Seektara hir’uudhaan magaalaa gaggeessuun hamma yoomiitti?

Finfinneerraa fageenya kiiloo meetira 141 irratti, Godina Shawaa Bahaatti kan argamtu Maqiin magaalaa qabeenyawwan akka kuduraafi mudaraatiin daran badhaateedha. Kanumaafi, fakkaataa maashinaroonni adda addaa hojiilee qonnaatiif oolan kanitti baay’ataniifi magaalattii keessa garmaamaa oolaniif.

Shunkurtiin, burtukaanniifi kkfn naannawa magaalattiitti omishaman gabaa Finfinneefi magaalota kaanii quufsuun beekamu. Nutis yeroo dhimmuma hojiitiif tibbana gara Maqii deemnetti adeemsisaa hojii magaalattii Obbo Hayiluu Duulaa wajjin turtii gabaabaa kan taasisne yoo ta’u, innis akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Bariisaa: Maqaalaa Maqiitti maaltu bal’inaan omishama ykn hojjetama?

Obbo Hayiluu: Maqiitti qonni magaalaa bal’inaan hojjetama. Qonna magaalaatiin walqabatee inisheetivii mootummaan qabateefi manduubeerratti bal’inaan hojjetaa jirra. Gama inisheetivii mootummaan qabateen horsiisa lukkuu, loon aannaniifi kaan, akkasumas industirii godoorratti bal’inaan hojjetaa jirra.

Hojiin qonna magaalaa kilaastaraan hojjetamu kun haala gaariidhaan raawwatamaa jira. Qonni manduubee akka magaalaatti hojjechaa jirrullee abdachiisaadha. Qulqullinaafi magariisummaa magaalaarrattis bal’inaan hojjetaa jirra.

Bariisaa: Gama qulqullinaafi magariisummaatiin hoo maaltu hojjetamaa jria?

Obbo Hayiluu: Hojii qulqullinaarratti bifa duulaafi idileetiini kan hojjennu. Hojii kanarratti hawaasni bal’inaan hirmaataa jira. Hojichi torbee torbeedhaan sadarkaa qaxanaatti; torbee lama lamaan gandatti akkasumas ji’atti al tokko akka magaalaatti idileeffamee hojjetamaa jira.

Kanarrattis waldaalee sadiis gurmeessinee hojjetaa jiru. Waldaalee kanneen cimsuufis jaarmiyaalee adda addaa faana walitti hidhamiinsa uumnee konkolaataan keenya akkuma jirutti ta’ee akka balfa nuu kaasanii gara iddoo yeroof ittigatamuutti akka geessan taasisaa jirra. Baajaajota xixiqqoo balfa kaasanillee deeggarsaan argannee irratti hojjetaa jirra. Kanneen fa’iin qulqullinni magaalattii akka eegamu gochaa jirra.

Gama magariisummaatiinis iddoo buufata biqiltuu bal’aa qabna. Bakka kanatti biqituu nyaataaf, miidhagina magaalaafi gaaddisa fa’iif oolan qopheessuuf karoorfanne haala guutummaatti jedhamuun milkeeffanneerra.

Akka magaalaatti xiyyeeffannaan kan kennamu biqiltoota nyaataaf oolaniifi. Kanas dhibbantaa dhibbaa ol milkeeffanneerra. Kanneen miidhagina magaalaatiif oolanis sadarkaa 2ffaa qabatu. Kan gaaddisaa ammoo akkuma barbaachisummaasaatti karoorfannee karaa bal’inaafi cimina qabuun hojjechaa jirra.

Bariisaa: Maqiin gama bu’uuraalee misoomaatiin sadarkaa akkamiirra jirti?

Obbo Hayiluu: Gama bu’uuraalee misoomaatiin akka magaalaa keenyaatti bajanni idileefi mana qopheessaa jira. Akka mana qopheessaatti qarshii miliyoona 50 oliin bu’uuraalee misoomaa diriirsaa jirra. Kanneen keessaa ijoofi akka rakkoo bulchiinsa gaariitti yeroo dheeraaf ka’aa kan ture galmi walga’ii guddaa tokko barana ijaarameera. Galmi ijaaramaa jiru kun al tokkotti namoota 600 ol qabachuu danda’a. Galmi sadarkaasaa eeggate kun qarshii miliyoona 21 oliin ijaarame.

Dhagaa bocamaas lootiiwwan adda addaatiin hojjetaa jirra. Akkaataa gaaffii hawaasa keenyaatiin gara lootii sadii dhagaa bocamaan hojjenneerra. Kan biraa ibsaadhaaf tiraanisformarii harka dhibbaan xumurreerra. Paarki siitii tokkos ijaarree hojiitti galchineerra. Ibsaanis diriirfameeraaf. Walumaagalatti hojiilee akka mana qopheessaatti pirojektota torba qabanne. Torbaniyyuu yeruma qabameefitti xumurreerra.

Bariisaa: Gama bulchiinsa manneeniitin maaltu hojjetame?

