“Wiirtuun Haaromsaafi Gabbisa Ogummaa Dubartootaa ‘Yanagawaa” waggaatti dubartoota kuma 10 leenjisee hojiitti galchuuf karoorfatee hojjechaa jira” -Doktar Hirphasaa Caalaa

Keessummaan bariisaa maxxansa kanaa Daariktara Wiirtuu Haaromsaafi Gabbisa Ogummaa Dubartootaa ‘Yanagawaa” kan ta’an Doktar Hirphasaa Caalaati. Gaafdeebii wiixata darbe kaayyoo hundeeffamaafi tajaajila wiirtichi kennaa jirurratti xiyyeeffachuun isaan waliin taasifne akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.

Bariisaa: Bakka dhalootaa, haala barnootaafi muuxannoo hojii keessan gabaabaatti utuu nuu ibsitanii?

Doktar Hirphasaa: Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa, Magaalaa Gudar, Ganda Nagaafilee jedhamuttin dhaladhee guddadhe. Barnoota koo sadarkaa tokkoffaafi lammaffaas bakkuma dhaloota koottin baradhe.

Digrii koo jalqabaa Kolleejii Barsiisota Leenjii Kotobee kan yeroo ammaa Yunivarsitii Barnootaa Kotobee jedhamutti baradheen ‘Geography and Environmental Studies’ jedhuunan eebbifame. Digrii koo lammaffaa (MA) Yunivarsitii Finfinneetti baradheen ‘Leadership’n eebbifame. Digrii koo sadaffaa (PhD) ammoo ‘University of Kerala’ Hinditti argamutti baradheen ‘Leadership and Management’n eebbifame.

Jalqaba barsiisummaan mindeeffamee bakkawwan gara garaatti tajaajileera. Ergan barsiisummaarraa gara hoggansaatti ce’ees bakkawwan gara garaatti tajaajileera. Hundeessitoota Mana Barnootaa Bultii Addaa WMO Adaamaa keessaa nama tokkon ture. Mana barnootichaas hogganaa duraa ta’ee waggoota shaniif tajaajileera. Isa booda Ministeera Kalaqaafi Teknolojiitti mindeeffameen Inistiitiyuutii Wiirtuu Kalaqaa (Talent Development Institute) jedhamu waggoota afuriif hoggaa duraa ta’ee tajaajileera.

Inistiitiyuutichi bakka leenjitoonni biyyattii dandeettii kalaqa addaa qaban itti hojjetaniidha. Leenjiin inistiitiyuutichatti kennamus kan barnootaafi leenjii idileetiin kennamurraa adda. Inistiitiyuutichi bakka kalaqoonni addaa biyyattii jijjiiruufi fooyyessuu danda’an itti kalaqamaniidha.

Inistiitiyuutichi Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin hordofamaa ture. Yeroo ammaa ammoo Daariktara Wiirtuu Haaromsaafi Gabbisa Ogummaa Dubartootaa ‘Yanagawaa” ta’een tajaajilaa jira. Wiirtuu haaraa kanattis Daariktara duraa ta’een hojjetaa jira.

Bariisaa: Kaayyoon hundeeffama wiirtuu kanaa maali? Tajaajila akkamiis kennaa jira?

