Yeroo Goobeen dhuftu abbaan qe’ee baay’ee gammada jedhu jiraataan Magaalaa Bishooftuu. Goobeen sirba wayita birraan bari’u sirbamu yoo ta’u, jechi Goobee jedhu sirbichas, dargaggoota gareen sirban waamuufis ni ta’a.
Sirbi birraa Oromiyaa bakka adda addaatti akkaafi maqaa gara garaa qaba. Goobeen sirritti kan beekamu giddugala Oromiyaatti. Sirbi Goobee kan namootni lubbuun jiraatan barri haaraan bara nagaa akka ta’uuf ittiin waleebbisaniifi namoota du’aan boqatanii gara bara haaraatti hinceene kan ittiin mararfataniidha jedhu.
Ayyaanota ganamaa Oromoo bari’uu birraa himan
Ayyaana ijoollee Irreecha dura kabajaman
“Ergaan sirba goobee keessa jiru baga waggaa haaraa geessan kan jedhudha. Obbolaawwan walbira jiraachuu keenya agarsiisuufi kan lubbun isaanii darbee nu biraa dhabamanis lubbuu isaanii yaa ‘maaru’ kan ittiin jedhamudha” jedhu Dargaggoonni Magaalaa Bishooftuu.
Goobeen tapha dargaggootaati. Dargaggootni lakkoofsaan osoo hindaangeffamiin waarii loon manatti erga ol dachaasanii booda garee gareedhaan ta’anii manarra deemuun Goobee taphatu.
Sana boodas dargaggootni kun guyyaa guyyaan ykn darbee darbee akkuma haalli mijaa’efitti manarra deemun Goobee sirbu. Sirbi kunis hanga jala bultii ayyaana Gubaa Fulbaana 16tti ittifufa jedhan.
Gobileho gobileho… Goobe goobaa ahaaye
Goobeen geesse jedhani… Goobe goobaa ahaaye
Yoo dandeesse jedhani… Goobe goobaa ahaaye
Gandi gamaa eelee dhaabe… Goobe goobaa ahaaye
Sassattuu seexanni saame… Goobe goobaa ahaaye
Dureessi hinkooru jedhani… Goobe goobaa ahaaye
Maalo natti hinkoorini… Goobe goobaa ahaaye
Dullattin gaanfa qaratte… Goobe goobaa ahaaye
Adaraa gaafa dhalattee… Goobe goobaa ahaaye
Goba liyyu Goba liyyu… Goobe goobaa ahaaye
Dureessa sin jedha biyyu… Goobe goobaa ahaaye…walaloo sirba Goobee keessaa muraasa.
“Goobeen aadaa keenya kan abbootii keenya irraa argaa turredha” kan jedhan Dargaggoonni “yeroo goobeen dhufu abbaan qe’ee baay’ee gammada, abbaan warraafi haati warraa walin gadi bahanii abaaboo fudhatanii warra goobee sirbuuf maallaqa kennu” jechuun himan jedha odeeffannoon Kominikeeshinii Magaalaa Bishooftuurraa argame.
BARIISAA SANBATAA Hagayya 18 Bara 2016