Ummanni Shawaa Kaabaa tibbana naannoleefi magaalota adda addaatti ba’uun rakkoo nageenyaa keessa jiru duudhaa aadaatiin dirreetti bahee ibsateera.
Qotee dilbeessuu, kan beela’e nyaachisuu, keessummaa garaagarummaa tokko malee aannan obaasee simachuu kan beeku ummatni Shawaa Kaabaa rakkoo nageenyaa isa mudateen qe’eensaa onee xinnaafi guddaansaa gidirfamee rakkinichi humnasaatii ol taanaan nagayaa labsuuf dirreetti bahe.
Hayyuun Gadaa Tuulamaa Caalaa Soorii waamicha nageenyaa ummatni godinichaa dirreetti bahee taasisaa jiru kana ilaalchisee yaada Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, hawaasichi akkaataa duudhaa sirna Gadaatiin bahee nagaya lallabachaa jira. Ummatichi ijoolleesaa waanjoodhaan camadee farda luugamaan qabee, durba buqqee duudaa baachisee kallachaafi caaccuu qabatee manaa bahee waamicha nageenyaa taasisaa jira.
Yoo barri hammaate, yoo hongeen cime, yoo dhukkubni hammaate, yoo waraanni cimee akkaataa ummatichi itti bahe kanaan ba’ama. Rakkoo nageenyaa mudate yoo mariidhaan furan malee dhumaatii lammiilee kanneenii hambisuun hindanda’amu.
Waraana keessatti eenyu maal akka hojjechaa jiru beekuun dadhabamee daa’imman, dardarran, dubartootniifi maanguddootni du’aas gidirfamaas jiru. Waraanicha sababeeffachuun saamichi, dhiittaan mirga dhala namaa, hammeenyi gara jabinaan guutame babal’achaa jira. Hayyoota baay’ees of biraa dhabaa jirra jedhu.
Namni manaa bahee hojjetachuu waan hindandeenyeef beellis hammaachaa jira, lafti qotamee omisha kennuu danda’us humni omishuu danda’u waan buqqa’aa jiruuf iddoon midhaan biqilchu lafa ba’ee muujjaan irratti margaa jira.
Akkuma Oromoon, “Reeffa firaa sagal garagalchu” jedhee mammaaku ammas carraan jiru araara qofa waan ta’eef araarri akka taasifamuuf ummatni Oromoo guutuunis ta’e, qaamotni araara mootummaafi qaamolee hidhatan araarsuu keessatti qooda qaban nuffii tokko malee tattaaffiin kanaan dura marsaawwan garagaraatiin jalqabamee ture akka ittifufuuf hojjechuu qabu.
“Yaa Rabbi Araara” jedhee kan weellise weellisaan abbaa sagalee kiilolee Weellisaa Dajanee Jaalataas, gaafa nagaa qaban gatiin nageenyaa hagam akka ta’e namaa hingalu, Salaaleetti nageenyi dhabamnaan namni du’e awwaala dhabe, ba’ees galuu dadhabe, qonnaan bulaan omishee gabaaf dhiyeessaa ture har’a lubbuu ofii oolfachuuf jecha qe’eesaa, lafa itti handhuura buqqifate gadhiisee kabajasaas gatee jireenya hawaasummaasaarraas gargar bahee namatti maxxanee jiraachuuf dirqame.
Godinichatti lubbuun namaa rakasee; namni akka hoolaatti qalamaa, osuma lubbuun keessa jirus abiddaan gubachaa qabeenyisaas gubachaafi saamamaa waan jiruuf akka sangaatti daa’imasaa camadee waaqatti boo’uuf manaa bahe. Waaqa qofa osoo hintaane qaamotni dhimmichi ilaallatu xiyyeeffannoo akka kennaniif ergaa dabarfachuuf hiriire.
Ilmaan abbaa tokkoo yoo waldhaban Oromoon duudhaasaa ganamaatiin akka ittifuru waan qabuuf rakkinicha furuuf duudhaa Oromummaa ganamaatti deebi’uun dhimma filmaata hinqabneedha.
Oromoon dhugaan ilmoo Waaqaati jedhee waan amanuuf araarri dhugaarratti hundaa’e taasifamuu qaba. Qaamolee seeraan ala hidhatanii Oromiyaa keessa socho’uun ummaticharratti gidiraa agarsiisaa jiranirrattis tarkaanfii keessa deebii hinqabne fudhachuun dachee Oromiyaa dachee nagayaa gochuun daran murteessaadha. Iyyannaan lammiilee Shawaa Kaabaas dhageettii argachuu qaba.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 25 Bara 2016