Doktar Hirphasaa: Ijaarsi wiirtichaa yaada Kabajamtuu Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee maddisiisaniin jalqabame. Kaayyoonsaa inni guddaanis dubartoota Magaalaa Finfinnee sababoota gara garaatiin rakkoolee hawaas dinagdee hamaaf saaxilaman, hojii hinmalle keessa seenaniifi daandiirra jiraataniifi kadhatan ogummaawwan gara garaatiin leenjisee eebbisiisuun galii mataasaanii uummatanii of danda’anii akka jiraatan taasisuudha. Wiirtichi dubartoota qofaaf haaromsaafi leenjii kennaa jira. Dubartoonni wiirtichatti leenji’anis hojii kaleessaa fokkisaa ture keessaa ba’anii hojjetanii akka of jijjiiran taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Wiirtichi lafa hektaara 10 kan qabu yoo ta’u, kana keessaa lafa hektaara shanirratti gamoowwan 17 ta’an qulqullina sadarkaasaanii eeggataniin ijaaramaniiru. Ijaarsi wiirtichaa yeroo gabaabaa (ji’oota 11) keessatti xumuramuun saffisaan seenaa ijaarsa biyya kanaa keessatti tokkoffaa ta’ee galmaa’eera. Kun ijaarsi wiirtichaa kutannoofi hordoffii cimaadhaan adeemsifamaa turuu agarsiisa. Ministirri Muummee sirna eebba wiirtichaarratti argamuunis xiyyeeffannaa mootummaan wiirtichaaf kenne agarsiisa.

Wiirtichi torban darbe dubartoota marsaa duraa ogummaawwan gara garaatiin ji’oota shaniif leenjise 500 keessaa dubartoota 302 bakka Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeefi hoggantoonni biroon argamanitti eebbisiiseera. Dubartootni kaan sababa dhibee sammuu, rakkoo fayyaa, da’umsaafi umuriitiin leenjicha addaan kutuuf dirqamaniiru.

Wiirtichi cabiinsa hawaasummaafi dinagdee dubartoota Magaalaa Finfinnee rakkoolee gara garaatiif saaxilamanii suphuun of danda’anii akka jiraatan taasisuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira.

Wiirtichatti kan leenji’an dubartoota akaakuu afuri. Tokkoffaa dubartoota rakkoo hawaasummaa hamaaf saaxilamaniifi galii dhuunfaa hinqabneefi maatiirratti ba’aa turaniidha. Lammaffaa dubartoota biyya Arabaarraa deebi’anii rakkoo keessa jiraniidha. Sadaffaa dubartoota daandiirra ba’anii kadhaadhaan jiraachaa turaniidha. Afraffaan dubartoota hojii hinmalle (foonsaanii gurguranii) jiraachuurratti bobba’aniidha. Dubartoonni jireenyi guutuufii didnaan malee fedhiidhaan hojii kana keessa hinseenan.

Wiirtuun kun dubartoota sababoota gara garaatiin rakkoolee hawaas dinagdee adda addaatiif saaxilaman leenjisee hojii dhuunfaasaanii akka uummatanii of danda’anii akka jiraatan taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Dubartoonni oggaa leenjiif gara wirtichaa seenan ji’a tokkoo oliif waa’ee leenjii haaromsaa (xiinsammuu) fudhatu. Leenjiin kun dubartoonni yaadaafi jireenya keessa turan keessaa haala kamiin ba’uu akka danda’aniifi yaada cimanii hojjetanii of danda’anii jiraachuufi biyya ijaaruu akka horatan isaan taasisa.

Wiirtichi kilinika guddaa meeshaaleefi hakiimota ga’aa waan qabuuf leenjitoota hundaaf tajaajila fayyaa bilisaan kennaa jira. Fayyummaan, nyaatni, bakki bultii (doormii)fi qulqullinni dubartoota gara wiirtichaa dhufanii eegamee barnootaafi leenjii kennamurratti akka xiyyeeffatan taasifamaa jira. Dubartoonni guyyaa leenjiif gara wiirtichaa seenanii kaasanii hanga eebbifamanii ba’anitti mooraa keessa turu. Dubartoonni leenjii haaromsaa erga xumuranii booda gara leenjii qabatamaatti seenu.

Bariisaa: Wiirtichi dubartoota simatu ogummaa akkam akkamiitiin leenjisee baasa?

