Haftee qabsaa’ota Afran Qalloo, hangafa abbaa meeshaalee muuziqaa, walleewwan qabsoo sabaa irraa hanga jaalala biyyaatti, meeshaa muuziqaa akaakuuwwan hedduu taphachuurraa hanga muuziqaa albamii 14 baaseera.
Sagalee kiiloleesaatiin sirbee nama bashannansiisuurraa hanga artistoota guguddoo akka Qamar Yusuuf, Nuhoo Goobanaa, Habtaamuu Lamuu, Daagim Mokonniniifi kaaniif sirba hojjatee kennuutti beekama. Torbee har’aa immoo Albamii haaraa mataduree, “Teenya Urjiin” jedhuun kan baase Adeeroo Artisti Elemoo Alii keessummaa Bariisaa maxxansa kanaati.
Bariisaa: Jalqaba mee dubbistoota keenyaan osoo walbartee? Artisti Elemoon eenyu waan jedhu Oromoon wallaalu jiraachuu baatus otoo achirraa eegallee?
Artisti Elemoo: Eessatti akkan dhaladheefi guddadhe namni sirboota koo beeku kamuu hinwallaalu. Atis yoo dirqama kana ibsuu qabda ta’e intarneetiirra waan jiruuf achirraa argachuu dandeetta. Erga nagaafattee immoo Harargee Bahaa, Magaalaa Hara Mayaatti dhaladhee naannawuma sanatti guddadhe.
Yeroon ani ijoollummaarraa gara dargaggummaatti ce’aa jirutti qabsoon Oromoo gama aartiitiin naannawa sanatti fiiniinaa turte sun anas garasitti na harkiftee umrii dargaggummaatiin gara qabsoo Oromoo gama muuziqaafi aartiiwwan gara garaatiin yeroo sana finiinaa turetti dabalame jechuudha.
Bariisaa: Yoom gara muuziqaatti dabalamte?
Artisti Elemoo: Kanin albamii jalqabaa baase waggaa 40 dura. Akka lakkoofsa Faranjiitti naannawa bara 1978tti jechuudha. Ani yeroo duraa gara aartiitti kanin dabalame akka nama muuziqaa sirbuutti osoo hintaane, jalqabarratti akka nama meeshaa muuziqaa, keessattuu harmoonikaa taphachuudhaani. Boodarra garuu akkuma hojii aartii muuziqaa gara garaa keessatti baay’inaan hirmaadhee meeshaa muuziqaa kana taphachuun fedhiin muuziqaaf qabu dabalaa dhufe.
Akka carraa ta’ee ani ogeessa meeshaa muuziqaa ta’us sagaleen koo muuziqaadhaaf kan uumame waan tureef gara muuziqaatti yerookoo eeggadhee makameera. Artistoota Oromoo keessaa meeshaalee muziqaa hedduu taphachuudhaanis warroota duraa keessa akkan jiru namootni natti himu.
Kanaaf waliigalaan waggoota 40 oliif aartii Oromoo keessatti waanin danda’eefi narraa eegamu bahachaa tureera.
Bariisaa: Mee sirboota albamii jalqabaa bara 1978 bahe keessaa kan yaadattu osoo nu yaadachiistee?
Artisti Elemoo: Sirboota albamii jalqabaa keessaa kanin amma yaadadhu, “Baadhachuu dadhabnee bittaa lafa jalaa, qawwee fannifatee, Goobana Daaccee” kanaafi kanneen biroos jiru jechuudha.
Haalli yeroo sana ture waa’eedhuma qabsoo Oromoo finiinsuufi gabrummaa ummatarra turte qabsoo qawweetiin ummatarraa kuffisuurratti kan xiyyeeffannee hojjachaa turre waan ta’eef sirbootni yeroo sana bahan hundi kallattiidhaanis ta’ee karaa dhoksaatiin xiyyeeffannaansaanii waa’eedhuma qabsooti.
