa waan hundaa’eef deddeebiin abbootii dhimmaa salphataa jira. Namoonni dhimmoota sasalphaarratti walhimatanii walrakkisaa jiran dhimmasaanii mana murtii aadaatti naanneeffachuun dubbiirraa gara hojiitti akka deebi’an taasifamaa jira.

Manni murtii aadaa kun sabaafi sablammiilee achi keessa jiraatan maraaf qixa kan tajaajilu yoo ta’u, fudhatamummaansaas mana murtii idileen olitti ta’aa waan jiruuf waldhabdee kan furu duudhaa ganamaafi aadaa kan deebisu waan ta’eef xiyyeeffannaan irratti hojjetamaa jira.

Manni Murtii Aadaa kun kutaalee magaalichaa mara keessatti hundaa’ee tajaajila kennaa kan jiru yoo ta’u, dubbii salphisaa hariiroon obbolummaa garaagarummaa yaadaafi faayidaan adda bahee ture ilaafi ilaameedhaan furamee nageenyi akka bu’u taasisaa jira.

Bariisaa: Aarsaa yeroo keessaniif galatoomaa.

Obbo Simee: Isinillee galatoomaa.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 2 Bara 2016

Recommended For You