Doktar Hirphasaa: Wiirtichi dubartoota simatu ogummaawwan gara garaa 18 ta’uun leenjisee baasaa jira. Qonna magaalaa jalatti leenjiin horsiisa lukkuu, horsiisa saawwan aannaniifi furdisa loonii ni kennama. Leenjii huccuu jalatti leenjiin uffata hodhuu, shurraaba dhahuufi xibraa ni kennama.

Miidhagina dubartootaa jalatti leenjiin shurrubbaa hojjechuu, rifeensaafi qeensa bareechuu, fuula ‘scrap’ taasisanii bareechuufi maasaajiin ni kennama. Ijaarsa jalatti leenjiin ujummoo bishaaniifi sarara elektirikii sirreessuufi suphuu ni kennama. Nyaataa jalatti leenjiin nyaatawwan ammayyaa, aadaafi daabboofi keekii sadarkaasaa eeggate hojjechuu ni kennama. Leenjiin dhugaatii ho’aa kanneen akka bunaa, shaayiifi maakiyaatoo maashiiniin danfisuus ni kennama.

Kaamettummaa (mana seeraan qabachuu) jalatti leenjiin meeshaa dhiquufi qulqulleessuu, uffata laawundariidhaan miiccuu, qoorsuufi sirreessanii dachaasuu, maashiiniidhaan mana qulqulleessuu ni kennama. Tajaajila hoteelaa jalatti haala keessummaan ittiin simatamu, sireen ittiin hafamu, meeshaalee seeraan kunuunfaman irratti leenjiin ni kennama. Leenjii kunuunsa daa’immaniifi namoota guguddoos haala ammayyaa’aan barsiisota ga’umsa qabaniin kennamaa jira.

Bariisaa: Dubartoota marsaa duraa torban darbe wiirticharraa ogummaawwan gara garaatiin eebbifamaniif carraa hojii uumuuf maaltu hojjetamaa jira?

Doktar Hirphasaa: Dubartootni marsaa duraa torban darbe wiirticharraa eebbifamanii ba’an hundi hojii dhuunfaasaanii akka uummataniif haalli mijateera. Dubartoonni leenjii xumuranii ba’an jiruu gadadoo kaleessaatti akka hindeebine gochuuf bulchiinsi Magaalaa Finfinnee dhaabbilee mootummaa, mitmootummaafi abbootii qabeenyaa gara garaa waliin ta’uun sheedii qopheessuurraa kaasee deeggarsa guddaa taasisaa jira. Dubartoota kunneen hojii qabsiisuu qofa utuu hintaane hanga isaan of danda’anii jiraatanitti ji’oota muraasaaf deeggarsi mana kiraafi nyaataa ni taasifamaaf.

Dubartoonni marsaa duraatiif eebbifaman marti guyyoota kudhan hafan keessatti hojii kan jalqaban ta’u. Kaayyoon wiirtichaa leenjisee baasuu qofa utuu hintaane kanneen leenji’an hojii qabsiisuurrattis xiyyeeffatee hojjechaa jira. Lakkoofsa dubartoota leenjisnuufi boru hojiirratti bobbaafnurratti sirriitti itti yaadnee karoorsinee hojiirra oolchaa jirra.

Bariisaa: Wiirtuun leenjii kun altokkotti leenjitoota meeqa simachuu danda’a? Leenjii marsaa lammaffaarratti ammoo dubartoota meeqa simachuuf karoorfateera?

Doktar Hirphasaa: Wiirtuun kun altokkotti leenjitoota kuma lama simachuu danda’a. Wiirtuun kun haaraa ta’uusaatiin walqabatee altokkotti leenjitoota kuma lama simachuun rakkisaadha. Marsaa lammaffaadhaan leenjitoota kan marsaa lammaffaarra caalan simachuuf karoorfatee jira. Lakkoofsi leenjitoota marsaa lammaffaaf simannuu dhiyeenyatti boordiidhaan murtaa’ee kan beeksifamu ta’a. Baay’inni leenjitoota marsaa lammaffaa kan marsaa duraarra harka baay’een dabaluu danda’a.