Kanarraa kan ka’e bifa guutummaatti jechuun danda’amuun albamni koo inni jalqabaas sirbootuma waa’ee qabsoo ummataa kana karaa dammaqina ummataa uumuudhaan gara fuula duraatti tarkaanfachiisuurratti kan fuulleeffataniidha jechuudha.
Bariisaa: Yeroo Baandiin Afran Qalloo hundaa’u achi keessattis hirmaannaa qabdaayyuu laata? Achumaanis shoora Afran Qalloo qabsoo Oromoo keessatti buuseefi artistootni Oromiyaa bahaa hedduun kan maddan baandii sana keessaa waan ta’eef kanaan walqabsiistee otoo nuu ibsitee?
Artisti Elemoo: Yeroo Baandiin Afran Qalloo hundaa’u nuti umrii artistummaa keessayyuu hingalle. Artistoota hangafoota keenya kanneen akka Doktora Kabajaa Artisti Alii Birraafaa dabalatee artistoota kutaalee Oromiyaa gara garaarraa dhufaniin ture baandichi kan hundaa’e. Yeroo baandichi hundaa’utti ani umriidhaan dhaqqabuu baadhus Baandiin Afran Qalloo qabsoo Oromoo keessatti shoora hangafaa akka taphate garuu sirriittin hubadha.
Kaayyoon hundeeffama Baandii Afran Qalloo jalqabumarraayyuu maqaa muuziqaatiin walitti haa dhufan malee dhimmichi dhimma sirna gabrummaa ofirraa qolachuuf namootni dammaqina qaban keessatti walgahanii mari’atan ture.
Namootni hedduu yeroo waa’een Baandii Afran Qalloo ka’u akka waan Baandii shubbisa sirbaa Oromoo Harargee qofa ta’etti kan hubatan jiru. Garuu kun dogoggora guddaadha. Baandichi afran Harargee qofa osoo hintaane, namoota quuqama sabaa qabaniifi kutaalee Oromiyaa hedduurraa walitti bahaniin kan hundaa’eefi hirmaannaas keessatti qaban ture.
Kanaaf fakkeenya guddaa kan sii ta’u yeroo Itoophiyaa keessa xayyaarotni muraasniifi paayileetotni muraasni turan sanatti paayileetotni dhoksaadhaan imala namoota hirmaannaa Baandii kana keessatti taasisuuf iddoowwan garaa garaatiif dhufu kan geessaa turan ijoollee Oromiyaa lixaa, Wallaggaa turan.
Kana qofa miti, artistootniifi namootni hirmaannaa siyaasa Oromoo keessatti hirmaannaa qaban hedduu kutaalee Oromiyaa garaa garaarraa hirmaachaa akka turan seenaa barraa’ee lafa jirutu jira.
Wanti si ajaa’ibu Baandiin Afran Qalloo kun ijoollee dhalattoota naannawa Harargee kanneen akka Abubakar Musaafi Abdii Qophee fa’iin haa hundaa’u malee waa’een achi keessatti dubbatamuufi kaayyoonsaas haala gabrummaa Oromoo karaa saffisaafi kanneen birootiin ittiin fonqolchuun danda’amurratti Oromoo biras darbee sabootaafi sablammoota ollaa kan hirmaachise ture.
Kanaaf waa’een Afran Qalloo yeroo ka’u akka Baandii muuziqaafi kan dhalattoota Harargee qofaatti ilaaluun sirrii akka hintaane dhalootni har’aa seenaa kana dubbisee isa sirrii qabachuu qaba jedheen yaada.
Bariisaa: Mee gara albamii haaraa dhiheenya eebbisiistetti dhufuu keenya dura, hanga ammaatti waliigalaan albamii meeqa hojjatte?
Artis Elemoo: Aboo ani hinlakkofnee beektaa? Garuu akka namootni natti himanitti kanaan dura baay’inni albamoota koo 13 akka turaniifi inni dhiheenya kana itti dabalame immoo 14ffaadha jechuudhakaa.
Bariisaa: Sirba ofiikee biras dabartee artistoota hedduufis akka hojjatte ni beekama. Kanaafuu mee eenyufa’iif sirba hojjatte?
