Oromiyaatti bara barnootaa ittaanuuf kitaabileen miliyoona lamaa ol maxxanfaman

– Boorana Bahaatti hojii baruu barsiisuu bara 2017f qophii gahaan taasifame

Finfinnee: Naannichatti bara barnootaa ittaanuuf ji’oota lamaan darbanitti kitaabileen miliyoona lamaa ol maxxanfamuu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise. Boorana Bahaatti hojii baruu barsiisuu bara 2017 eegaluuf qophiin taasifamuun ibsame.

Hogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Girmaa Baay’isaa ibsa miidiyaaleef kaleessa kennaniin akka jedhanitti, hanqina kitaabilee sababoota addaddaatiin mudataa ture furuuf ji’oota lama keessatti kitaabileen miliyoona lamaa ol maxxanfamaniiru.

Bara barnootaa darbetti akkuma biyyaattuu hir’ina mana maxxansaafi hanqina sharafa alaatini walqabatee rakkoon raabsa kitaabaa mudatee akka ture yaadachiisanii, bara barnootaa ittaanuuf garuu xiyyeeffannoo addaa kennameen deeggarsa barbaachisu hunda taasisuun ji’oota lama keessatti kitaabileen miliyoona lama maxxanfamaniiru jedhan. Bara barnoota 2017tti hanqinni kitaabaa barana mudate akka fooyya’us dubbataniiru.

Imaammataafi sirna barnootaa biyyattiitiin hogganamuun filannoo otoo hintaane dirqama jedhanii; manneen barnootaa mootummaas ta’e dhuunfaatti Afaan Oromoo akka barnoota tokkootti akka kennamu himaniiru. Kanneen immaammata kana cabsuu yaalaniifi cabsaniif mootummaan araarama tokko malee tarkaanfii fudhataa jiraachuus ibsaniiru.

Manneen barnootaa godinaalee tokko tokkotti sababa rakkoo nageenyaatiin cufamaniifi barbadaa’an ilaalchisees waggoota sadan darbanitti manneen barnootaa kuma tokkoofi 650 miidhaman himanii, manneen barnootaa 422 cufamuu beeksisaniiru.

Manneen barnootaa kunneen bakkatti deebisuuf hirmaannaa ummataa tajaajila lammummaatiin, dhaabbilee deeggarsaa waliin ta’uun manneen barnootaa kunneen deebisuuf hojjetamaa jiraachuu kan himan Obbo Girmaan, hangitti akka barattoonni barnootaa ala hintaaneef bakka dhiyeenya qabuufi gandoota ollaa deemanii akka baratan jajjabeeffamu jedhan. Dunkaana dhaabuun barnoonni akka ittifufu taasifamaa turuus eeraniiru.

Oduudhuma walqabateen Godina Boorana Bahaatti bulchiinsa magaalaafi aanaalee hundatti hojii baruu barsiisuu bara 2017 eegaluuf qophii gahaan taasifamuu waajjirri barnoota godinichaa beeksise.

Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Diidaa Galgaloo ibsa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka himanitti, waajjirichi sagantaa Biiroon Barnoota Oromiyaa baasu bu’uureffachuun iddoowwan rakkoon nageenyaa bara darbe mudate dabalatee barattoota galmeessuuf qophii gahaa taasiseera.

Bara darbe naannawa Gooroo Doolaatti manneen barnootaa hedduun cufamanii truu yaadachiisanii, kunis hojii bara barnootaa ittaanutti akka irrahindeebi’amneef qooda fudhattoota waliin mari’atamuu himaniiru.

Galmeessi barattootaa karaa dijitaalawaa ta’een kan raawwatamu ta’uus eeranii, ogeessota hojicha raawwataniifi raawwachiisaniif leenjiin kennamuu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, barana barattoota bu’uura boruu kuma 23fi 551 manneen barnoota 106tti, barattoota sadarkaa tokkoffaa kuma113fi 258 manneen barnoota 364tti; barattoota sadarkaa lammaffaa ammoo kuma 110fi 77 manneen barnoota 22tti galmeessuuf karoorfameera.

Hojii baruufi barsiisuu godinichatti hojjetamaa jiru keessatti hirmaannaan ummataa sadarkaa gaariirratti kan argamu ta’uu himanii, ganna kana qofa hirmaannaa hawaasaatiin manneen barnootaa bu’uura boruu 20 ta’an, manneen barnootaa sadarkaan lammaffaa saddeetiifi manneen jireenyaa barsiisotaa 29 ijaaramaa jiraachuus beeksisaniiru.

Godinichatti manneen barnootaa hedduun Shaneedhaan barbadaa’uu dubbatanii, hojiin manneen barnootaa kunneen suphuun xiyyeeffannoo addaatiin raawwatamaa jiraachuus eeraniiru.

Oromiyaatti galmeessi barattootaas Hagayya 27 hanga Qaam’ee 5 bara 2016tti kan gaggeeffamu ta’uu himanii, daa’imman umriinsaanii barnootaaf gahe hundi gara mana barumsaa deemuun galmaa’uu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Oromiyaatti kuma 37fi 959tti, barattoota miliyoona 12.3 simachuuf ta’uus dubbatanii, Fulbaana 7 bara 2017 barnoonni idilee akka jalqabamus eeraniiru.

Wayinisheet Kaasaafi Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 25 Bara 2016

Recommended For You