Leenjii marsaa lammmaffaatiifis qophii barbaachisu xumurreerra. Muuxannoo leenjii marsaa duraarratti horannetti fayyadamuudhaan ledenjitoota marsaa lammaffaaf leenjisuufi tajaajila caalu kennuuf qophii barbaachisu xumureerra.

Bariisaa: Wiirtuun kun hundaa’uun rakkoolee hawaas-dinagdee dubartootaa furuu keessatti gahee akkamii qaba?

Doktar Hirphasaa: Wiirtuun kun dubartoota hanqina galii guddaa qaban leenjisee gara hojiitti galchuudhaan galii mataasaanii uummatanii of danda’anii akka jiraatan gochuu keessatti gahee olaanaa qaba. Leenjiin kun ummata hojiitti amanu omishuun dinagdeen ofdanda’anii akka jiraatan taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Dubartoonni duraan galii hinqabne erga leenji’anii booda dafqanii hojjetanii galii argartaniin ofiifi maatiisaanii akka bulchan taasisuudhaan rakkoolee hawaas-dinagdee dubartootaa furuu keessatti gahee olaanaa qaba. Wiirtichi dubartoota kadhannaan jiraachaa turan leenjisee hojiitti galchuun galii argataniin ofiifi maatiisaanii akka bulchan taasisaa jira. Hojiin kun guddina dinagdee magaalattii utubuu keessattis shoora mataasaa ni qaba.

Bariisaa: Wiirtuun kun naannoleef muuxannoo qoodaa jiraa?

Doktar Hirphasaa: Magaalaa Finfinneetti hojiileen naannolee biyyattiif moodela ta’an hedduun raawwatamaa jiru. Naannoleenis Finfinneerraa muuxannoo qooddachuun hojiilee jalqabaman magaalotasaanii keessatti ittifufsiisaa jiru. Hoggantoonni naannolee biyyattii gara garaa wiirtuu kana dhufanii daawwachuun muuxannoo irraa qooddachaa jiru.

Dubartoonni wiirtuu kanatti leenji’an baay’een naannolee gara garaarraa kan dhufaniidha. Kanaafuu hoggantoonni wiirticha daawwatan biyyaa ba’anii rakkoolee gara garaaf akka hinsaaxilamneef akkamitti naannoosaaniitti gargaaruufi deeggaruu akka danda’anirratti barnoota kennaafii jirra; muuxannoos qoodaafii jirra.

Hoggantoonni Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii naannolee gara garaa dhufanii wiirtuu kana daawwachuun dhimma kanarratti hojmanee fudhatanii galaa jiru. Dubartoonni bakkuma jiranitti deeggarsa maluuf akka argatan taasisuun dhimma xiyyeeffannaa addaatiin irratti hojjetamuu qabuudha. Wiirtuun leenjii kunis dhimma kanarratti muuxannoo qoodaafii jira.

Bariisaa: Leenjiin wiirtichi kennaa jiru karoora mootummaan gargaaramtummaafi kadhaa keessaa ba’uuf hojiirra oolchaa jiru milkeessuu keessatti gahee akkamii qaba?

Doktar Hirphasaa: Hojiin wiirtichi raawwachaa jiru karoora mootummaan gargaaramtummaafi kadhaa keessaa ba’uuf taasisaa jiru milkeessuu keessatti gahee guddaa qaba. Wiirtuun kun dubartoota galii hinqabne leenjisee hojiirratti bobbaasuudhaan gargaaramtummaafi kadhaa keessaa ba’anii of danda’anii akka jiraatan taasisaa jira.

Abbootiin qabeenyaas dubartoonni wiirticharraa leenji’anii ba’an hojii akka argatan taasisuurratti gumaacha guddaa taasisaa jiru. Wiirtichi dubartoota eeggattummaa, kadhaafi gargaaramtummaa jalaa baasuufi hojjetanii galii dhuunfaasaaniitiin ofdanda’anii akka jiraatan taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa waan jiruuf karoora mootummaa qabatee hojiirra oolchaa jiru waliin hidhata guddaa qaba.

