Rakkoo ilaalchaa talaallii dhibeewwan garagaraaf kennamurra tureen talaallii fudhachuu dhabuun haadholiifi daa’imman lubbuunsaanii sadarkaa addunyaatti darbaa ture olaanaadha.
Gara Afrikaatti deebinee yoo ilaallus sababoota gara garaa saayinsiirraa fagoo ta’aniin walqabsiisuun talaallii fudhachuu dhabuun walqabatee dhumaatiin haadholiifi daa’immanirra qaqqabaa ture hammaataadha.
Dhibeewwan weeraraan walqabatan gara garaaf dursanii talaallii yoo fudhataniin ala miidhaan qaqqabu hammaataa waan ta’eef ammallee hojii hubannoo uumuu miidiyaaleen (humnoonni qilleensaa) taasisan cimuun akka irra jiraatu Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Daarektarri Fayyaa Haadholiifi Daa’immanii ibsaniiru.
Kanaan dura hubannaa dhabuun walqabatee talaalliiwwan garagaraa kennamuuf eeyyamamee kan fudhatu muraasa ta’uus kaasanii; du’aatii haadholiifi daa’immaniif sababa ijoo ta’uu ibsu. Bara 1974 talaalliin tokko jedhee eegalamuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (‘WHO’)n yoo ibsamu hojiirra ooluusaatiin walqabatee du’aatiin haadholiifi daa’immanii akkaan hir’isuu akka jalqabedha ragaaleen qorannoo kan agarsiisan.
Akka ibsa ragaalee qorannoo kanneeniitti talaalliin jalqabamuusaatiin walqabatee akka addunyaatti duuti namoota miliyoona 154 irratti qaqqabuu danda’u akka hafu ta’ee jira.
Sadarkaa addunyaatti fudhannee yoo ilaalle waan talaalliin kennamuu eegaleef duuti daa’immanii dhibbantaa 40n kan hir’ate yoo ta’u, sadarkaa Afrikaatti ammoo dhibbantaa 52n gadi bu’uu danda’eera.
Kanaan dura dhimmi talaallii dursanii fudhachuu du’a baraaruu danda’a jedhamee karaa ogeeyyi fayyaafi miidiyaalee haa labsamu malee rakkoo ilaalchaa turerraa kan ka’e dhimmamanii fudhachuunis ta’e talaalamuun daran gadaanaadha.
Har’as fudhannee yoo ilaallee dhibeewwan haadholiifi daa’imman gaaga’uu danda’an battalaan maqsuuf talaalliin akka kennamu ta’us kaka’umsi jiru keessumaa amantaan, ilaalcha boodatti hafaan walqabatee gadi bu’aan ni mul’ata.
Kunimmoo osoo talaalamanii fayyauun danda’amuu rakkoo ilaalchaafi hubannoo uumamuun duuti akka qaqqabu taasisaa jira.
Hudhaan kun gorsa ogeessota fayyaafi humnoota qilleensaan deeggaramuun hubannoon yoo uumameen alatti gaaga’amni mudatu nihir’ata jechuun hindanda’amu.
Haati tokko lubbuu laachuuf lubbuu dhabuun, daa’imni dhalatee fayyaalessummaansaa sirriitti mirkanaa’ee abdii egeree biyyaa ta’uu osoo maluu karaatti cituun maatiis ta’e biyya keenya gatii hinmalle kaffalchiisuu danda’a.
Kanaafuu, dhaloota fayyaa qabu omishawaa egeree biyyaaf wabii ta’uu danda’u horachuuf dhibee dursinee ittisuun barbaachisaadha kan jedhan Obbo Abbabaan, humnoonni qilleensaa qooda isaanirraa eegamu bahachuun barbaachisaa ta’uu dubbatu.
Talaallii dhibee Koronaaf kennamaa ture akka fakkeenyaatti yoo fudhanne bakkawwan tokko tokkotti rakkoo hubannaarraa kan ka’e namoonni fudhachuuf eeyyamamoo hinturre. Sababiinsaas hubannaa dhabuurraa kan ka’e harkifannaan ture xiqqaa miti.
Lammiileen miiliyoonaan lakkaa’aman sadarkaa addunyaatti dhibee Koronaan dhuman kunniin talaallii dursanii osoo argataniiru ta’e hedduunsaanii baraaramuu akka danda’an eenyumaafuu ifa.