Obbo Hayilu: Bulchiinsa manneeniitiinis walqabatee hojii bal’aatu hojjetamaa jira. Manneen gandaa misooma industiriif oolchuurrattis xiyyeeffannaan hojjetameera. Manneen 16 caalan misooma invastimantiitiif akka oolanif qaama dhimmi ilaallatu wajjin irratti hojjetaa jirra. Hojiinsaa jalqabameera jechuudha.

Bariisaa: Maqiitti kenni tajajailaa maal fakaata?

Obbo Hayiluu: Kenna tajaajilaa fooyyessuufis tokkoffaa hojjetaan hundi akka hubannoo argatu taasisneerra. Kaameeraa guddaa magaalaa Maqii walakkaan ol haguuguufi kenniinsa tajaajilaa seektarootatti kennamaa jiru to’achuuf gargaaru akka pirojektii 8ffaatti qabannee irratti hojjetaa jira. Kaameerichis ammaan tana tajaajilarra ooleera.

Erga magaalaan keenya riiformii keessa galtee as saffisni hojiifi misoomni dabalaa jira. Kenni tajaajilaas sadarkaalee gandaarraa kaasee fooyya’aa jira. Ammas kan hawaasni magaalaa keenyaa nurraa barbaadu tokkoffaa kenni tajaajilaa saffisaafi haqaqabeessa.

Kanaaf tajaajila caalaatti saffisaafi fooyya’aa ta’e kennuuf xiyyeeffannaan hojjenna. Akka barbaadnutti tajaajila saffisaa kennuurratti kan danqaa nutti ta’e tokkoofi ijoon seektaroota guutuu dhabuu keenya. Maqiin seektaroota guutuu hinqabdu. Tajaajila abbaa dhimmaa ittiquufu kennuuf akka mootummaatti caaseffamni guutamuu qaba.

Fakkeenyaaf Magaalaan Maqii seektaroota afyaa’ii, dhimma dubartootaafi daa’immanii, hawaasummaa, eegumsa naannoo, komineeshiniifi kkf waan hinqabneef nuu banamuu qabu. Hawaasaaf tajaajila guutuu kennuuf seektaroonni kunniin guutamuu qabu.

Magaalaan keenya sagantaa misooma magaalaatiif kaadhimamteetti. Sagantaa kana keessa gallee hojjechuuf seektaroota eeraman dabalatee kuunis guutamuu qabu. Waa’een guutamuu dhabuu caasaaleefi seektarootaa kun dhimma qaama dhimmi ilaallatuun xiyyeeffannaa argatee furamuu qabuudha.

Dhiphinni caasaas dhimma seektaroota keenya qoraa jiruudha. Seektarri banameet tajaajila eegalle malee warrumti jiraniyyuu humna namaa guutuu hinqaban. Kunis abbaan dhimmaa tajaajila saffisaa akka hinarganneef danqaa ta’aa jira. Caasaan dhiphaadha, humni namaa jirus daran xiqqaadha, tajaajilli nurraa bardaadamu garuu bal’aafi guddaadha. Akkuman irranatti jedhe dhimma xiyyeeffannoo barbaaduudha.

Bariisaa: Waanti hawaasni hubachuu qaba jettani kaastan yoo jiraate?

Obbo Hayiluu: Waanti hawaasni nuu hubachuu qaba jedhee kaasu tajaajila kenninu keessatti galteensaa murteessaa waan ta’eef tajaajila kennaafii jirru amanee fudhachuu qaba. Hawaasni dirqamasaallee bahataa mirgasaallee nugaafachuu qaba yaada jedhun qaba.

Kan biraa dhimmi bulchiinsa bu’uuraalee misoomaatiin walqabatees hojiilee mootummaan nuu hojjeteefi ofii hojjenne ofuma keenyaa bulfachuufi kunuunfachuu qabna kan jedhu hawaasa biratti qabatamuu qaba.

Dhimma qulqullinaatiin walqabatees hojiilee baay’een hojjetamaa jiru. Kanarrattis hawaasni dhimmi qulqullinaa na ilaallata, dhimma fayyaa naannawa kootiiti jedhee xiyyeeffannaan irratti hirmaachuufi hojjechuu qaba.

Bariisaa: Magaalaa Maqiitti hojiin gama carraa hojii uumuutiin hojjetame maal fakkaata?

Obbo Hayiluu: Carraa hojii uumuun kan danda’amu karaawwan hedduuni. Bu’uuraalee misoomaatiin walqabatee magaalaa keenyatti gamoo waajjira kantiibaa dabalatee pirojektota saddeetitu hojjetamaa ture, jiras.

Buufataalee biqiltuu keessattis carraan baname jira. Kana malees sochiilee hojii adda addaa magaalaa keenyatti uumamanirratti walumatti namoota kuma sadii oliif carraan hojii dhaabbiifi yeroo uumameen keessumaa dargaggoonni keenya fayyadamoo ta’aniiru.

Bariisaa: Magaalaan Maqii haala mijataa umamni ishee badhaasetti hammam fayyadamaa jirti?