Wiirtichi waggaa tokko keessatti dubartoota kuma 10 leenjisee hojiirratti bobbaasuuf karoorfatee hojjechaa jira. Wiirtuun kun waggoota muraasa booda akka Afrikaatti wiirtuu leenjii dubartootaa guddaa ta’a. Wiirtuun kun hojii jalqabe cimsee ittifufuudhaan eeggatummaa, gargaaramtummaafi kadhaa Magaalaa Finfinnee keessa jiru hir’isuu keessattis hojii cimaa irraa eegamu bahachuuf humnasaa cimsuurrattis xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Kaayyoon wiirtichaa inni guddaan lakkoofsa hojdhabdootaa, kadhattootaafi gargaaramtootaa hir’isuu utuu hintaane dhabamsiisuun namoonni hojjetanii galii mataasaaniitiin of danda’anii akka jiraatan taasisuudha.

Bariisaa: Hojii wiirtichi raawwachaa jiru milkeessuu keessatti hirmaannaan hawaasaafi qaamolee gara garaa maal ta’uu qaba?

Doktar Hirphasaa: Hojiin wiirtichi raawwachaa jiru deeggarsa mootummaan taasisu qofaan milkeessuun waan hindanda’amneef hirmaannaan hawaasaa, abbootii qabeenyaafi dhaabbilee gara garaa daran murteessaadha. Dubartoota wiirtichatti leenji’anii ba’an bakka duraan turanitti akka hindeebineef hojii qabsiisuun barbaachisaa waan ta’eef deegggarsi abbootii qabeenyaa baay’ee murteessaadha.

Keessumaa dhaabbileen dhimma deeggarsa dubartootaarratti hojjetan wiirtuu deeggarsa dubartootaarratti hojjetu kana deeggaruu qabu. Harka walqabannee dhimma kanarratti yoo hojjenne jiruufi jireenya dubartoota rakkoolee gara garaa keessa jiranii fooyyessuu ni dandeenya.

Akka biyyaattis ta’e magaalaatti lakkoofsi dubartootaa guddaa waan ta’eef rakkoo hawaas-dinagdee dubartootaa furuun rakkoo hawaasaa furuufi guddina akka biyyaatti yaadnu milkeessuu keessatti gahee olaanaa qaba. Rakkoolee hawaas-dinagdee dubartootaa furuun jiruufi jireenyasaanii fooyyessuuf hunduu qabeenya, humnaafi beekumsaan isaan deeggaruu qaba. Kun guddina dinagdee biyyaa milkeessuu keessattis gahee guddaa qaba.

Bariisaa: Jijjiiramni leenjiidhaan duraafi leenjiin booda dubartootarratti mul’ate akkamitti ibsama?

Doktar Hirphasaa: Dubartoota wiirtichatti leenji’anii ba’anirraa jijjiirama lamatu mul’ata. Isaanis jijjiirama qaamaafi ogummaati. Dubartoonni jalqaba gara wiirtichaa yeroo seenan fuulli saanii qorra, aduufi nyaata dhabuun rukutamee waan tureef miirri fuula isaaniirraa mul’atu baay’ee kan nama gaddisiisuu ture.

Leenjii xumuranii wayita eebbifaman garuu fuulliifi qaamnisaanii bareedee argama; fuulasaaniirraas miira gammachuutu dubbifama. Leenjiidhaan boodas ogummaa gara fuulduraatti ittiin hojjetanii jiraatan horatanii ba’u. Dubartoonni huccuurratti leenji’an uffata dizaayinii barbaadamuun safaranii muruufi hodhuu danda’aniiru. Leenjii ogummaa biroorrattis akkasuma. Kun dubartootaaf haalli mijannaan hojii kamiyyuu hojjechuu akka danda’an agarsiisa.

