Oromiyaatti biqiltuuleen baala shaayii miliyoona 413 dhaabbiif qophaa’an

Finfinnee: Oromiyaatti bara 2016 biqiltuuleen baala shaayii miliyoonni 413 dhaabbiif qophaa’uu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise.

Hogganaa ittaanaan biirichaa Obbo Mahaammadsaanii Amiin ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, naannichi potenshaalaafi carraa bal’aa misooma shaayiif ta’u qabaatus waggoota baay’eef xiyyeeffannaa dhabuurraa kan ka’e bu’aa barbaadamu otoo irraa hinargatiin tureera.

Waggoota lamaa as garuu xiyyeeffannoo kennameen inisheetivii omisha baala shaayii jalqabuun hojiileen abdii namatti horan hojjetamaa jiru. Inisheetivii kanaanis barana biqiltuu baala shaayii miliyoona 413 lafa hektaara kuma 30 uwwisuu danda’u qopheessuun danda’ameera. Kana keessaa ganna kana biqiltuu miliyoona 77 dhaabuuf karoorfamee hanga ammaatti miliyoona 70 lafa hektaara kuma afurirratti dhaabameera.

Lafti hektaarri kuma 150 omishichaaf mijataa ta’uu qorannoodhaan adda baafameera kan jedhan Obbo Mahaammadsaaniin, lafa kanarratti yoo sirnaan hojjetame bu’aan argamu jiruufi jireenya qonnaan bulaa fooyyessuu bira darbee dinagdee biyyattii utubuuf gahee olaanaa akka qabaatu eeraniiru.

Omishuu qofa osoo hintaane omishicharratti sona dabaluun warshaa shaayii babal’isuuf dhaabbilee dhuunfaafi jaarmiyaalee misoomaa mootummaa waliin ta’uun indastiriin akkamii eessatti akka barbaachisu adda baasuun hundeessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Qonnaan bulaan omisha qulqullina qabu omishuun bu’aa barbaadamu akka argatu taasisuufis paakeejiin deeggarsaa faayidaarra oolchaa jiraachuus eeraniiru.

Hanga barbaadamu teknolojiidhaan deeggaramuu dhabuun, hojichi yeroo dhiyoo keessa jalqabamuurraan kan ka’e hanqinni beekumsaa, omishicharratti qorannoo gahaa taasisuu dhabuu, hanqinoonni sanyii filatamaafi, gabaafaa hudhaalee sirna omishaafi omishtummaa baala shaayii ta’uu himaniiru.

Hudhaaleen kunneen ammaaf jiraatanis muuxannoo biyyoota garagaraarraa qooddachuufi babal’isuun yeroo dhiyootti furmaata kennuun bu’aa barbaadamu argachuuf biirichi kutannoon kan hojjetu ta’uu Obbo Mahaammadsaaniin ibsaniiru.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (‘PhD’) xiyyeeffannaa misooma shaayiif kanname ilaalchisuun, “Injifannoo cimaa bunarratti galmeessisne omisha shaayeerrattis ni daballa” jechuunsaanii ni yaadatama.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 18 Bara 2016

Recommended For You