Adeemsi ajandaa walittiqabuu naannolee Itoophiyaa Jiddugaleessaafi Sidaamaa xumurame

Finfinnee: Komishiniin Marii Biyyaalesaa Itoophiyaa adeemsa ajandaa walitti qabuu naannolee Itoophiyaa Jiddugaleessaafi Sidaamaatti taasisaa ture xumuruu beeksise.

Bakka bu’oonni hawaasaafi qooda fudhattoonni ajandaa hawaasa naannolee kanneenii ajandicha qindeessuuf filataman ajandaawwan kaafaman komishinichaaf kennaniiru.

Komishinariin Komishinii Marii Doktar Yoonaas Adaayyee wayita ajandicha Naannoo Itoophiyaa Jiddugaleessaa fudhatan akka jedhanitti, mariin kun hunda mo’ataa kan taasisuudha. Rakkoolee keenya hundagaleessaaf furmaata egeree fiduuf mariin furmaata ijoodha.

Komishinichi ajandaawwan ummata naannichaan kaafaman fudhachuu ibsanii; qaamolee ajandaa walitti qabuun akka milkaa’u yeroosaanii kennuun ajandaalee walitti qabuufi gindeessuun komishinii mariif kennuurratti hirmaatan galateeffataniiru.

Waltajjiin marii komishinichi bakka bu’oota kutaalee hawaasaa addaddaa naannichaa waliin Hagayya 25 bara 2016 irraa kaasee adeemsisaa ture Kamisa darbe xumuramuu beeksisaniiru.

Oduudhuma walqabateen Naannoo Sidaamaatti waltajjiin marii ajandaa walitti qabuu Hagayya 22/2016 irraa jalqabee guyyoota torbaaf gaggeeffamaa ture Kibxata, Hagayya 28/2016 xumurame.

Waltajjii marii magaalaa hawaasaa galma walgayii Yuunivarsitii Hawaasaatti gaggeeffamerratti kutaaleen hawaasaa 10 bakka bu’an 900 ol ta’an, bakka bu’oonni paartiilee siyaasaa, qaamolee mootummaa, namoota dhiibbaa uuman akkasumas bakka bu’oonni dhaabbileefi waldaalee adda addaa walumatti hirmaattonni 1800 ol mari’ataa turaniiru.

Namoonni 25 qaamolee qooda fudhattoota shanan irraa bakka bu’anii ajandaa naannoo Sidaamaa akka qindeessaniif filataman ajandaa dhumaa naannichaa qindeessuun Komishiinara olaanaa Komishiinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Piroofeesar Masfin Araayaatti kennaniiru.

Komishiinarichi haasawa cufiinsaa taasisaniin, kaayyoo guddaan marii biyyaalessaa rakkoolee baroota dheeraaf biyyattii keessa turan mariidhan hiikun waliigaltee waaraa fiduudha jedhan. Akka lammiitti rakkoo keenya hiikuuf mariin filannoo isa jalqabaafi dhumaatis jedhan.

Mariin gareen lakkoofsa baay’ee qabu kan itti mo’atuufi gareen lakkoofsa xiqqaa qabu itti mo’amu osoo hintaane, qaamni kamiyyuu walqixxummaan kan keessatti qooda fudhatuufi hirmaachisaa akka ta’u komishiinichi hojjataa jiraachuu komishiinarichi himaniiru.

Komishiinichi marii ajandaa walitti qabuu bulchiinsa magaalaa Finfinneerraa jalqabee naannolee Beeniishaangul Gumuz, Gaambeellaa, Harariifi bulchiinsa Dirree Dhawaatti haala milkaa’ina qabuun xumuruusaas yaadachiisaniiru.

Komishinichi haga dhuma Onkolooleessaa bara 2017tti naannolee Oromiyaa, Kibbaa, Somaalee, Affaariifi Itoophiyaa Kibba Lixaatti marii walfakkaataa kan taasisu ta’uu komishiinarri olaanaan kun himaniiru.

Milkaa’ina waltajjii marii naannoo Sidaamaatti adeemsifameetiif qaamolee deeggarsa taasisan mara komishiinarichi galateeffataniiru.

Riippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 2 Bara 2016

Recommended For You