Maniiwwan tarsiimawoo karoora xiiqii bara 2017 keessaa

Maniiwwan karoora xiiqii bara 2017 milkeessuuf toora xiyyeeffannoo qabame sirriitti hojiirra oolchuun murteessaa ta’uu Mootummaan Naannoo Oromiyaa beeksisaa tureera.

Kaayyoon karoora xiiqii kun wanti karoorfame harcaatii malee milkaa’ee fedhiin bu’uraalee misoomaa hawaasaa akka guutamu eeggattummaanfi beelli akka dhabamsiifamu inisheetiiviwwan gara garaa babal’isuun qonnaan bulaan lafasaa hagabuu akka hinbulchine kanneen lafa xiqqoo qabanimmoo dallaasaanii keessattillee misoomawwan gara garaa akka babal’isan kan jajjabeessuudha.

Haaluma kanaan omishaafi oomishtummaan dachaan akka dabaluuf, makanaayizeeshiniin qonna ammayyaa akka babal’atu ta’aa kan jiru yoo ta’u, lafa xiqqoo qabanirrattis inisheetiiviwwan, buuphaa, lukkuu, horii aannanii, fuduraalee gara garaa misoomsuun wabii midhaan nyaataatiin of danda’uufi gabaa tasgabbeessuun xiyyeeffannoo akka argatu ta’eera ammas xiiqiin irratti hojjetamaa jiraachuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibseera.

Hogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Isheetuu Sirneessaa ibsa Kibxata darbe kennaniin, mootummaan karoorri xiiqii bara 2017 akka milkaa’uuf xiyyeeffannoo taa’e bu’ureeffachuun humna guutuun hojjeta jedhaniiru.

Maniiwwan tarsiimawaa qabaman keessaa wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu, alergii guddisuu, omisha alaa galu kan biyya keessaatiin bakka buusuufi carraa hojii uumuu giddugaleeffatee baay’ina, qulqullinaafi saffisaan hojiirra akka oolchu himaniiru.

Misooma midhaanii ilaalchisees waqtiilee arfaasaa, qonna gannaan, inisheetiivii qamadii boneen omishaafi omishtummaa dachaan dabaluun eeggattummaa alaa hambisuufi alergii biyyattii guddisuuf yoomiyyuurra akka hojjetamus ibsaniiru.

Guddachuu omishaafi oomishtummaa naannichaaf babal’achuun makaanaayizeeshinii qonna ammayyaa murteessaa ta’uus himanii, bu’uuruma karoora xiiqii qabame kanaan tiraakteroota, 1150, kombaayinaroota 50 dhiyeessuuf qophaa’ummaan jiru olaanaadha jedhaniiru.

Hudhaalee dinagdee biyyattii booddeetti harkisu jedhaman kanneen akka alseerummaa damee albuudaarratti qaqqabaa jiru maqsuun bara 2017 albuudawwan qaalii alatti ergamanirraa doolaara miliyoona 636.5 argamsiisuuf ni hojjetama jedhan.

Kan gabaa biyya keessaatiif oolanirraa qarshii bilyoona 2.5 argamsiisuuf kutannaan akka hojjetamu kan eeran Obbo Isheetuun, invastimantiiwwan biyya keessaafi alaa simachuun hojidhabdoota miliyoona 3.4 ta’aniif carraa hojii uumuuf xiiqiin akka hojjetamus ibsaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 18 Bara 2016

Recommended For You