Irreecha 2017/2024 hawaasa diyaaspooraa waliin

Biyyi keenya yeroowwan adda addaatti dhalattootashii biyyoota alaa jiraaniif taateewwaniifi ayyaanota adda addaa da’eeffachuun waamichawwan gara garaa taasisaa turteetti.

Waggaa lama durallee mataduree, “Namoota miliyoona tokko gara biyyaatti” jedhuun Itoophiyaanonniifi michuuwwan Itoophiyaa guutuu addunyaatti argaman akkasumas dhaloonni lammaffaan akka gara biyyaa dhufaniif Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (‘PhD’) waamichi dhiyaateera.

Barana ammoo Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaas diyaaspooraa Oromootiif waamicha, “Irreecha 2024f gara biyya abbaa keessanii koottaa” jedhu dabarsaniiru.

Jalabultii kabaja ayyaana Irreechaa bara 2017 (ALA bara 2024) kanatti, obboloota keenya biyya alaa jirtan hundaaf gara biyya keessaniitti deebitanii ayyaanicha akka nuwaliin dabarsitan affeerraa onneerraa madde isinii dhiheessuun barbaada jedhan.

Irreechi eenyummaafi achii-dhuftee keenya. Irreechi hafuura socho’aa ummata Oromoo waggoota kumaatamaa ofkeessaa qaba. Hambaan seenaafi duudhaan badhaadhe kun, addunyaa kanarra eessayyuu yoo jiraanne, hidda dhiigaa keenya keessaa kan naanna’uudha.

Sirni ayyaanichaa, araara arganneef, galata uumaa keenya Waaqaaf, akkasumas marartoo waliif qabnu ibsachuuf, xurree abbootii keenyaa argachuufi hidhata cimaa dachee nubaattu waliin qabnu haaromfachuuf carraa nuu kenna.

Mirgi kabaja ayyaana Irreechaa ummata keenyaa jaarraa tokkoo oliif sarbamee turuun seenaa kaleessaati. Sirnoonni darban duudhaa kana moggeessuuf ittiduulaniiru; hidhata ummanni keenya ittiin qabu kutuufis hojjetaniiru. Ta’us abbootiin keenya hinjilbeeffanne.

Wareegama hinleeyyamfamneefi qabsoo baroota dheeraatiin badiirraa oolchaniiru. Adeemsi kun, jabina, dandamannaafi kutannoo hinreeqqifne ummanni Oromoo hambaa aadaasaa tiksuufi kunuunsuuf qabuuf, ragaa yoomiyyuu hindhokanne ta’ee dhaabata.

Kurnee lama dura yaa’ii lakkoofsa namoota xiqqaan, Hora Harsadiitti irradeebiin kan jalqabame Irreechi, har’a feestivaala damboobaa ta’eera. Waggaa shanii as ammoo, Irreechi Hora Finfinnee haaromee, magaalaa guddoofi handhuura Oromiyaa, Finfinneetti kabajamuun madda gammachuufi milkii miliyoonotaa ta’aa jira.

Har’a Irreechi duudhaa yaadatamu qofa osoo hintaane, hambaa kiliyaafi taatee addaa muuziqaa, faarfannaa, hurrisaafi miira tokkummaa cimaa ta’een jiraatamuudha. Akkasumas, gara ayyaana guyyaa galateeffannaa biyyoolessaafi kaarniivaala gammachiisaa namni kamuu keessaafi alaa waloon irratti hirmaatuufi jaalalaan itti walaffeerutti ce’eera.

Golee Itoophiyaa hundarraa, namoonni hedduun Irreecha ulfeessuuf, eebbasaarraa hirmaachuuf, akkasumas ulfina hinsheeyinofne kanarratti ummata keenya walalchuuf tokkummaan argamaa jiru. Irreechi maddasaa ummata Oromoo bira darbee, sabootaaf mallattoo abdii, ofkaltiifi araaraa ta’eera.

Irreechi daangaa Oromiyaafi Itoophiyaa qaxxaamuruun bara darbe, obboloonni keenya Oromoo biyya Keeniyaa, daangaa idil-addunyaa ce’uun nuwaliin hirmaachuun gamtummaa cimaa qaban nuu ibsaniiru.

Barana ammoo Oromoon addunyaa mara irra jiru ayyaanichaaf fuulasaa gara lafa eenyummaasaatti akka deebifatu abdanna. Irreechi ummata Oromootiif faajjii tokkummaa daangaa siyaasaa, bakka jireenyaa, amantaafi ilaalcha siyaasaa caalu ta’eera.

Kanaaf Oromoon daangaa addunyaa maratti argamtan Irreechi isiniin guutuu ta’a; malkaan isiniin miidhagaa waan ta’eef koottaa! Nuti gama keenyan, fuula ifaafi miira obbolummaatiin, biyya abbaa keessaniitti isin simachuufi isin keessummeessuuf qophiidhaa.

BARIISAA SANBATAA Hagayya 25 Bara 2016

Recommended For You