Finfinnee: Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin dhiifami sirreeffamtoota seeraaf ta’e Hagayya 20 /2016 irraa eegalee hojiirra ooluu Biiroon Abbaa Alanagaa Waligalaa Oromiyaa ibse.
Hoogganaan biirichaa Obbo Guyyoo Waariyoo ibsa Roobii darbe gaazexeessitootaaf waajirasaaniitti kennaniin, dhiifamni sirreeffamtoota 3611 gocha yakkaatiin adabamuun mana sirreessaa keessa turanii Hagayya 20 bara 2016 irraa eegalee hojiirra ooluusaafi kanneen keessaa 3364 dhiira, 247 ammoo dubartoota ta’uu ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti, bu’uura heera naannoo Oromiyaa, keeyyata 57, keeyyata xiqqaa 3tti, pirezedaantiin namoota gocha yakkaatiin adabamuudhaan mana sirreessaa keessaa sirreeffamaa jiraniif dhiifama gochuu akka danda’u tumameera. Heera kana raawwachiisuufis labsiin 114/98 jira. Labsiirratti hundaa’uudhaan qajeelfamootni ba’aniiru.
Bu’uura heeraafi labsichaatiin boordiin dhiifamaa akka barbaachisummaasaatti sirreffamtoota seeraa bara 2016 calalee pirezidaantiif dhiyeesseera. Pirizidaantiinis kanarratti hundaa’uun sirreeffamtoota seeraa 3,611f dhiifamni taasifameera jedhan.
Dhiifamni taasifames ulaagaa dhiifamni ittiin kennamu hordofee geggeeffamuu himanii; sirreeffamaan tokko yeroo turtii sirreeffamaasaa keessatti yoo gaabbeefi sirrate, maatii miidhamaa waliin araarame, iyyannoo dhiyeeffate, yoo adabbii hidhaafi maallaqaa guutumaatti raawwate dhiifamni akka taasifamuuf ulaagaa dhiifama idilee keessaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Sirreeffamtoota haala addaatiin dhiifamni taasifamuuf namoota ragaa sobaatiin itti murtaa’e ta’uun dargaggoonni umurii waggaa 18 gadii adabbii itti murtaa’e keessaa tokko afraffaa kan xumuran, dubartoota daa’ima qabatanii mana sirreessaa keessa jiran, dubartii ulfaa baatii afurii ol taatee adabbiin itti murtaa’e keessaa tokko afraffaa kan xumurte, dhiira umuriin waggaa 65 ol dubartiin 60 ol ta’an adabbii ittimurtaa’e keessaa tokko afraffaa raawwachuunsaanii yoo mirkanaa’e dhiifama argachuu danda’uu jedhan.
Yakkoota bu’uura heeraa, keeyata 28 raawwatamaniin walqabatee sirreeffamtoota dhiifami hinilaallanne sirreeffamtoota murtiin du’aa itti murtaa’e, dhiifamaan ba’anii yakka biraa raawwatan yoo ta’e, yakka saamichaa, ragaa sobaa kennan, yakka malaamaltummaa, godaansa seeraan alaa, shororkeesummaa, kontorobaandiifaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 25 Bara 2016