Sirna Gadaa ijaarsa biyyaatiif

Yaa’iin Abbootii Gadaa marsaa 3ffaan tibbana mataduree, “Sirna Gadaa ijaarsa biyyaatiif” jedhuun qindeessummaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatiin Hagayya 14fi 15 bara 2016 Adaamaa, Galma Abbaa Gadaatti adeemsifameera.

Hoggantuun Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu haasaa yaa’icharratti taasisaniin akka jedhanatti, Oromoon saba aadaa, safuufi duudhaa gaarii qabu ta’uu kaasuun aadaafi duudhaa miidhagaan eegamee, kunuunfamee akka dhaloonni dhaalu gochuu keessatti qoodni Abbootii Gadaa Oromoo guddaadha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas jecha qofaan osoo hintaane gochaan sirna Gadaa utubuun sirnoota gara garaa bocee ummanni Oromoo aadaafi duudhaasaa ganamaatti akka deebi’uuf hojii bal’aa hojjechaa jira.

Gochoota badoo Sirna Gadaa keessatti aadmalee ta’anirratti qabsaa’aa dhaloota duudhaa dansaa dhaalchisuu maddiitti gamtaa jabaa Oromoo gituufi dhalootatti darbu ijaaruu keessatti qoodni Abbootii Gadaa daran olaanaadha jechuunis ibsan.

Sirna Gadaa dhaloota barsiisuu, tokkummaa Oromoo jabeessuu, nageenya naannoofi biyyaalessaa eeguu, dhimmoota hawaasummaafi dinagdee Oromoo cimsuu keessatti ga’een Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo guddaadha jedhan.

Kanaanis manneen murtii aadaatiin ummanni baasii mana murtee idileetti baasuufi dadhabbii hinmalleef, akka hinsaaxilamne haqasaa qe’umasaatti akka argatuufi akkaataa aadaafi duudhaasaatti akka jiraatu taasisaa jira jedhan.

Gama tajaajila lammummaatiinis aadaa miidhagaa qabnuun kan daare daara akka baasnu, kan dheebote dheebuu akka baasnuuf, kan mana dhabetti mana ijaarree akka gaaddisa waliif taanuuf hojiin mootummaan hojjechaa jiru utubaalee sirna Gadaa kan jabeessu ta’uu kaasaniiru.

Gama Gaachana Sirnaatiinis ummanni tokkummaan ijaaramee nageenya naannoosaa akka eeggatuuf hojiin hojjetamaa jiru duudhaa Sirni Gadaan nagaaf qabu kan mirkaneessu ta’uu himuun, Buusaa Gonofaa hundeeessuunis ummanni kun rakkoo uumamaafi namtolchee isa mudatu ofuma isaa akka wal irraa qolatu kan taasisu Aadde Jamiilaan eeraniiru.

Kana malees Barnoonni Gadaa manneen barnootaatti akka kennamu gochuun dhaloonni akkaataa aadaafi duudhaa isaatiin akka baratu taasisuun injifannoo guddaa ta’uu kaasaniiru. Kanneen hundaa utubuun hojiitti hiikuuf Gamtaan Abbootii Gadaa qooda irraa eegamu akka ba’atu dhaamaniiru.

Yaa’iicharratti qo’annoowwan gara garaa hayyootaan dhihaachuun irratti kan mari’atame yoo ta’u, gabaasni raawwii hojii waggaa gamtichaas dhiyaateera. Xumurarratti labsii qabxiilee 11 of keessaa qabu lallabuun goolabamuu odeeffannoo Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa Bariisaaf ergerraa hubachuun danda’ameera. Lallabichis:

  1. Aadaa, safuufi Afaan Oromoo lafee dugdaa Oromummaa waan ta’eef dhaloota barsiisuun dhaloota aadaa, seenaafi duudhaa ofii beekee ittiin boonu, ittiin jiraatuufi dagaagsu uumuu mootummaan hojjechaa jiru ni tumsina, waliinis ni hojjenna.
  2. Heerri Gadaa Oromoo madda aadaa, duudhaa, safuufi safeeffannaa, seenaa, beekumsaafi falaasama Oromoo duriifi laallee baroota amma keessa jirruu akkasumas dhangaa egeree waan ta’eef karaa duudhaasaa eeggateen ittiin buluufi bulchuuf akkasumas sabaafi sablammoota biyya keenyaa barsiisuuf cimsinee ni hojjenna
  3. Manni Murtii Aadaa falaasama Heera Gadaa Oromoo keessaa kan fudhatameefi haqa dhokate deebisuu keessatti shoora olaanaa taphachaa waan jiruuf kana caalaa akka lafa qabatuuf gahee nurraa eeggamu ni baana.
  4. Ijaarsi Gaaddisa Manneen Murtii Aadaa jalqabaman bara 2017tti guutummaa Oromiyaatti akka xumuramuuf deeggarsa nurraa barbaadamu ni goona, hawaasa keenyas dammaqsuun gamtaan akka ijaaru ni taasifna.
  5. Ardaaleen jilaa giddugala qubannaa Abbootii Gadaa, jiloonni ittigaggeeffaman akkasumas wiirtuulee seeronni itti tumamaniifi lallabaman waan ta’aniif akka eegaman, kunuunfamaniifi misooman gochuu keessatti gahee nurraa eegamu ni baana, wiirtuu keessa jirru keessattis ni misoomsina.
  6. Aadaafi duudhaa Oromoo dhaloota barsiisuu keessatti, nageenya mirkaneessuu keessatti gaheen haadholee Siinqee olaanaa waan ta’eef wiirtuu Gadaa hundatti hirmaannaansaanii akka guddatuuf ni hojjenna
  7. Hojiin eegumsa naannawaafi biqiltuu dhaabuu, kunuunsuun Heera Gadaa keessaa kan fudhatame ta’uu beekuun hojii misooma ashaaraa magariisaa akka biyyaafi naannootti hojjetamaa jiruuf beekamtii kan kenninuufi nutis karaa adda ta’een irratti hirmaachuun keessumaa mukeen biyya keessaa qorichummaaf, faayaaf, nyaataaf, jiloota gaggeessuuf oolan, akkasumas eegumsa biyyoof ta’an bal’inaan akka dhaabaman ni taasifna.
  8. Hojii misoomaa rogawwan hundaan Oromiyaatti hojjetamaa jiruuf beekamtii kan kenninuufi kana caalaa dheebuu misoomaa ummanni keenya qabu akka guutamuuf akka deeggarruufi ummatni bal’aan karaa hundaan akka bira dhaabatuuf waamicha keenya ni taasifna.
  9. Heerri Gadaa Oromoo hariiroo obbolummaafi waliin jiraachuu waan barsiisuuf naannoo keenyaafi biyya keenya Itoophiyaa keessatti obbolummaan dhugaarratti hundaa’eefi walutubuun waliin jiraachuufi guddachuu qabatamaan hojiirra akka oolu gochuuf hojii nurraa eegamu kan hojjennuufi qaamolee biroos barsiisuuf waadaa ni seenna.
  10. Heerri Gadaa Oromoo nagaan hangafa waan hundaati waan jedhuuf naannoo keenyaafi biyya keenya keessatti nageenyi akka jiraatu, walwaraansi akka dhaabatuuf sadarkaalee hundatti cimsinee ni hojjenna, qaamoleen hidhatanii laga jiranis gara nagaatti akka dhufaniif waamicha ni taasifna.
  11. Calaqqee Heera Gadaa keessaa tokko kan ta’e Ayyaanni Irreechaa Malkaa/Birraa bara 2017 Malkaawwan hundatti karaa duudhaafi safuusaa mul’isuun, kabajaafi guddummaa Oromoo agarsiisuun akka kabajamuuf ni hojjenna, qeerroofi qarreen akkasumas hawaasni marti Abbootii Malkaa dura akka hinirreeffanneefi malkaa hinsaaqne cimsinee ni beeksifna.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 18 Bara 2016

Recommended For You