“Bakka gataa kosii fuduraan misoomsuun ji’aan hanga qarshii kuma16 argachaan jira” – Dargaggoo Doolaar Hadii

Dargaggoonni keenya hojii barbaacha keessaa bahanii aadaa hojii uummachuu akka gabbifatan mootummaadhaan gorfamanis kanneen dhagahanii seeraan hojiirra oolchan badhaadhinatti akkuma ce’an warreen didanii akkasumaan yeroosaanii barbaacha hojiin gubaa jiran ammoo ammallee eeggattummaa jala jiru.

Haata’u garuu dargaggoonni miira kutannaan guutamaniifi eeggattummaarratti hadheeffatanii qabsaa’an ilaalcha hindanda’amuu ni danda’amaatti jijjiiruun ofirra darbanii seenaa hojjechaa jiru.

Dargaggoo Doolaar Hadii jiraataa Magaalaa Matahaaraa, Ganda 01ti. Kanaan dura mana suphaa mobaayilii banatee of jiraachisaa kan ture yoo ta’u, duubarra kallattii qabsoo jireenyaasaa gara misooma fuduraaleetti jijjiiruuf onnatee ka’uu kaasa.

Haaluma kanaan misooma fuduraa kana eessatti yoon eegale fayyadamaan ta’a isa jedhu erga itti yaadee booda bakka gataa kosii magaalattii xureessaa ture misoomsuuf karoorfatee kantiibaa magaalichaa gaafachuu hima.

Bu’uuruma kanaan kantiibaan magaalattii Obbo Addisuu Waaqoo gaaffii misoomawaa dargaggoo kanaa simachuun wiirtuu walakkaa magaalaatti waggoota dheeraaf balfi itti gatamee ciincaansaa hawaasa dhibeef saaxilaa ture eeyyamuufiin akka misoomsu isa taasisuu dargaggoo Doolaar nidubbata.

Haaluma kanaan tuullaa kosii sana humna itti bitee bittinsee diiguun balfa achirra ture gara kompostiitti jijjiiruun misooma fuduraaf mijataa taasiseera. Duubarra ogeessota misooma qonnaan waliin lafichi maal baasuu akka danda’u erga mari’atee mul’ata qabatee ka’e milkeessuuf kutannaan hojiitti seenuu danda’eera.

Yeroo inni tuullaa kosii kana diiguu jalqabu namoonniifi dargaggoonni hedduu maaf akkasumaan dhama’a jechaa turaniiru. Ilaalcha laamshessaa namootaaf gurra kan hinkennine dargaggoon kun, bishaan galchachuun kanamalees poondii kuusaa bishaanii achuma keessatti qopheessuun laficha qotee misooma fuduraa gara garaa jalqabuu kaasa.

Gorsa ogeessota misooma qonnaa kanaan deeggaramee misoomaalee fuduraa kan akka Avokaadoo, Paappaayaa, Aalaa, Maangoo, Loomii, Mimmixa, poondicha keessattimmoo qurxummiis misoomsuun wiirtuu tuullaa kosii ture magariisa uwwisuun bakka dur naamni funyaan qabatee irraa dheessu amma eessaan seennee keessa boqonna jechisiisuu danda’eera.

Bakki Dargaggoo Doolaar misoomsee fuduraalee magariisaan uwwise kun yeroo dheeraaf balfaan irra tuulamee miidhagina magaalattii balleessuun olitti jiraattota dhibee garagaraaf saaxilaa turuu hima.

Wiirtuu namni funyaan qabatee bira darbaa ture kana misoomsuun giddugala aaragalfii fagootti qalbii namaa hawwatu taasisuun magaalattiifillee simboo ta’ee akka mul’atu taasiseera.

Matahaaraan sulula gammoojjii daran ho’aan beekamtu yoo ta’u, fuduraafi muduraafillee daran mijooftuu ta’uu isheerraa kan ka’e mul’ata Dargaggoo Doolaar tuullaa kosii misooma fuduraatti jijjiiruuf qabatee ka’e kana tole jettee fudhachuun kan irraa dheessamu osoo hintaane kan itti dheessamu taatee jirti.

Milkaa’inasaa kanaaf jalqaba kutannoo, lammata gorsaafi deeggarsa mootummaa hirmaannaa ogummaa ogeessota qonnaan ija akka godhatu kan ta’e misoomni fuduraa kun ammaan tana Dargaggoo Doolaariif madda galii, wiirtuu miidhaginaa kanamalees isarra darbee dargaggoota biroofillee carraa hojii kan uumu ta’eera.

Fuduraaleen misoomuun wiirtuun tuullaa kosii kun qilleensa naannawaa faalamaa ture waaltessuu keessatti shoora olaanaa kan qabu yoo ta’u namoonni bakkicharraa fuduraa bitachuu dhufan marti tajaajila bittaa gurgurtaa argatan caalaa qilleensa wiirtuusanaatti daran gammadoodha.

Namoonni fuduraalee gara garaa bitachuu garas dhufan tokko tokko wayita isaan dubbisnus wiirtuun kun yeroo dheeraaf tuullaa kosiin guutamee aja’aan kosii kun daandiirra kan nama hindabarsine akka ture kaasu.

Bakka kana misoomsuuf yeroo dargaggoon kun fudhatu namoonni hedduun maal argachuuf kosii haadha jechaa turan amma garuu kosii haadhaa ture sana misoomsuun galiitti jijjiiree ofirra darbee gabaa tasgabbeessaa jiraachuu ragaa bahuuf.

