“Waan fedhiin hojii isin keessa jiruuf malee leenjiin ji’a afurii akkasitti isin jijjiiruu hindanda’u”  – Kantiibaa Adaanach Abeebee

Wiirtuun Haaromsaafi Gabbisa Ogummaa Dubartootaa ‘Yanagawaa” yaada kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee maddisiisaniin ijaarame.

Wiirtuun Finfinnee, Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti ijaarame Bitootessa 5 bara 2016 bakka Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad, Giiftiduree Zinnaash Taayyaachoo, Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeefi hoggantoonni mootummaa Federaalaafi bulchiinsa magaalattii biroon agamanitti eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’uunsaa ni yaadatama.

Daarektarri wiirtichaa Doktar Hirphasaa Caalaa gaafdeebii Wiixata darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, kaayyoon hundeeffamasaa ijoon dubartoota Finfinnee sababoota gara garaatiin rakkoolee hawaasummaaf saaxilaman, hojii hinmalle keessa seenan, daandiirra jiraataniifi kadhatan ogummaawwan gara garaatiin leenjisee eebbisiisuun hojii qabsiisuun galii mataasaanii uummatanii of danda’anii akka jiraatan taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Wiirtichi torban darbe dubartoota marsaa duraatiif ogummaawwan gara garaa 18n ji’oota shaniif leenjisaa ture 500 keessaa leenjitoota 302 bakka Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeefi hoggantoonni biroon argamanitti eebbisiiseera. Dubartootni kaan sababa dhibee sammuu, rakkoo fayyaa, da’umsaafi umuriitiin leenjicha addaan kutuuf kan dirqaman ta’uus eeraniiru.

Dubartootni torban darbe wiirticharraa eebbifamanii ba’an hundi jiruu gadadoo kaleessaatti akka hindeebine taasisuuf hojii akka argataniif haalli mijateera. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee dhaabbilee mootummaa, mitmootummaafi abbootii qabeenyaa waliin ta’uun sheedii kennuurraa kaasee dubartoota eebbifamanii ba’an hunda hojiitti galchuuf deeggarsa guddaa taasisaa jiraachuus eeraniiru.

Wiirtuun kun dubartoota hanqina galii guddaa qaban leenjisee gara hojiitti galchuudhaan of danda’anii akka jiraatan gochuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Hojii kun karoora mootummaan eeggattummaa, gargaaramtummaafi kadhaa keessaa ba’uuf taasisaa jiru milkeessuu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uus eeraniiru.

Akka biyyaattis ta’e magaalaatti lakkoofsi dubartootaa guddaa waan ta’eef rakkoo hawaas-dinagdee dubartootaa furuun gama biraan rakkoo hawaasaa bal’inaan waan furuuf qaamolee hundi qabeenya, humnaafi beekumsaan isaan deeggaruu akka qaban gaafataniiru.

Dubartoonni leenji’anii ba’an kunneen ogummaawwan gara fuulduraatti ittiin hojjetanii of jijjiiranis horatanii ba’aniiru. Kun dubartootaaf haalli mijannaan hojii kamuu hojjechuu akka danda’an kan agarsiisu ta’uus himaniiru.

Dubartoota wiirtichatti leenji’anii qormaata mirkaneessa gahumsa ogummaa akka Magaalaa Finfinneetti qophaa’u fudhatan keessaa %94 darbaniiru. Kun dubartoonni wiirtichatti leenji’an dorgomaa cimaa ta’uu isaanii kan agarsiisu ta’uufi gara hojiitti wayita seenanis waan guddaa hojjechuu akka danda’an kan akeeku ta’uu dubbatu.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee sirna eebbichaarratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, leenjii fudhachaa turtan qabatamaan hojiin agarsiiftaniittu. Bu’aalee hojii keessanis qabatamaan argineerra. Ogummaa horattaniin boru hojii caalu akka hojjettan abdii guddaan qaba.

Leenjii kana argachuu keessaniin mul’ata kaleessa keessa keessan dhokatee ture baasuuf carraa argattaniittu. Kaleessa haalli isiniif mijachuu didee balballi isinitti cufamnaani malee ga’umsa kan qabdan ta’uu leenjii yeroo gabaabaa isiniif kennameen mirkaneessitaniittu.