Artis Elemoo: Kana silaa isaantu himachuu qabaa beektaa? Ani ebaluuf hojjadhe jechuurra yoo abbaan sun himate gaarii ta’a jechumaafi. Garuu artistoota hedduuf sirba hojjadhee kenneera. Kanneen keessaa akka fakkeenyaatti yoo fudhanne Artisti Qamar Yusuufiif sirba jalqabaa inni sirbe natu kenneef. Dabalataanis artistoota akka Nuhoo Goobanaa, Amartii Waaree, Shamshii, Habtaamuu Lamuu, Usmaayyoo Muusaa, Daagim Mokonniniifi boo… jarri ani kenneef hedduudha. Kana caalaa isaanumti haa himatan malee ani sii himee hinfixukaa.
Bariisaa: Hayyee mee gara albamii kee isa ammaatti haa dhufnuutii albamii kana kanneen kanaan duraarra wanti adda isa taasisu jiraa? Yoo jiraate maalinni?
Artisti Elemoo: Wanti adda taasisu maal sitti fakkaate, sirboota yookiin albamoota koo kanaan dura hundi biyya ormaatti hojjetaman. Sirboota koo keessaa “Yaa jiruu biyya ormaa” isa jedhu tokko beektaa? Isa dabalatee albamootni 13 kan hojjataman biyya ormaatti yaadaafi yaaddoo biyyaatiin dhiphachaati.
Artistoota ani muuziqaa hojjadheef keessaa tokko biyyeen itti haa salphattuu Artisti Nuhoo Goobanaa isa tokko yoo ta’u, keessattuu sirbi “Isin waamti harmeen” jedhu anatu kenneef. Maal siin jechuu barbaadeeti seeta, yeroo biyya ormaa turretti sirbootni hojjachaa turreefi haalli keessa teenyee halaalarraa dhimma biyya keenyaa itti hordofaa turerraa waan fagaatuu miti.
Kanaafuu, yoon gara gaaffii keetti deebi’u waantota albamii haaraa kana kanneen darbanirraa adda taasisan keessaa inni guddaan biyya abbaa kootti, handhuura Oromiyaa, Finfinnee keessa taa’ee, baadiyyaa Oromiyaa keessa naanna’ee qabeenya uumamaatti bohaaraafi dinqisiifachaa hojjachuu kooti.
Bariisaa: Qabiyyeen albamii “Teenya Urjiin” jedhamuu maalirratti xiyyeeffata?
Artisti Elemoo: Maal sitti fakkaate, albamii tokko jechuun sirba tokko jechuu miti. Albamni tokko sirboota matadureewwaniifi dhimmoota gara garaarratti xiyyeeffatan waan of keessaa qabuuf, albamichi dhimma kanarratti xiyyeeffata jedhanii kaa’uun ulfaataa ta’a.
Gaaffiin gaarii taatu garuu, albamii kana keessatti sirbootni argaman dhimmoota akkamiifaa of keessaa qabu? Kan jettu natti fakkaata.
Kanarraa ka’ee fuulleffannoofi xiyyeeffannoo sirboota albamicha keessatti argamanii yoon sii tarreesse; dhimma jaalala biyyaa, uumama ajaa’ibsiifachuu, dhimmoota hawaasummaafi haala waliigalaa gola Oromiyaa hunda of keessatti hammateen kan dhihaateedha. Hojiin kun ana qofaan osoo hintaane, hirmaannaa qaamolee gara garaatiin kan milkaa’e waan ta’eef keessattuu artistoota Oromoo nacinaa dhaabatanii nagargaaraniif galata galchuun barbaada.
Bariisaa: Mee erga waa’ee waliif birmannaa artistoota Oromoo kaaftee akkuma biyya ormaatti walcinaa dhaabattan sana asittis waldeeggartuu?
Artisti Elemoo: Oromoon eessumattuu walcinaa dhaabachuufi waldeeggaruudhaan ala filannoo hinqabu. Kun biyya ormaattis ta’e biyya keessatti ijjannoo kooti. Artistiin Oromoo kun beektaa biyya kana keessattis ta’ee jiruu baqaa keessatti warra aarsaa dubbatamee hindhumne kanfalaa tureedha. Namni waliin aarsaa ulfaataa kanfalaa ture immoo waan danda’uun walcinaa dhaabachuuf waan walirraa qusatu ni qabaata jedhee hin yaadu.
