“Rakkoo mudateef humni dabalataa gaafatamuu baatus rakkinicha furuuf hojjetaa jirra”
– Tajaajila Humna Ibsaa Naannawa Dirree Dhawaa
Finfinnee: Rakkoo dhiyeessii bishaan dhugaatii Harar furuuf hanqinaafi addaan ciccitiinsi humna ibsaa danqaa ta’uu Abbaan Taayitaa Bishaaniifi Dhangala’aa Naannoo Hararii ibse.
Hojigaggeessaa Olaanaan Abbaa Taayitichaa Obbo Diinii Ramadaan ibsa tibbana kennaniin; Magaalaa Harariitti sababa hanqinaafi addaan ciccittiinsa humna ibsaan fedhii bishaan dhugaatii jiraattota magaalattii guutuun hindanda’amne jedhaniiru. Addaan ciccituu ibsaatiin walqabatee waggaa keessatti guyyoota 96f tajaajilli bishaan dhugaatiis hanqinaaf saaxilameera jedhan.
Akka ibsasaaniitti, maddi bishaan dhugaatii magaalaa Harar argattu Magaalaa Dirree Dhawaarraa kiiloomeetira 72 ujummoodhaan harkifameeti. Siistamii gatii guddaan itti ba’e keessa darbuun daandiirratti gandootaafi magaalota hedduu obaasaa dhufee magaalaa Harar qaqqaba.
Teessumni magaalattii lafa olka’aarra ta’uun walqabatee meetira 1000 ol dhiibamuuf humna ibsaa guddaa kan barbaachisus tajaajilli humna ibsaa gahaan waan hinargamneef hanqinni bsihaan dhugaatii yaaddoo ta’uu himaniiru. Sababuma kanaan dhiyeessiin bishaan dhugaatii hanga guyyoota 15 turuun hanqinni bishaanii akkaan akka babal’atu taasisaa jira jedhan.
Gaafa humni ibsaa addaan citus meeshaalee gatii qaalii elekitiroo makaanikii siistamichi ittiin ijaarame miidhuun kasaaraa guddaaf saaxilaa jiraachuu ibsaniiru.
“Magaalaan Harar humna ibsaa ga’aa argachaa hinjirtu. Tajaajilli humna ibsaa naannawa Dirree Dhawaa waliin ta’uun rakkinicha furuuf waggoota shanan darbaniif yaalamus hanga ammaatti deebii ga’aa argachuun akka hindanda’amne kaasuun komii Humna Ibsaa Naannawa Dirree Dhawaarraa qaban ibsaniiru.
Ta’us mootummaan naannoo Hararii rakkoo kana furuuf bajata guddaa ramadee bishaan metirkiyuubii tokkoo qarshii 104n omishuudhaan qarshii 15n hawaasaaf dhiyeessaa jiraachuu himaniiru.
Furmaata yeroo dheeraaf pirojektiin bishaanii waggoota 50f tajaajila kennuu danda’u qoratamaa jiraachuu himanii; hangasitti siistamii jiru suphaa tajaajila kennuun ittifufa jedhaniiru. Miidiyaaleenis rakkoon kun akka furmaata argatuuf gumaachasaanii akka ba’an gaafataniiru.
Gaggeessaa Hojii Olaanaa Tajaajila Humna Ibsaa Naannawa Dirree Dhawaa kan ta’an Obbo Fiqramaariyaam Alamaayyoo gamasaaniin rakkoo mudateef gaaffiin humna ibsaa dabalataa dhaabbatichaaf dhiyaate hinjiru jedhu. Magaalaa Hararitti gaafa jalqaba bishaan gale tajaajila humna ibsaa gaafatan ga’aan akka kennameef ibsaniiru.
Rakkoo eerame hundeerraa furuuf Abbaa Taayitaa Bishaaniifi Dhangala’aa Magaalaa Hararii waliin karoora yeroo gabaabaa, giddugaleessaafi dheeraa qopheeffatee hojjechaa jiraachuu dubbatu.
Addaan citiinsi humna ibsaan walqabatee hudhaa jiru furuuf fooyyessi utubaawwan humni ibsaa ittiin darbu mukarraa gara konkiriitiitti jijjiiramaa jiran yeroo dhiyoo keessatti akka xumuramu ibsaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 25 Bara 2016