“Murna misooma ispoortii Itoophiyaa duubatti harkisaa jiruuf callisni furmaata hinta’u” – Obbo Taammiraat Baqqalaa

Finfinnee: Addunyaarratti ispoortii guddaan olompikiin adeemsifamuuf wayita dhihaatu Itoophiyaa keessatti walitti wacuun kan baratameedha.

Filannoo atileetotaarraa kaasee hanga dhimmoota guguddoo bulchiinsaatti unkuruun kan beekamu koreen olompikii Itoophiyaa, Olompikii 33ffaa Paariis kan dhiheenya kana Faransaayitti adeemsifames kan xumurame haaluma baratame kanaani.

Koreen olompikii Itoophiyaa filannoo hojii raawwachiiftuurraa kaasee dhimmoota guguddoota baay’eerratti adeemsisaa seeraan ala jedhamuudhaan ceepha’amaa tureera.

Qaamni Mootummaa kan ispoortii gaggeessu ammoo hanga ammaatti callisuu filateera. Kunimmoo guddina ispoortii biyyattii kan miidhu waan ta’eef dhimma xiyyeeffannoo hatattamaa barbaadu ta’uu dagatamuu hinqabu.

Dhimmoonni kun gadi fageenyaan qoratamanii furmaanni waaraa yoo kennameefiin alatti faayidaan walqabsiifamee hojiin shiraa namoota dhuunfaa fayyaduuf taasifamu guddina ispoortii biyyattii kan quucarsu akka ta’es ifadha.

Obbo Taammiraat Baqqalaa waggoota kurnan darbaniif koree olompikii Itoophiyaatti barreessaa olaanaafi Ittigaafatamaa Waajjira Koree Olompikii ta’uudhaan tajaajilaniiru.

Olompikii Landaniifi Riyoo, akkasumas olompikoota dargaggootaa lammaffaafi sadaffaa dursaa garee ta’uudhaan hojjetaniiru. Hojiisaanii wajjin walqabatee koree olompikii biyyoolessaatiin leenjiiwwan kennaman hordofuu, akkasumas yaa’iiwwan adda addaarratti argamuuf carraa baay’ee argataniiru.

Akka ibsasaaniitti, koreewwan olompikii biyyaalessaa kan hundaa’an waldaalee mana maree ispoortiitiin yoo ta’u, beekamtiin kan kennamuuf ispoorticha olaantummaadhaan kan dursu qaama Mootummaa (Miinsteera Aadaafi Ispoortii Federaalaa)ti.

Qaamni kunis akkaataa taayitaan labsiidhaan waldaalee ispoortii biyyaalessaaf kennan ni galmeessa, beekamtiifi eeyyamas nikennaaf. Kanaafuu Koreen Olompikii Itoophiyaas akkuma waldaaleewwan ispoortii biroo (Federeeshinoota) adeemsasaa hordofuuf kan gurmaa’eedha.

Kana booddee ammoo chaartarii koree olompikii biyyaalessaa waliin ta’uun hojiisaa hojjeta.

Kana malees Olompikiin sadarkaa biyyaatti akka babal’atu, Seera olompikii danbii keessatti akka hammatamu, koree keessatti qaamni miseensa ta’u eenyu fa’i? kan geeddaraman hoo, kkf hojiiwwan gaafatan hordofuutu isarraa eegama jedhu.

Bu’uura kanaan Koreen Olompikii biyyaaleessaa seera dhaabbataa biyyoolessaa qabaatus olaantummaadhaan garuu seera ispoortii biyyaaleessaa hammataatiin durfama jedhu yoo ibsan.

Waldaaleen ispoortii waggaa afur afuriin kan haaromfaman yoo ta’u, seeraafi danbii kanneen hinkabajne ammoo qaamni mootummaa alseerummaa qaqqabaa jiru kana dhaabuu akka danda’u seerri eeyyamaafii jedhu.

Ammaan tana koree olompikii biyyaaleessaa Itoophiyaatiin taasifamaa kan jiru qaamni mootummaa obsaan dabarsaa waan jiruuf akka fedhan ta’aa misooma ispoortii biyyattii quucarsaa jiraachuu akka komiitti kaasu.

Seerri Chaartarii koree biyyaaleessaa akka tumametti koree Olompikii biyyaaleessaa keessatti hogganaan mootummaa hojii raawwachiiftuu ta’ee hin ramadamu jedha. Akka seera Itoophiyaatti koreen hojii raawwachiiftuu waldaalee Amaataroota waan ta’aniif hoggantoota federeeshinootaa ta’uu danda’u jedha.

Haata’u malee koreen olompikii biyyooleessaa abbootiin taayitaa mootummaa (kanneen mootummaadhaan mudaman), akkasumas qaamoleen ummataan filataman koree hojii raawwachiiftuu keessatti hammatamuu akka dhorku obbo Taammiraat kan ibsan.

Haalli kun qajeelcha waldaalee ispoortii Itoophiyaa jalatti hojiirra yoo oole koreen hojii raawachiiftuu olompikii Itoophiyaa akkuma federeeshinoota biroo gaaddisa seeraa kana jalatti buluunsaanii dirqama.

Waldhabdeen mudataa jiru kun misooma ispoortii olompikii kan miidhu beekamtii biyyi keenya atileetiksiin qabdu kan hubu waan ta’eef laayyootti ilaalamuu akka hinqabne yoo dhaamu ispoortiin Itoophiyaa walxaxaa keessaa bahee seenaqabeessummaasaatti deebi’uu mala ergaa jedhus dabarsaniiru.

Qaamni dhimmisaa ilaallatus xiyyeeffannoo laatee irratti yoo hojjeteen alatti iftaaniifis hudhaa ta’ee ittifufuunsaa waan oolu miti.

Ammaan tana hojiirra kan jiru koreen olompikii Itoophiyaa kana qofaa miti Seera Chaartarii olompikii cabsuudhaan yakka baay’ee hojjechaa akka jiru kan tuqan Obbo Taammiraat, dhaabbileen sakatta’iinsi taasifamee furamuu akka maluudha kan kaasan.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 25 Bara 2016

Recommended For You