Eebbuma albamii koo haaraa Finfinneetti adeemsifameyyuu yoo ilaalte artistoota qofa osoo hintaane, namootni bebbeekkamoon dhimma Oromummaarratti dammaqinaan hirmaatan hundi haala hineegamneen argamanii saganticha naa bareechaniiru.
Dhugaa dubbachuuf namoota guguddoo ani tasuma ni dhufu jedhee hin yaadne hedduutu sagantaa sanarratti hirmaate. Keessumaa artistoota Oromoo haftee qabsaa’ota dhaloota jalqabaa ta’an irraa kaasee artistootni qaqqaxaleen boodaa dhufan hundi bifa nama ajaa’ibsiisuun sagantaa koo bareechanii waan albamii koo naa eebbisiisaniif galannin galchuufii barbaadu guddaadha.
Haa ta’uu malee ammas gamtaadhaan hojjachuufi dantaa sabaa qofa giddugaleeffatanii hojjachuurratti hanqinni hinjiru jechuun hindanda’amu.
Bariisaa: Mee roorroon dur biyyaa isin baafte maali? Har’ahoo maaltu furamnaan biyyatti deebite?
Artisti Elemoo: Maal kun ifaadhaa bar. Dur biyya abbaa keenyaa keessa teenyee dhimma barbaannerratti sirbuuf hiree hinqabnu turre. Sirbuuf hiree osoo argattees dhimma mootummaan yeroo sana jiru sii filate yookiin jaalatu qofarratti sirbuu dandeetta malee waan sammuu kee keessaa maddeefi sitti dhagahame sirbuu hindandeessu.
Yoo waan jarri yeroo sana biyya bulchu hinbarbaanne sirbite carraankee carraa Usmaayyoo Muusaafi Eebbisaa Addunyaa mudate sana ta’a jechuudha. Kanaaf sirna durii keessatti artistii sirba yeroo yeroon baasu ta’anii osoo dhiibbaan tokko isaan irra hingeenye mataduree ofii barbaadanirratti sirbuun artistii Oromoo kamiifuu waan yaadamu hinturre.
Artistii sirba baasu yoo taate yeroo sanatti filannoon qabdu lama qofa. Innis yookaan karaa citteen haa yaatu jettee waan sitti dhagahame sirbitee dararaafi hiraarsaa dhufu fudhachuu, yookiin carraa argametti biyyaa baqattee biyya ormaatti fageenyarraa waan sitti dhagaa’amuufi dhugaa ummataa sirbitee sabaaf sagalee ta’uu qofa ture.
Kanarraa ka’uun artistootni Oromoo waan sirni sun barbaadu osoo hintaane, dhugaa sabaa sirbuuf murteeffatan hedduun carraa argame maraan baqatanii fageenyarraa dhugaa saba bal’aatiif sagalee ta’aa kan turaniif.
Kanneen biyyaa bahuurra biyyuma keessatti waan itti dhagahameefi dhugaa sirbuuf murteeffatan irbaata sirna nama nyaataa sanaa ta’anii qabsoo Oromootiif aarsaa lubbuu kanfaluudhaan seenaa dhiigaan barreessanii darbaniiru.
Kanaaf, ani carraan biyya jaaladhuufi ergan biyyaa bahees guyyaa tokkollee osoon hinabjoonne bulee hinbeeknetti deebi’uu argamnaan gammachuu guddaan gara biyyaatti gale.
Akkuma yaadakoos ta’ee sirba dhiheenya kana biyya keessa taa’ee sirbe kanarratti qaamni mootummaas ta’e namni dhiibbaa narratti geessisuuf yaale tokko hinjiru. Osoo jiraatees anuu hinheeyyamu. Kanaaf carraan sammuu bilisaatiin biyya ofii keessa taa’anii waan keessa namaatti dhagaa’amte sirbuu kun gaafa sirna durii sana waan hinturreef biyyaa baane, har’a immoo carraan tun argamnaan biyyatti deebinee lafaafi lafee jaalannu keessatti sirbaa jirra jechuudha.