Leenjiidhaan booda xiinsammuun dubartootaa hojjetanii jiraachuutti amaneera. Dubartoota wiirtuu keenyatti leenji’anii qormaata mirkaneessa gahumsa ogummaa akka Magaalaa Finfinneetti qophaa’u fudhatan keessaa %94 darbaniiru. Kun dubartoonni wiirtuu keenyatti leenji’an dorgomaa cimaa ta’uu isaanii agarsiisa. Dubartoonni kunneen guutummaatti gara hojiitti wayita seenan waan guddaa hojjetanii jijjiirama barbaachisu ni fidu jennee abdanna.

Bariisaa: Wiirtichi hojii eegale caalaatti milkeessuuf wantoonni guutamuufii qaban maal fa’i?

Doktar Hirphasaa: Hojii wiirtichi raawwachaa jiru caalaatti milkeessuuf deeggarsa ummataa baay’ee barbaadna. Leenjiiwwan ogummaa 18 ta’u wiirtichi kennaa jirurratti qaamolee nu deeggaran ni barbaanna. Dubartoonni wiirtichatti leenji’anii ba’an hunduu hojii argachuu qabu. Dhimma kanarratti abbootii qabeenyaafi dhaabbilee gara garaarraa deebii gaarii eegganna. Wal ijaarree waliin biyya guddisuuf qindoominaan hojjechuu qabna.

Wiirtichi haaraa ta’uun walqabatees meeshaaleen barbaachisan hundi guutamaniiru jechuu hindandeenyu. Meeshaaleen duraan galan kaan ammoo dhumaa waan deemaniif jala jalaa guutaa deemuun barbaachisaadha. Wiirtichi humna namaa qacarriidhaanis ta’e naannessaan akka fudhatuuf eyyama argateera; bajatnis gad nuu lakkifameera.

Abbootiin qabeenyaafi dhaabbileen adda addaa wiirticha daawwachuun xiinsammuu leenjitootaa fayyisuufi abdii akka horatan taasisuu qabu. Dhala namaatiif waanti guddaan barbaachisaan ani siif jiraa jabaadhu jedhanii jajjabeessuudha. Qaamoleen hundi nu waliin yoo hiriire hojii wiirtichi raawwachaa jiru caalaatti ni milkeessina. Guddina waloo fiduufis nu gargaara.

Bariisaa: Wiirtuun kun gara fuulduraatti sadarkaa akkamiirra ga’uuf karoorfatee hojjechaa jira?

Doktar Hirphasaa: Wiirticha bara 2030tti akka Afrikaatti ‘Center of excellence’ cimaa taasisuuf karoorfannee hojjechaa jirra. Wiirtichi imala eegale milkeessuudhaaf dhaabbilee addunyaa dhimma dubartoota gargaaruurratti hirmaatanirraa barreeffamaan muuxannoo qooddachaa jira. Gara fuulduraatti qaamaan biyyoota gara garaa deemuun muuxannoo qooddachuuf karoora qaba.

Bariisaa: Dhumarratti ergaa yoo qabaattan?

Doktar Hirphasaa: Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee wiirtuu kanaaf dursa kennuun bajata barbaachisu ramadee deeggarsa barbaachisu taasisaafii jira. Miidiyaanis hojiilee wiirtichi raawwachaa jiru beeksisaa jiru. Kun cimee itti fufuu qaba. Carraa kanatti fayyadamuun Gaazexaa Bariisaas baay’een galateeffadha. Qaamolee biroonis deeggarsa wiirtuu kanaaf taasisan cimsanii akka itti fufan yaadachiuisuun barbaada. Waliin taanee magaalaas ta’e biyya keenya haaguddisnuun dhaamsa kooti.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 18 Bara 2016

Recommended For You