Shaggaritti manneen daldalaa gatii dabalan 379 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee: Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti fooyya’insa Dinagdee Gooroo akka biyyaatti taasifameen walqabatee manneen daldalaa omishaalee garaagaraarratti gatii dabalan 379 irrratti tarkaanfii fudhachuu Waajjirri Daldala Magaalichaa beeksise.

Itigaafatamaan Waajjirichaa Obbo Bariisoo Tamasgeen Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, rifoormii dinagdee maakroo ilaalchisee akkuma Muummeen Ministeeraa kallattii kaa’aniin omisharratti gatiin akka hin daballe gochuuf magaalichatti koree taaksi foorsii hundeessuun hojiitti galee jira.

Taaksi foorsiin kunis Waajjira haqaa, waajjira poolisii, waajjira daldalaafi qooda fudhattoota birootirraa sadarkaa bulchiinsa magaalaatii hanga aanaatti kan hundaa’e yommuu ta’u, korichi tarkaanfii bulchiinsaafi ogummaa fudhachuurratti argama.

Rakkoolee hubannoo dhabuurraa maddu waan ta’eef daldaltootni qoonqoo lammii cufanii ofiisaanitiif karaa qaxxaamuraa duroomuuf yaalan gara seeraatti akka deebi’an gochuuf hojiin hubannoo cimsuu hawaasa daldalaafi jiraattootaaf waliigalatti namoota 4,857f kennameera.

Hanga Roobii darbeetti manneen daldalaa 379 tarkaanfiin irratti fudhatame keessaa 239 kan cufaman yommuu ta’u, 140 immoo akeekkachiisni itti kennamee, seera daldalaa eeguudhaan hojiitti akka deebi’an taasifameera.

Akkuma kanaan duraa sababa barbaadanii gatii dabaluu malee rakkoon dhiyeessii hin jiru kan jedhan Obbo Bariisoon; mootummaan federaalaas ta’ee kan naannoo omishaalee industirii baay’inaan biyya keessatti omishuufi alaa galchuun oomishni fichisiistotarraa gara raabsitootaatti, rabsitootarraa gara shamattootaatti fuuncaasaa eegee akka raabsamuuf hordoffiifi too’annoo jabaan taasifamaa jira.

Omisha kuusuun manneen hojii argaman kanaan dura yakka hojjetanii hin beekan yoo ta’e, gabaa idileedhaan ummatatti akka gurguran taasifama kan jedhan Obbo Bariisoon; eeyyama daldalaa malee hojjechaa kan jiran yoo ta’e garuu omishnisaanii seera kontirobaandii too’achuuf baheen irraa kan fudhatamu ta’uu ibsaniiru.

Hawaasni daldaltoota faaddila fayyadamanii jireenya dhorkan murteessuun hariiroosaafi mootummaa gidduu jiru balleessuun ofiisaaniif dorgommii malee duroomuuf hojjetan mootummaadhaaf dabarsee laachun mirga gabaarraa omisha bitachuuf qabu mirkaneeffachuu akka qabu ittigaafatamaan kun waamichasaanii dabarsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 18 Bara 2016

Recommended For You