– Milkaa’inichi ulaa galaanaa argachuufis daandii saaqa
Finfinnee: Milkaa’inni hidha laga Abbayyaarratti galmaa’aa jiru magaalota sochoosuudhaan karoora biyyaa kaanis galmaan ga’uu keessatti shoora olaanaa qaba jechuun Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo ibsan.
Ministirri duraanii Bishaaniifi Inarjii Ambaasaaddar Shifarraa jaarsoo ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan bu’aa ba’ii guddaa keessa darbuun tarbaayinooti sadaffaafi afraffaa xumuramanii waan hojii eegalaniif Itoophiyaanota hundaaf gammachuu guddaadha. Anis akka nama dhimma hidhichaa jalqabarraa kaasee beekuutti mikaa’ina galmaa’etti gammadeera jedhan.
Akka ibsasaanitti, biyyi tokko guddachuuf qabeenya bishaan qabdu to’achuu qabdi. Qabeenya bishaan qabdu to’achuun annisaa elektirikii maddisiisuun magaalonni socho’uudhaan karoora akka biyyaatti karoorfame nimilkeessu. Anniisaan maddisiifamu guddina magaalotaa si’eessuun ce’umsa gara industiriitti taasifamu milkeessa.
Itoophiyaan wayita ijaarsa hidha Abbayyaa eegaltu bishaantu nuduraa hir’ata jechuun gungummii baay’een tureera. Ta’us obsaafi kutannoo hoggansa biyyattiifi hirmaannaa cimaa ummanni Itoophiyaa taasisaniin sadarkaa tarbaayinooti sadaffaafi afraffaan anniisaa maddisiisuurra ga’ameera.
Milkaa’inni amma galmaa’aa jiru qaamolee kaleessa bishaantu nutti hir’ata jechaa turaniif deebii ga’aa ta’uun dippilomaasii biyyoota yaa’aa laga Abbayyaa gara oliifi gadii cimsa jedhan.
Guddina dinagdee gara ulaa galaanaa fayyadamuutti geessuufis daandii saaqa. Guddinni siyaasdinagdee Itoophiyaa hidha laga Abbayyaatiin walqabatee dhufu barbaadamummaa Itoophiyaa ulaa galaanaa fayyadamuuf qabdu akka guddatu taasisa. Kiikoo dippilomaasii guddaas qaba jedhan.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmadis wayita tarbaayinoonni sadaffaafi afraffaa hojii eegalchiisanitti, yuunitoonni ijaarsa hidha Abbayyaa haaluma karoorfameen raawwataa jira. Guyyaan biyyoota yaa’a laga Abbayyaa gadii ilaalchisees misraachoon dhaga’ameera baga gammadan jedhan.
Hojiin hojjetames yaa’i laga Abbayyaa utuu hingufatin yaa’aa bishaanii to’achuudhaan yaaddoo balaa hir’isa. Biyyooti yaa’aa gadii bishaan hammisaa hinjijjiiramne akka argatan taasisa. Bishaan hammisaa madaalamee gadhiifamus hojii qonnaa fooyyessuufi anniisaa elektirikii maddisiisuuf akkasumas, ittifayyadama qabeenya naannawichaa wayyeessuuf haalaan gargaara jedhan.
Ummata milkaa’ina hojii hidhichaa keessatti hirmaate taasise galateeffachuun biyyoota fayyadamoo hidha Abbayyaa ta’aniinis baga gammaddan jedhaniiru.
Gammachuu Kadiririin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 25 Bara 2016