Haata’u garuu rakkoon ilaalchaa talaalliin walqabatee Afrikaa keessa jiru ammallee kan hincabne waan ta’eef du’aatii haadholiifi daa’immanii akkaataa barbaadameen to’achuurratti hanqinni jira.
Hanqina rakkoo ilaalchaa gama kanaan jiru maqsuuf miidiyaaleen irratti hojjechuun barbaachisaadha kan jedhan Obbo Abbabaan, hawaasnis gorsaafi hubannoo kennamu dhaga’uun lammii fayyaqabeessa omishawaa ta’e akka horannuuf tumsuun akka irra jiraatu eeru.
Akka ragaan qorannoo bara 2020 hojjetame agarsiisutti sadarkaa addunyaatti haadholiin 287,000 ulfaafi da’umsaan walqabatee lubbuusaanii dhabuu mul’isa.
Achi keessaa dhibbantaan 87 Eeshiyaa, Afrikaafi biyyoota Sahaaraa keessatti kan mudatu yoo ta’u, Sadarkaa Afrikaa keessumaa biyyoota sahaaraa keessatti duuti haadholii ulfaafi da’umsaan walqabatee mudatu dhibbantaa 70 (202,000) ta’uu ragaan qorannoo fayyaa haadholii 2020 hojjetame ni agarsiisa.
Haadholiin maaliif du’u isa jedhu wayita ilaallu ragaaleen akka ibsanitti dhiiga humnaa olii da’umsa booda mudatuun, infeekshinii uumamuun, dhiibbaa dhiigaa yeroo ulfaa qaqqabuun, da’umsarratti of eeggannoo taasifamuu qabu dhabuun mana yaalaa alatti yaalii da’umsaa tasifamuun, garaarraa baasuuf yaalii taasifamuufi Aneemiyaa hanqina dhiigaan walqabata jedha ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa arganne.
Haadholiin utubaa manaa ta’an mana keessa dhibuun abbaa manaafis ilmaaniifis caba xinsammuu guddaa yoo ta’u egeree jiruuf jireenya maatiifi biyyaarratti miidhaa waan fiduuf du’aatii haadholiifi daa’immanii bor wanii biyyaa ta’an maqsuuf gorsa ogeeyyota fayyaatiin ala duulli humnoota qilleensaa murteessaa waan ta’eef xiyyeeffannoon kennamuu qaba.
Dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennuu dhabuun akka sabaattis akka biyyaatti gatii guddaa nukaffalchiisuu akka danda’u ragaaleen qorannoo kan ibsan yoota’u, miidhamni haadholiifi daa’immanii miidhama keenya ta’uu hubannee irratti hojjechuun baarbaachisaadha.
Yeroo ammaatti du’a mudachuu danda’urraa haadholiifi daa’imman baraaruuf hubannoon talaalliif qabnu fooyya’uun irra jiraata kan jedhu yoo ta’u qorannoon kun xiyyeeffannoon yoo hinlaatamne miidhaan haadholiifi daa’immanirratti qaqqabu gatii kan nukaffalchiisu ta’uu hubatamuu qaba.
Haadholiifi daa’imman fayyabuleessa horachuuf ilaalchi talaalliif qabnu jijjiiramuu qaba. Kanamalees hordoffiin mana yaalaa dhaqanii ilaalamuu haadholii dabaluu qaba, wayita da’umsaa mana yaalaatti da’uun barbaachisaadha, karoora maatiitti fayyadamuun murteessaadha, seeraan ala ulfa garaarraa baasuuf yaaliin taasifamu du’a qaqqabsiisuu akka danda’u dagatamuu hinqabu.
Kanamalees du’a gama kanaan qaqqabuun miidhaan hawaasummaa, dinagdeefi kan biroo mudachuu waan danda’uuf gamanumaa du’aatii haadholiifi daa’immaniirratti hojjechuun barbaachisaadha.
Hawaasa fayya buleessa oomishawaa ta’e horachuuf fayyaa haadholiifi daa’immaniirratti hojjechuun murteessaa waan ta’eef hojii hubannoo uumuu miidiyaaleen taasisan yoomiyyuu caalaa cimuun irra jiraata.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 25 Bara 2016