Marii biyyaalessaarratti hunduu hirmaannaasaa cimsuu qaba

Finfinnee: Mariin biyyaalessaa rakkoo biyyaalessaaf furmaata waaraa qabatee kan dhufe boqonnaa seenaa qabeessa waan ta’eef hunduu hirmaannaasaa cimsuu qaba jedhan Komishinarri Marii Biyyaalessaa Ambaasaaddar Mahaammud Diriir.

Komishiinichi sagantaa ajandaa walittiqabuu magaalaa Hawaasaatti geggeessaa kan jiru yoo ta’u, sirnicharratti kan argaman Ambaasaaddar Mahaamnud ‘’Waltajjiin mariin biyyaaleessaa boqonnaa seenaa waan ta’eef kan nu darbuu hinqabneedha’’ jedhan.

Garaagarummaan sababa adda addummaa yaadaatiin uumaman akkasumas rakkoowwan walitti bu’insaa hedduun mari’achuun furamuu qabu jedhaniiru.

Hanga ammaatti sagantaan ajandaa marii walittiqabuu naannoleefi bulchiinsa adda addaatti taasifame milkaa’aa ture jedhaniiru.

Waltajjicharratti kutaaleen hawaasaafi qaamoleen dhimmichi ilaallatu kuma tokkoofi 800 ol hirmaachaa jiraachuun ibsameera.

Waltajjiin ajandaa walitti qabuu naannichatti gaggeeffamu kunis guyyoota Roobiirraa kaasee guyyoota torbaaf akka turu eerameera.

Waltajjiin marii ajandaa walittiqabuu kun Naannoo Itoophiyaa Jiddugaleessaatti har’a, Hagayya 25 bara 2016 kan eegalamu ta’uu Komishinarri Komishinichaa Doktar Yoonaas Addaayee ibsa kaleessa Magaalaa Hoosaa’inaatti kennaniin eeruusaanii odeeffannoon kimishinicharraa argame ni ibsa.

Rippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 25 Bara 2016

Recommended For You