Leenjitanii sadarkaa kanarra ga’uun keessan obboleettii keenya hedduudhaaf fakkeenya gaarii ta’a. Kan jijjiirama keessan arge daandii keessanirra bu’uu barbaada. Isin obbolaa keenya “Ani nama waa’ee hinbaafneedha, hojjechuu hindanda’u, carraan koo cufameera jedhanii warraa abdii kutaniif abdii taataniittu” Ji’a afur dura isin akka har’aa kana hinturre.

Kana yeroon jedhu akka isin rakkina keessan kaleessaa yaadattanii gadditaniif utuu hintaane yeroo gabaabaa keessatti jijjiiramuun akka danda’amu akka hubattan isin yaadachiisuu barbaadeeni. Fedhiin hojjii isin keessa waan jiruuf malee leenjii ji’a afurii akkasitti isin jijjiiruu hindanda’u ture jedhu.

Kaayyoon imala badhaadhinaa keenyaa namoonni akka jijjiiraman, abdii akka horataniifi fayyadaman taasisuudha. Namoonni yeroo jijjiiraman bor abdiidhaan eeggatu; harkasaaniis hojiif diriirsuun qaama jijjiiramichaa ta’u. Safartuun imala badhaadhinaa keenyaa bu’uuraalee misoomaa diriirsuu qofaan utuu hintaane jiruufi jireenya namootaa jijjiiruudhaani jedhan.

Sababa rakkoo hawaasummaafi dinagdeetiin namoonni gara Finfinnee dhufanii baay’een namoota isaan simatu waan hinqabneef rakkoo gara garaa caaluuf kan saaxilaman baay’eedha. Jiraattota magaalattii ta’aniis rakkoo hawaas-dinagdee hamaaf kan saaxilaman hedduudha.

Sagantaa nyaataatiin lammiilee hedduu bira gahaa jirra. Jiruufi jireenyasaanii bu’uuraa furuufis yaalii cimaa taasisaa jirra. Hojiin kun baay’ee cimaa ta’us hojjechuu akka dandeenyu argineerra. Qaamoleen gara garaas deeggarsa barbaachisu nuu taasisaa waan jiraniif hojii keenya itti fufneerra jedhan.

Leenjitoonni marsaa duraatiif eebbifaman hundi kanneen duubaan dhufaniif fakkeenya gaarii akka ta’aniif carraa hojii argataniiru. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee bakka isaan itti hojjetan mijeesseeraaf. Qaamolee biroon ammoo meeshaalee isaan barbaachisan guutaniiruufi; qarshii isaan hojii ittiin jalqabanis kennaniiruufi. Qaamoleen gara garaa hanga eebbifamtoonni kunneen hojiitti galanii ofdanda’anii jiraachuu jalqabanitti deeggarsa nyaataa, mana kiraafi geejibaa kan taasisaniif ta’uus eeraniiru.

Eebbifamtoonni kunneen erga hojiitti seenanii boodas hordoffiifi to’annoon barbaachisu ni taasifamaafi. Walitti hidhamiinsi gabaa akka uumamuufis ni taasifama. Eebbifamtoonni kunneen hojjetanii of jijjiiranii muuxannoosaanii dubartoota biroof akka qoodanis ni taasifama jedhu.

Eebbifamtoonni bu’aa ba’ii hojiirratti isaan mudatu cimanii hojjetanii keessa darbuudhaan bor of jijjiiranii, naannawaafi biyyasaanii jijjiiranii akka argamaniif ergaa dabarsaniiru. Cimtanii yoo hojjettan jireenya kaleessa dabarsitan deebitanii hinyaadattan. Waan danda’ame hundaan isaan deeggaruufis qophii ta’uu himaniiru.

