Afdaneessummaan carraa malee yaaddoo hinta’u

Finfinnee: Itoophiyaan biyya sabootaafi sablammootaa waan taateef afdaneessummaa hojiittii hiikuun filannoo osoo hintaane dirqama. Oromoon saba guddaa biyyattii ta’ee osoo jiruu hanga har’aattuu handhuurasaa Finfinnee keessatti afaansaan fayyadamuun akka cubbuutti warra ilaalantu jiru. Haa ta’u malee, afaanota hedduu barachuun carraa jiruufi jireenyaa akkasumas hariiroo obbolummaa daran jabeessa.

Dhiyeenya kana qorannoon Sirni barnootaa Afaan Oromoo haala adeemsa baruufi barsiisuu manneen barnootaa Finfinnee keessatti Afaan Oromoo barsiisan irratti xiyyeeffate walta’iinsa bulchiinsa magaalaa Finfinneefi Yuunivarsiitii Barnootaa Kotobeen ifoomeera. Dhimma kanarratti Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Kotobee Biraanemasqal Xannaa (PhD) Kamisa darbe Gaazeexaa Bariisaa waliin turtii taasisaniiru.

Akka isaan jedhanitti, biyya sabdaneettii, Itoophiyaatti qulqullinni barnootaafi dagaaginni afaanii dhimmoota xiyyeeffannoo addaan itti adeemamuu qabuudha. Biyyanatti cabiinsi qulqullina barnootaa cabiinsa afaanii walitti dhufeenya kallattii qabu.

Waa’een cabiinsa barnoota biyyattii kallattiilee adda addaatiin dubbatamaa tureera, bu’aasaatiinis ilaalleerra. Gama amala barataatiinis waanuma hubatamaa jiruudha. Mootummaan hanga sirna barnootaafi qormaataa jijjiirutti hojii bal’aa hojjeteera. Walumagalatti, qaawwaa barumsa idilee duraarraa eegalee uumamee kan cabiinsa barnootaaf sababa ta’e kana keessaa bahuuf barri 2017 bara hojii guddaan hojjetamuu qabas jedhaniiru.

Qaawwa kana cufaa afaaniin walqabatees kallattiin Ministeera Barnootaatiin kaa’ame waan jiruuf sadarkaa 1ffaattis ta’e 2ffaatti walharkaa fuudhiinsa raawwannu keessatti qulqullinni barnootaa hineegamu taanaan rakkisaadha. Qulqullinni barnootaa mirkanaa’uu jechuun barataa gahoome uumuuf barsiisaan gahoome jiraachuu qabna.

Barsiisaan gahoome kun ammoo lafumarraa kan argamu miti. Barumsi keenya yaadiddama (tiyoorii) ta’eera. Barumsi keenya tuttuqaa ta’eera. Tuttuqaan kun ammoo ijoollee barumsa guutuu, beekumsaafi dandeettiifi naamusa guutuu kan gonfachiisu miti.

Kanaafuu, gama barattoota beekumsaafi ga’umsa ga’aa gonfachiisuutiin akkasumas ilaalcha barnootarratti qabnu jijjiiruutiin xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba. Barnoota malee biyya ceessisuu, hiyyummaa mo’achuun, addunyaatti gadi ba’uun hindanda’amu jedhan.

Pirezidaantiin Waldaa Barsiisota Itoophiyaa Yohaannis Bantii (‘PhD’) gamasaaniin akka jedhanitti, baroota darbanitti waliingahiinsa manneen barnootaatiif malee waa’een qulqullina barnootaa dhimma dagatamee turedha. Galteen barnootaafi istaandaardiin manneen barnootaa bakka hinqaban ture. Barsiisotaafis xiyyeeffannaan kenname daran gadaanaa ture. Rakkoolee walxaxoon kunneen oolanii bulanii kufaatii ququllina barnootaaf ka’umsa guddaa ta’aniiru.

Ammaan tana yoo xiqqaate sirni barnootaafi qormaataa jijjiirameera, istaandaardii manneen barnootaa naannolee akka Oromiyaafaatti sadarkaa fakkeenyummaa qaburratti argama. Jireenya barsiisotaa fooyyessuuf daballii mindaa qofa osoo hintaane haalli mana jireenyaa itti argatan hojjetamaa jiraachuu himanii; yeroo ammaa barsiisotni biyyattii kuma 100 ol ta’an mana jireenyaa argachuu yaadachiisaniiru.

Finfinneetti barnootni Afaan Oromoon kennamuu eegaluun biyya sabdaneettii taatee keessatti hariiroo hawaasummaafi dinagdee cimsuu cinatti daa’imman saba afanicha dubbaturraa dhalataniif kallattii qulqullina barnootaa mirkaneessuuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 2 Bara 2016

Recommended For You