Finfinnee: Ministeerri Fayyaa Federaalaa hojii tola ooltummaa gannaan namoota miliyoona lamaaf tajaajila bilisaa kennaa jira.
Dursaan Garee Qunnamtii Ummataafi Kominikeeshinii Ministeerichaa Obbo Yordaanos Allabbaachoo tibbana Bariisaatti akka himanitti, ministeerichi hojii tola ooltummaa gannaatiin namoota miliyoona lamaaf tajaajila fayyaa bilisaan kennaa jira.
Ammaan tana hojii dhaabbileen fayyaa tola ooltummaan namoota kuma 75 bilisaan yaalan jiru. Kun ammoo karoora qabamee olitti raawwachuun akka danda’amu agarsiistuudha. Tajaajilootni akaakuuwwan adda addaa ministeerichi bilisaan hawaasaaf kennuu yaade kunneen waliigalaan qarshii miliyoona 41.5tti shallagamu.
Milkaa’ina Sagantaa Ashaaraa Magariisaaf Manneen hojii yaalaa fayyaa mootummaafi dhuunfaa isa jala jiran qindeessuun sadarkaa biyyaatti biqiltuu kuma 400 dhaabeera.
Biqiltoota kanneen keessaa kumni 70n fayyaafi nyaataaf kan oolan ta’uu eeranii; hojii tola ooltummaa kanaan manneen harkaqal’eeyyii suphuufi barattoota harkaqal’eeyyiif deeggarsa meeshaalee barnootaa gumaachuufi sagantaan dhiiga arjoomuus akka taasifamu ibsu.
Aantummaa ministeerichi namummaaf qabu kan yeroo maraa ta’uu himaniinis; hundaa ol dhibee fayyaa hamoo ta’an kanneen akka dhibee sombaa, onnee, shukkaaraa, ijaafi gogaa qorannoo bilisaa taasisuu cinaatti tajaajila yaalaas akka kennu dubbau.
Kana malees, namoota sababa hanqina dhiigaatiin lubbuun darbu baraaruuf bara darbe hojii tola ooltummaan dhiiga yunitii kuma 40 walitti qabuu himanii; ganna kanas haaluma walfakkaatuun hojii tola ooltummaan dhiiga yunitii kuma 40 walitti qabuu sochiirra jiraachuu eeru. Milkaa’inasaafis hojiin hubannoo uumuu bal’inaan hojjetamaa jira jedhan.
Ministeerri Fayyaa barattoota harkaqal’eeyyii waggaa waggaan hojjettootasaa qindeessuun deeggaraa turuu kaasanii; ganna kanas barattoota 500 ta’an, keessattuu Naannoo Benishaangul Gumuz jiran meeshaalee barnootaan deeggaruuf sochiirra jiraachuu ibsaniiru.
Haaluma walfakkaatuun Naannoo Beenishaangul Gumuzitti hojiin manneen harkaqal’eeyyii haaressuu raawwatamaa jiraachuu Obbo Yordaanos dubbataniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 18 Bara 2016