Wiirtuu Haaromsaafi Gabbisa Ogummaa Dubartootaa ‘Yanagawaa” irraa torban darbe kan eebbifamte Shamarree Ayyaantuu Guutamaa akka jettutti, kanaan dura karaa seeraan alaa biyya Arabaa deemtee ji’a ja’a booda qabamtee gara biyyaatti deebite. Gara biyyaatti erga deebitee booda ammoo hojii humnaa hojjechaa utuu jirtuu carraa gara wiirtuu leenjii kana seenuu argattee ogummaa ‘Reception and Service’n eebbifamuu dubbatti.

Guyyaa wiirticha seennerraa kaasee kunuunsiifi deeggarsi barbaachisu nuuf taasifamaa tureera kan jettu shamarreen kun, “Waanti nuti nyaannu, uffannuufi bakki nuti bullu haala addaatiin nuuf guutameera. Yoo dhibamnes kilinika itti yaalamnu mooraadhuma keessaa qabna. Saaykaatiristii dhuunfaa keenyaas ni qabna. Qulqullinni mooraa leenjichaas yunivarsitoota kamiiniyyuu oliidha. Turtiin yeroo leenjiis baay’ee gaarii ture” jetti.

Leenjiin booda amala, qaama, uffannaafi xiinsammuu keenyaratti jijjiiramni guddaan dhufeera. Ogummaa gara fuulduraatti ittiin hojjennee jiraannus horanneerra. Wiirtuun kun dubartootaaf haalli mijateefii jennaan waan hundumaa hojjechuu akka danda’an qabatamaan mirkaneessaa jiraachuu eerti.

Nuti eebbifamtoonni hundi kutaa magaalaa Finfinnee gara garaa keessatti ramadamneerra kan jettu Shamarree Ayyaantuun, torban tokko booda hundi keenya gara hojiitti ni seenna. Bakki itti hojjennuufi jiraannus nuu mijachaa jira. Ogummaa horadheen hojjedhee ofjijjiiruuf qophiidha jetti.

Hojiinis jireenyis biyya ofiitti bareeda kan jettu shamarreen tun, karaa seeraan alaa ta’us biyya Arabaa deemee argeera. Kan akka biyya ofii hinjiru. Hojjennee ofii keenya, maatiifi biyya keenya jijjiiruuf hojiitti amanuufi cimnee hojjechuu qabna jetti.

Shamarree Muluu Bulloo Magaalaa Ambootti dhalattee kan guddatte ta’uufi haalli jireenyaa waan itti ulfaateef barumsa ishee addaan kuttee gara Finfinnee dhuftee hojii humaa hojjechaa turte. Carraa argattee gara wiirtuu leenjii kana seenuutti guddaa gammadeera jechuun dubbatti.

Ogummaa nyaata qopheessuutiin kan leenjite shamarreen tun, ogummaan horatteen yeroo ammaa nyaatawwan biyya keessaafi biyya alaa akkasumas daaboofi keekii sirriitti qopheessuu kan dandeessu ta’uufi carraa kaasteen bakki hojii Finfinnee naannawaa Magganaanyaa kan ishee gahe ta’uu dubbatti.

Shamarran baay’een sababa rakkoo hawaasummaafi dinagdeetiin maatii dhiisanii gara Finfinnee dhufanii rakkooleefi araada adda addaaf kan saaxilamaa jiran hedduudha. Kanaafuu shamarran keessumaa firootaafi nama isaan simatu hinqabne maatii biraa utuu ba’uu baatanii gaariidha jedheen gorsa jetti.

Shamarree Tikkuu Yaadasaa Magaalaa Walisootti dhalattee Magaalaa Asallaatti guddatte. Erga Finfinnee dhuftee waggoota afuriif hojii humnaa hojjechaa turte. Carraa wiirtuu leenjii kana galuu argattee ogummaa huccuu hodhuufi uffannaa aadaa xibraatiin eebbifamte.

“Ogummaan kun fedhii koo guddaa waan tureef haala gaariin leenji’ee hojjechuu danda’eera. Ogummaa horadheen hojjedhee of jiraachisuuf qophii ta’uufi yeroo ammaa eebbifamtoota nama saddeet waliin gurmaa’uun carraa hojii kaasaniin bakki hojii Finfinnee, naannawaa Markaatoo na gahe” jetti.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 18 Bara 2016

Recommended For You