Bariisaa: Mee waa’eedhuma biyyatti galanii waan barbaadan hojjachuu kanaan walqabatee waamicha Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa, Diyaasporaan Oromoo ala jiru hundi irreecha baranaarratti gamtaadhaan akka hirmaataniif dhiheessan akkamitti ilaalta?
Artisti Elemoo: Wanti akkanaa waan karaa poozatiiv ta’eefi onnee qulqulluudhaan ilaalamuu qabduudha jedheen amana. Maaliif yoo jette ammas Oromoon waltuffachuurraa of qusatee walkabajuufi waljala yaa’uu qaba. Dhimmoota gara garaarratti hanqinni akka jiru nan hubadha. Rakkoon iftoominaas jira jedheen amana. Haa ta’uu malee Oromoon waliisaa malee fira akka hinqabne hubatee walkabajuufi waljala yaa’uu jabeeffachuu qaba.
Kanaafuu, waamichi Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Diyaasporaa Oromoon kutaalee addunyaa gara garaa keessa jiru dhufee akka Irreecha baranaarratti hirmaatuuf dabarsanis akka hojii gaarii hojjachuuf yookiin Oromoota gidduutti hariiroo cimaa ta’e uumuuf fedhii qabanittin hubadha.
Bariisaa: Mee gara xumuraatti dhufaa jirra barri haaraanis guyyoota muraasa booda waan seenuuf yoo ergaa qabaatte?
Artisti Elemoo: Ee…, akkuma atuu jette barri haaraanis fuuldura keenya kana jira. Animmoo waggoota dheeraa boodan bara haaraa biyya kanaa arga waan ta’eef anaafis waan guddaa tokko. Inni caalu garuu Oromoofi hawaasni ollaa Oromoo jiraatu hundi, akkasumas ummatni biyya kana keessa waliin jiraannu hundaaf barri haaraan kan milkii, jaalalaafi kan gammachuu akka ta’uufin hawwa.
Barri haaraa kanatti rakkoolee darbee darbee iddoowwan gara garaatti uumamaniin ummanni itti gaddaa jiru akka dhaabatun hawwa. Keessumaa bara waldhageettiifi jaalalli Oromoo gidduutti uumamu akka nuu ta’u, kan hamilee haaraan hojiiwwan biyyaafi ummatashee gargaaran itti hojjatamu akka ta’un hawwa.
Bariisaa: Ani xumure, ati waan ittidabaltu yoo qabaatte carraan keeti.
Artisti Elemoo: Anis waanan dabalu hinqabu. Garuu ammas waa’een jaalalaafi tokkummaa Oromoo kun itti yaadamuu qabdi. Sagaleen, “Tokkuummaa tokkummaa” jettu tun Oromoofi Oromiyaa keessatti waan jaalatamtuufi namoonni hundi dhaga’uu barbaaduudha. Kanaaf, Oromoon waan hanga ammaatti qabsoo abbootii keenyaan eegalamtee Qeerroofi Qarree amma jiraniin ifuu jirtu tana harkatti qabatee, waan hafte immoo walitti dhihaatee mari’achuudhaan deebifachuuf waljala yaa’uun dhimma filannoo qabu akka hintaane nama hundaafuu ifa ta’uu qabdi.
Kanaaf bara haaraa kanatti garaagarteen siyaasaa jiruufi jireenya ummata bal’aa dararu furamee rakkooleen jiran hundi mariidhaan akka furamaniif Waaqa ittikadhannu akka nuu ta’un hawwa.
Bariisaa: Guyyaa gabaabaa keessatti affeerraa keenya fudhattee keessummaa keenya ta’uuf eeyyamamaa ta’uu keetiif ulfaadhu adeeroo!
Artisti Elemoo: Hayyee, isinis galatoomaa jabaadhaa!
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 25 Bara 2016