Shaampiyoonaan Atileetiksii Dargaggoota Addunyaa umrii 20 gadii Hagayyaa 21-25tti adeemsifama

Finfinnee: Waldaa Atileetiksii Addunyaatiin waggaa lamatti altokko biyyoota adda addaatti kan adeemsifamu Shaampiyoonaan Atileetiksii Dargaggoota Addunyaa umrii 20 gadii ALA bara 1986 Magaalaa guddoo Giriki, Ateensitti jalqabame.

Shaapiyoonaan kun edda jalqabe waggoota 40 kan lakoofsise yoo ta’u, barana yeroo 20ffaaf Hagayyaa 21-25 bara 2016tti magaalaa guddoo Peeru, Liimaatti adeemsfama.

Pirezidaantii Waldaa Leenjistoota Atileetiksii Itoophiyaa Irreessaa Tolasaa Qottuu ibsa dheengadda Gaazeexaa Bariisaaf kennaniin, Itoophiyaanis akkaakuwwan ispoortii jahaan atileetoota dhiiraaf dubaraan shaampiyoonaa kanarraatti ni hirmaatti. Itoophiyaan atileetota dargaggootaa cicimoo qabattee shaampiyoonicharratti kan hirmaattu ta’uufi dorgommicharraas qabxii foyya’aa kan eegamu ta’uu eeraniiru.

Atileetonni Itoophiyaa bakka bu’uun shaampiyoonicharratti hirmaatan torban sadiif Hoteela galanii Giddugala Leenjii Ispoortii Dargaggoota Ioophiyaatti qohii taasisaa turuu himanii, hundisaanii qaamaafi sammuudhaan qophaa’oo ta’uus himaniiru.

Itoophiyaan Shaampiyoonnicharratti fiigicha meetira 800, kuma 1fi 500, Kuma sadiifi kuma shaniin koorniyaa lamaaniin kan hirmaattu ta’uu himanii, dorgommii suksukii meetira kuma kudhaniifi fiigicha gufachiisaa meetira kuma sadiin dubartoota qofaan kan hirmaattu ta’a. Shaampiyoonicharratti dubartonni 11fi dhiiroonni sagal walumaagalatti atileetota 20n hirmaatti.

Shaampiyoonaa baranaa kanarraatti biyyoota 134 irraa atileetonni kuma 1fi 720n kan hirmaatan yoo ta’u, atileetonni Itoophiyaa mo’anaadhaaf kaadhimamaniiru jedhu.

Shaampiyoonchi edda jalqabamee waggoota dheeraa kan lakoobsise yoo ta’u, Itoophiyaan meedaaliyaa warqii 46, meetii 51fi nahaasa 32n walumaagalatti meedaaliyaa 129 argachuun Addnyaarraa sadarkaa sadaffaa, Afrikaarraa ammoo sadarkaa lammaffaarratti akka argamtus eeraniiru.

Atileetota dabalatee miseensota 25 ol kan qabu jilli Itoophiyaa kun har’a gara magaalaa shaampiyoonichi itti adeemsfamu, Liimaatti qajeeleera.

Tashoomaa Qadiidaa

BARIISAA SANBATAA Hagayya 18 Bara 2016

Recommended For You