Qooda konkolaataa elektirikii milkaa’ina imala dinagdee magariisaa keessatti

Finfinnee: Tajaajila konkolaattota elektirikii babal’isanii faalama qilleensaa hir’isuun sagantaa dinagdee magariisaa milkeessuu keessatti gahee guddaa qaba.

Mariin walitti hidhamiinsa konkolaattota elektirikiin socho’aniifi dinagdee magariisaarratti xiyyeeffate Kibxata darbe qaamolee dhimmichi ilaallatu hirmaachisuun Finfinnee, Galma Hoteela Hayilee Giraandi Addisitti adeemsifameera. Saganticharratti indastiriiwwan anniisaa qusachuun fakkeenya gaarii ta’aniif badhaasniifi beekamtiin kennameera.

Ministeera Geejjibaafi Lojistiksiitti, Ogeessi Jijjiirama Haala Qilleensaa Obbo Yizangawu Yittaay akka jedhanitti, konkolaataan elektirikiin hojjetu addunyaarratti omishamuu kan jalqabe waggoota 200 dura. ALA bara 1935-40tti ammoo konkolaattota baatiriinsaanii chaarjeffamutu omishame.

Waan konkolaatonni boba’aadhaan hojjetan baay’achaa dhufaniif kanneen elektirikiidhaan hojjetan addunyaarraa dhabamaa dhufuun bara 1935 tajaajila dhaaban. Konkolaataan elektirikii hanqinni boba’aa mudachuufi haalli qilleensaa jijjiiramuun walqabatee bara 1950 irra deebiin addunyaarratti akka filannootti dhiyaachuu jalqabe.

Itoophiyaatti ALA bara 2011 wayita dhimmi tarsiimoo dinagdee magariisaa ka’u konkolaattota boba’aan socho’an gara elektirikiitti jijjiiruun akka furmaata tokkootti dhiyaate. Bara 2014 tajaajilli konkolaataa elektirikii eegalame. Tajaajilicha babal’isuun faalama qilleensa naannawaa hir’isuun imala dinagdee magariisaa milkeessuu keessatti gahee qaba.

Lakkoofsi konkolaattota biyyattii %14n akkasumas hangi boba’aa fayyadamuusaanii waan dabalaa deemuuf faalama qilleensaarratti dhiibbaa guddaa uumaa deema. Konkolaattonni dulloomoon baay’achuunis kana keessatti qooda qaba. Konkolaataan elektirikii qarshii bittaa boba’aaf ba’u hambisuufi faalama qilleensaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Teknolojiin kun Itoophiyaatti reefu waggoota sadii kan lakkoofsise ta’uusaatiin bu’uraalee misoomaa tajaajilichaaf barbaachisan babal’isuufi gabbisa hubannoorratti hojjechuu barbaachisa jedhu.

Imaammatni, tarsiimoon, qajeelfamniifi istaandardiin qophaa’aa jiraachuus himanii, istaandardiin baatirii konkolaatichaa chaarjessu ba’uufi sirni onnachiiftuus diriiruu eeran. Sirnichi gatii konkolaataa elektirikii kan hir’isuufi konkolaataan elektirikii otoo hinwarshaalamiin biyya galu ashuuraafi ‘VAT’irraa bilisa taasisuus nidubbatu.

Bakki baatirichi itti chaarjeffamu dhabamuun tajaajilichaarratti gufuu ta’uus eeranii, kanarrattis hojjetamaa jiraachuu ibsu. Kanarratti abbootii qabeenyaa hirmaachisuuf haalonni adda addaa mijataa jiru.

Miidiyaanis faayidaa konkolaattonni elektirikii qaban muuxannoo biyyoota addunyaan walbira qabuun hubannoo hawaasaafi hoggantootaa gabbisuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Yunivarsitii Saayinsiifi Teknolojii Finfinneetti, Barsiisaafi Qorataan Muummee ‘Environmental Engineering’ Doktar Mintasinoot Gizaawu akka jedhanitti, geejjibni Itoophiyaa guutummaatti boba’aa alaa galu fayyadamuun socho’u. Biyyattiin boba’aa bituuf waggaatti doolaara biiliyoona 4.6 baasti. Konkolaataa elektirikiin fayyadamuun faalama qilleensa naannawaafi baasii kana hir’isuu keessatti gahee guddaa qaba.

Itoophiyaan humna qabeenya haaromuu gahaa waan qabduuf mootummaan tajaajila konkolaataa elektirikii babal’atuuf onnachiiftuuwwan gara garaa taasisuu qaba jedhu.

Mootummaan teknolojii kaarboonii xiqqeessan sektaroota gara garaa keessatti hojiirra oolchaa jiraachuu himanii, kun faalama qilleensa naannawaa xiqqeessuun manii dinagdee magariisaa milkeessuurra darbee carraa hojii bal’aa uumuuf shoora guddaa akka qabu eeru.

Faalama qilleensaa konkolaattonni boba’aa qaqqabsiisan hir’isuun naannawaa jireenyaaf mijataa taasisuuf tajaajila konkolaattota elektirikiifi bu’uuraalee misoomaa tajaajilichaaf oolan babal’isuun barbaachisaa ta’uus himaniiru.

Ministirri Daldalaafi Walittihidhamiinsa Naannawaa Doktar Kaasaahun Gofee akka jedhanitti, Inarjiin qabeenya guddaa qusannaa barbaadu waan ta’eef badhaasniifi beekamtiin mootummaan indastiriiwwan anniisaa qusataniif taasise ittifufa. Akkuma qaamni balleesse ittigaafatamu kan gaarii hojjeteef beekamtiin kennamuu qaba.

Guddinniifi badhaadhinni biyya keenyaa mirkanaa’uu kan danda’u harka hatuufi balleessu adabuufi kan cimee hojjeteef beekamtii kennuudhaani jedhanii, keessumaa tajaajilli inarjiifi boba’aa ofeeggannoofi iftoominaan kennamuu qaba. Hojiin bittaa boba’aa dijitaalessuuf eegalames dirqama ta’ee cimee ittifufuu qaba. Boba’aan qarshii harkaafi harkatti kennuun darbee darbee raawwatamus dhaabachuu qaba.

Buufataalee gatiin nidabala jechuun boba’aa kuusan, dhoksaniifi daandiirra tursiisanirratti to’annoofi hordoffii cimaa gochuun tarkaanfii cimaan kanirratti fudhatamu ta’uus eeraniiru.

Daarektarri Abbaa Taayitaa Inarjiifi Boba’aa Aadde Sahaarallaa Abdullaahii akka jedhanitti, waggoota darbanitti inarjiifi boba’aarratti invastimantii olaanaan taasifamus inarjii guddaan qisaasa’aa tureera. Abbaan taayitichaa imaammata qusannaa inarjii diriirsuun hojiirra oolchaa tureera. Kallattii qusannaaf taa’e keessaa tokko industiriiwwan inarjii guddaa fayyadaman inarjii odiit gochuudha.

Sirna bittaa boba’aa dijitaalessuun waggoota lamaan darabitti qarshii biiliyoonni 233 galii ta’uu himanii, Fulbaana bara 2016 irraa eegalee bootteen boba’aa deddeebisu to’achuufis sirni ittigaafatamummaa uumameera.

Boba’aa taariifa kaa’ameen olitti gurguruufi qarshii harkaafi harkatti kennamuun bituun rakkoolee darbanii darbanii mul’atan ta’uufi kana furuufis hirmaannaa hawaasa bal’aa akka barbaadu eeran.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 25 Bara 2016

Recommended For You