Obbo Hayiluu: Waantota magaalaa Maqii adda taasisan keessaa omishni kuduraafi muduraa naannawa kanatti bal’inaan omishamuusaati. Kun sirriitti hojjetamaa jira. Magaalattiin omisha kanarraa sirnaan fayyadamteetti jechuu hindandeenyu. Asitti omishamee gara biraa geeffama. Ta’us waanti ammaan tana fayyadamaa jirtu tokko, carraa hojiitiif daran nu gargaareera.

Dhimma kana gara agroo industiriitti ceessisuuf sona ittidabaluurratti nu hafa. Isas amma dameen Paarkii Industirii Bulbulaa nu biratti banameera. Damichi hojii hineegalle. Gaafa inni hojii eegale kuduraafi muduraa kana asitti sona ittidaballee gabaaf dhiyeessuuf hojjetaa jirra.

Hangasumattuu faayidaan kuduraafi muduraa naannawa kanatti omishamurraa argamu laayyoo miti. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa kuduraafi muduraa akka shunkurtii, timaatimii, paappaayyee, raafuu maraafaa asii fudhata. Kana malees asii gara Jibuutiifi Sudaanittis ni fe’ama. Yuniyeenii kuduraafi muduraa niqabna. Innis saamsee erguu fa’irratti hojjetaa jira. Walumaagalatti bal’inaan ta’uu baatus jalqabbiin gama kanaan jiru gaariidha.

Bariisaa: Gama hojmaata dijitaalessuutiin maaltu hojjetamaa jira? Bakka hojii mijataa gochuuf hoo waanti yaadame jiraa?

Obbo Hayiluu: Dokumantoota jiran dijitaalessuuf keessumaa waajjira lafaa wajjin kaadaastararratti hojjetaa jirra. Lafti keenya kaadaastaratti galaa jira. Hojii kana bajata guddaa qabuufiin hojjetaa jirra. Waldaaleen daataa funaananii dhimma kanarratti hojjetan jiru.

Galiis bifa dijitaalaatiin funaanaa jirra. Kaashiin tokkollee nu biratti funaanamu hinjiru. Telee birriidhaan hojjetamaa jira. Boba’aanis akkasuma. Tajaajilli kanaas telee birriidhaan kennamaa jira. Hojiilee kanneenirraa bu’aa gaarii argachaa jirra.

Bakka hojii mijataa gochuufis waanti jalqabame jira. Magaalaan keenya erga riiformii keessa galtee waggaa 2ffaarra jirti. Bardheengaddaa seektaroota shaniif wajjirri ijaarameera. Kan poolisiirraa kan hafe seektaroonni hundi bakkuma tokkotti waldhiphifamee taa’amaa ture.

Asii baafnee mana kiraatti galchaa turre. Waajjiraalee kaaniifis ijaaruuf karoorfanneerra. Bakkuma jiruttis teessoowwan dabalamanii bakki hojii akka mijatuuf tattaafataa jirra. Bakkumti abbaan dhimmaa sirnaan ittikeessummeeffamullee rakkisaadha. Kanaaf waan jalqabne cimsinee ittifufuun waljalaa furaa deemna.

Bariisaa: Pirojekonnii akka misooma koriidariifi Itoophiyaa qulqulluufaa Maqiitti haala kamiin hojiirra oolaa jiru?

Obbo Hayiluu: Gama kanaan muuxannoon nuti Finfinneefi Adaamaa fa’irraa fudhannee hojjetaa jirru jira. Adaamaan hojii ismaarti siitiirratti hojjetteen akkuma biyyaattuu badhaafamtuudha. Shaggar, Finfinneef Dirree Dhawaanis badhaafamtoota addaati. Walaayittaa Sooddoo foramii magaalota Itoophiyaa baranaa qopheessites akkasuma.

Muuxannoo kaameeraa ‘CCTV’ magaalaa guddoo godina keenyaa kan taate Adaamaarraa fudhanne. Warruma Adaamaaf hojjetetu nuufis erge. Waa’ee kaadaastaraafi ijaarsa seeraan alaarrattis magaalattiirraa muuxannoo gaarii fudhanneerra.

Qindoominaanis hojjetaa jirra. Akkuma Oromiyaattuu magaalota walitti dhiyeenyaan jiran wajjini hojiin misoomaa qindoominaan hojjetamaa kan jiru. Nutis magaalota Baatuu, Adaamaafi kaan godinuma keenyatti argaman biroo wajjin walittihidhamiinsa cimaa uummachuun hojjetaa jirra.

Bariisaa: Dhaamsa yoo qabaattan?

Obbo Hayiluu: Ergaan akka gaariitti akka nuu darbu barbaadnu kan mootummaarraa barbaadnuudha. Innis dhimma dhiphina seektarootaati. Haa xiqqaatuu haa guddatuu kutaadhuma dhiphaa kana keessatti abbootii dhimmaa keessummeessaa jirra. Ta’us seektaroota guutuudhaan abbaa dhimmaa keessummeessaa hinjirru. Kanaaf mootummaan xiyyeeffannaa itti nuu kennee dhiphinumasaa wajjin otoo seektaroota hinqabnes nuu saaqee gaariidha.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 18 Bara 2016

Recommended For You