Itoophiyaan qabxii beektotaan dhabde dargaggootaan milkeeffataa jirti

Finfinnee: Waggaa lamatti al tokko biyyoota adda addaatti kan gaggeeffamu shaampiyoonaan atileetiksii dargaggoota Addunyaa umrii 20 gadii kan baranaa magaalaa guddoo Peeruu, Liimaatti Kibxata darberraa kaasee adeemsifamaa ture har’a xumurama.

Dargaggoonni addunyaa biyyoota 134 irraa babbahan kumni tokkoofi 720n hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, dorgommiiwwan hanga ammaatti adeemsifamanitti Itoophiyaan dubartootaan fiigicha meetira kuma shaniin Madiinaa Iisaatiin, kuma sadiin ammoo Siimboo Alammaayootiin meedaaliyaawwan warqii, akkasumas fiigicha kuma shanii dubaraan Maqdas Alamisheetiin, dhiiraan Abdiisaa Fayyisaatiin meedaaliyaa meetii argateetti.

Atileet Siimboon dorgommicha daqiiqaa 9:12.71tti raawwachuun riikardii addunyaa fooyyeessiteetti. Madiinaa Iisaas daqiiqaa 14:39.71 raawwachuudhaan riikardii bakkichaa fooyyessiteetti. Shaampiyoonichaan Itoophiyaan meedaaliyaawwan warqii lamaafi meetii lamaan gabatee meedaaliyaa hanga kaleessaatti dursaa jirti.

Qabxiinsaanii nuu dhaqqabuu baatus kaleessa dorgommiin suksuka dhiiraa meetira kuma kudhanii dubartootaa Hiywot Ambaawuufi atileet Birihaan Muluu hirmaachisee adeemsifameera.

Fiigichi meetira 800 dhiiraan Jeneraal Birhaanuu, dubaraan Asteer Areerii, meetira kuma sadii dubaraan Allashiny Baawwaqaafi Maartaa Alammaayoo hirmaataniiru.

Itoophiyaa olompikii Tokiyoo 33ffaa dhiheenya kana Paariisitti adeemsifametti meedaaliyaa warqii takkaafi meetii sadiin qofa argachuunshii kan yaadatamuudha. Kanaanis dorgommiiwwan hanga kaleessaatti adeemsifamaniin meedaaliyaawwan Olompikii Paariisirratti dhabde shaampiyoonii kanaan milkeeffachaa jirti.

Itoophiyaan shaampiyoonaa 19ffaa waggaa lama dura Kolombiyaatti adeemsifametti meedaaliyaawwan warqii jaha, meetii shaniifi nahaasa tokko dimshaashumatti meedaaliyaa 12n Afrikaarraa sadarkaa tokkoffaa, addunyaarraa ammoo sadaffaa ta’uunshii niyaadatama.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 25 Bara 2016

Recommended For You