Dargaggoo Doolaar misooma fuduraalee akka Paappaayaa, Avokaadoo, Aalaa, Giishxaa, Burtukaana, Mimmixafaa omishuun ji’aan hanga qarshii kuma 16 argataa jira.

Misooma fuduraalee kana cinatti poondii horsiisa qurxummii kanamalees horsiisa lukkuus kan eegale yoo ta’u ooyiruu tokkorratti gosoota fuduraa gara garaa oomishuun galiisaa dachaan fooyyessuuf kutannaan hojjetaa jira.

Miirri kutannoo jiraannaan kan hindanda’amne nidanda’ama kan jedhu dargaggoon kun, osoo dacheefi qilleensa naannawaa mijataa, bishaan gahaa qabanii beela’uufi eeggattummaa jalatti kufuun masluufummaa ta’uu eera.

Mul’ata isa keessa buleen suphaa moobaayilii cinatti misooma fuduraa jalqabe kanaan milkaa’ina gaariirra kan jiru dargaggoon kun, jalqabbiinsaa jajjabeessaa ta’uu arguusaan dargaggoonni biroos hojii barbaaduurraa gara hojii uummachuutti akka fuulleffatan gorsa.

Aadaan hojii keenyaa booddeetti hafaa fi kan ammallee irra deebiin xiinxalamuu qabudha jedhee, eebbifamtoonni kan barataniin qofa hojii barbaacha jooruun umriis yeroos kan isaan jalaa fixu deega kan isaan nyaachisu waan ta’eef lafa xiqqoo qabanirratti hojii dhuunfaasaanii banachuu akka qaban yoo kaasu, kanaafis haalli qilleensa naannawaa mijataa ta’uullee dubbata.

Tarkaanfii dargaggoon kun fudhatee jijjiirama addaa agarsiise dargaggoota biroofi kutaalee hawaasaa gara garaa kan onnachiise yoo ta’u, fakkeenyummaansaa namoonni biroollee akka of jijjiiran kan taasiseedha.

Jalqabbiisaa bu’uura godhachuun wiirtuu tuullaa kosii qulleessuun fuduraalee gara garaa misoomsuun Matahaaraa keessatti aadeeffatamuu kan jalqabe yoo ta’u, namoonni hedduun lafa xiqqoo qabanirrattillee fayyadamoo ta’aa jiru.

Yeroo ammaa rakkoo ilaalchaa dargaggoonni hojii uummachuurratti qaban ammallee kan hincabne yoo ta’u, mindeeffamanii hojjechuu caalaa dinagdee namaa kan cimsu hojii dhuunfaa ofii uummachuudha .

Kanaafis amantaa dargaggoonni qaban kan fooyya’uu danda’u hojiin hubannoo uumuu irra deddeebbiin yoo hojjetamedha kan jedhu Dargaggoo Doolaar, inni gamasaan suphaa moobaayilii cinatti dabalataan misooma fuduraa eegale kanaan fayyadamaa ta’uu danda’uu ibsa.

Yeroo aammaattis hojiisaa dachaan babal’isuun gorsaafi deeggarsa mootummaan taasisaa jiruun deeggaramee dinagdeesaa cimsachuu kanamalees ofirra darbee dargaggoota biroofillee carraa hojii banuuf qophaa’ee jira.

Misooma qurxummiifi lukkuu amma ooyruu fuduraaleesaa keessatti eegale kanaan daran akka milkaa’u beekee gamanumaa kutannaan hojjetaa kan jiru yoo ta’u akka magaalichaatti dargaggoota dinagdeen humneessuuf sochiin jiru jajjabeessaafi muuxannoonsaallee kan dhaalamuu qabu ta’ee tajaajilaa jira.

Akka magaalaa Matahaaraatti Haroon Basaqaa dur akka abaarsaatti ilaalamu har’a dargaggoota hedduuf madda biddeen guyyuu ta’ee tajaajilaa jira.

Kun kutannaa dargaggoota dinagdeen humneessuuf kantiibaan magaalattii obbo Addisuu Waaqoo qabatanii ka’aniifi milkaa’inni gaarii itti argamaa jiru waan ta’eef dargaggoonnis cimanii hojjechuu akka qaban kaasa.

Inisheetiivii misooma fuduraafi muduraa mootummaan lafa xiqqoorratti akka babal’atuuf kallattii kaa’ee hojiitti seene dargaggoota muraasaan eegalamee amma babal’achuun eeggattummaan seenaa akka ta’u taasisaa jiraachuullee kan kaase Dargaggoo Doolaar, innis gamasaatiin fayyadamaa waan jiruuf hunduu of kennee hojjechuu akka qabu dhaama.

Hojii inni hojjete dinagdeesaa humneessuurra darbee qaala’insa gatii gabaa tasgabbeessuu keessatti jijjiirama argamsiisaa kan jiru yoo ta’u, misoomni inisheetiiviiwwan akkanaa babal’achuun nama dhuunfaafis biyyaafis bu’aa guddaa kan buusuudha.

Walumaagalatti kutannaan jiraannaan miirri hindanda’amuu kan danda’amu akka ta’e qabatamaan Dargaggoo Doolaar tuullaa kosii misooma fuduraafi qarshiitti jijjiiruu danda’erraa arguun kan danda’ame yoo ta’u, hordoffiifi deeggarsa mootummaan taasisaa jiru kanatti fayyadamnee eeggattummaa seenaa gochuun hojii barbaacha gara hojii uummachuutti jijjiiruun biyya keenyaafis ofiifis bu’aa kan buusu waan ta’eef yeroofi beekumsa qabnutti fayyadamnee hojjechuun murteessaadha.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 25 Bara 2016

Recommended For You